Weellisaan 'dubrummaa' intala isaa waggaa waggaan qorachiisu mormii kaase

Madda suuraa, Getty Images
Weellisaan lammii Ameerikaa T.I intala isaa ganna 18 taate ogeessa gadameessaa bira fiduun 'dubrummaa'n ishee jiraachuufi jiraachu dhabuusa akka adda baafate eega dubbatte booda mormii kaaseera.
Weellisan kun dabalataanis doktorri qorannicha geeggeesse "bu'aa qorannichaa saffisaan' naa kenne jechuun doktoricha ajaa'ibsiifateera.
Kanarraa kan ka'e seera baaftoonni Niiw Yoorki dubartoonni dursanii saal-qunnamtii godhanii yoo jiraatan beekuuf qorannoon 'dubrummaa' akka hafu gaafataa jiru.
Qocollaa saalaati
Qorannicha akka hafun kan gaafatan keessaa tokko kan ta'an miseensi paartii dimookiraatootaa Miisheel Soolaajis "taateen kun miidhaa dubartootarra gahu keessa isa tokko" jechuun BBC'tti himaniiru.
"T.I qorannoo 'dubrummaa' intalasaarratti akka taasifamu godheefi yaanni inni kenne fudhatama hin qabu. Gocha isaa kanaan ilaalcha dogongoraa dubartoonni akka meeshaatti ilaalaman dabarseera," jedhu miseensi paartichaa.
Seerri akka ba'u eeggamu kun wixineen walfakkaata mana mareedhaaf dhiyaatee koreen akka irratti mari'atu ni eeggama.
Seerichi of keessaa maal qaba?
Seericha fudhatama argatee yoo raggaasiifame qorannoon 'dubrummaa'irratti godhamu kamuu seeraan ala yoo ta'u; doktoroonni qorannichi taasisan kamuu hayyamni hojii isaanii ni haqama.
Dabalataanis, doktorootarratti himannaan irratti kan banamu yoo ta'u; qorannichi immoo yoo mana yaalaatiin alatti gaggeeffame immoo akka qocollaa saalaatti fudhatama.
Yeroo ammaatti seerri qorannoo 'dubrummaa' guutuu Ameerikaa keessatti dhorku hin jiru.

Madda suuraa, Getty Images
'Qorannichi barbaachisaa miti'
Akka addunyaatti biyyoonni qorannoo 'dubrummaa' gaggeessan 20 yoo ta'an; akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti garuu qorannichi faayidaa tokkollee kan hin qabneefi dubartootarratti gocha miidhaafi dhukkubbi fiduuti jedhan.
Ogeessota fayyaa biratti hojii saayinsaawaa kan hin taaneefi mirga namummaa dubartootaa kan dhiibu ta'uusaatiin alatti faayidaa tokkollee hin qabu. Dabalataaniis qorannichaan 'dubrummaa'n jiraachuufi jiraachuu dhabuusaa beekuun hin danda'amu jedha Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa.
Bu'aan qorannichaas miidhaa qaamaafi xiinsammuu qabaachuus danda'a.
Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti; Dhaabbanni mirga namummaafi dubartootaa gochicha "barbaachisaa kan hin taane" jechuun idil addunyaatti akka dhorkamu waamicha dhiheesseera.
Qorannoo 'dubrummaa' waggaa waggaan
Qorannichi abbaasheen akka irratti taasifamu kan godhamte intalli weellisaa T.I Deeyije Haaris; dhimmichi erga ifa taasifame booda miidiyaalee hawaasummaa heddurratti abbaashee hordofuu akka dhiifte gabaafameera.
Weellisaan ganna 39 maqaan isaa dhaloota Kaalifoord Haaris yoo ta'u badhaasa Giraamii sadi argateera. Qorannoo 'dubrummaa' intalasaarratti eega godhe kan dubbate tamsaasa poodkaastii tokkorratti dhiyaateeti.
Weellisichi marii san irratti waa'ee barnootaa saalaan walqabatan ijoolleedhaaf kennamu ilaalchisee gaafatamee yeroo deebisu; "marii ifa ta'e qofa osoo hin taane waggaa waggaan doktora bira fiduun 'dubrummaa' ishee nan qorachiisa," jedheera.
Weellisichi akka jedheti doktorichi biskileetii ofuufi fardaan gulufuun; sochii ispoortiirrattiifi sababa hojiilee ulfaataan 'dubrummaa'n baduu akka danda'u dubbatus "sochiilee ulfaatoo gootee hin beektu. Kanaafuu qorannicha taasifnee bu'aasaa saffisaan arganne" jechuun dubbateera.
Mormiirraa kan hin hafne
Dubartoota sadirraa ijoollee jaha kan qabu T.I dhimmoota garagaraarraatti mormii kaasuun isaa waan haaraa miti.
Weellisichi asiin dura gurgurtaa meeshaa waraanaafi qoricha sammuu namaa adoochaniin himatamee al-lama hidhaaf saaxilamee ture.
Haati warraasaa Tiiniiyi jedhamtee beekamtu barreessituu walaloofi weellistuu yoo taatu amanamaa miti jechuun asiin duraa himannaarratti banteetti.
















