Weellistuun Sa'uudii viidiyoo muuziqaa hojjetteef hidhaan ishee mudate

Asayel Slay

Madda suuraa, Asayel Slay

Aanga'oonni mootummaa Sa'uudii Arabiyaa weellistuun sirba sirba waa'ee bareedinaa fi cimina shamarran Makkaa leellisu mata duree 'Mecca Girl' jedhuun baaste akka hidhamtu gaafatan.

Oduun kun erga dhagahamee booda fayyadamtoota miidiyaa hawaasummaa akkaan mufachiiseera.

Miidiyaa hawaasummaarratti namoonni aanga'oonni weellistuu kana hidhuuf barbaadan abbootii irreeti ittiin jedhaniiru.

Bara 2018 keessa mootiin Sa'uudii duudhaa fi aadaa ganamaatti cichuurra haala ture fooyyessuuf rifoormii eegalanii turan.

Rogeeyyiin garuu inumaa hacuuccaa fi dhiittaan mirga namoomaa cimee itti fufe jechuun komatu.

Viidiyoon muuziqaa weellistuu Asayel Slay jedhamtuun hojjetame kun torbee darbe ture kan YouTube irratti gadi dhiifame.

Weellistuun kun walleeshee keessatti waa'ee miidhagina dubartoota Makkaa bifa raappiitiin dhiyeessite.

Makkaan iddoo kabajaa amantii islaamaa yoo ta'u waggaatti muslimoonni miiliyoonaan lakkaa'aman hajjiif kan itti walga'aniidha.

''Kabaji keenya dubartootaaf, keesattuu shamarran Makkaa shukkaara ,karameellaadha'' sirba jedhurratti shamarranii fi dhiironni kaaffee keessatti wayita shubbisan mul'isa viidiyoon sirbaa kun.

Viidiyoon sirbaa kun miidiyaa hawaasummaarratti baay'inaan faca'eera.

Namoonni hedduun 'hashtag #Mecca_Girl_Represents_Me' jechuun dubartoota Makkaa jajaniiru.

Kamisa darbe bulchaan Magaalaa Makkaa Kaalid al-Fayisal namoonni viidiyoo kana deggeran akka seeraan to'ataman tuwiitarii isaaniirrratti barreessanii turan.

Tuwiitarii isaaniirratti,''Kun duudhaa Makkaa tuffachuudha. Shamrran kunneen shamarran Makkaa miti'' jechuun barreessan.

Erga wallee kun gadi dhiifamee akkaawontiin Asayel Slay uggurameera, viidiyoon sirbaa kunis YouTube irraa haqameera.