Jay- Z'n hidhamtoota bakka bu'uun aangaa'ootarratti himata bane

Jay-Z

Madda suuraa, Getty Images

Dureessi industirii muuziqaa keessatti beekamaa ta'e Jay Z'n hidhamtoota 29 jireenyi isaanii rakkoo keessa jira jedhu bakka bu'uun aanga'oota mana hidhaa Ameerikaarratti himannaa bane.

Jay Z'n dhimma kana akka duukaa bu'aniif abokaatoowwan isaaa ramadeera.

Himannaan kun sababa 'hojjettota hir'isuufi kunuunsa kennuu dhiisuutiin' lubbuun hidhamtoota manneen hidhaa Misisippii 'rakkoo keessa jira' jechuun eera.

Jay z'n himannaa kana kan dhiyeesse karaa garee Team Roc jedhaman kan dhaabbata bashannanaasaa ROC Nation jedhamu keessatti hojii tola-ooltummaa hojjataniinidha.

Kan gochuuf kan murteesses, Waggaa Haaraa kanatti mana hidhaa kutaa bulchiinsichaa keessatti haleella qaqqabeen torban tokko keessaatti namootni shan erga ajjeefamanii booda.

Rakkoon baajatni xiqqaachuufi hojjetoota hir'ifamuu "hokkara mana hidhaa" fi ajjeechaa hamaa "osoo hin yaadamiin ta'e" kanaaf ka'umsa ta'eera jedha himannaan kun.

"Baajataa hir'isuun namooti mana hidhaa Misisippii keessaa jiran haalaa kunuunsa hin qabneefi gatamuu keessa akka jiraataniif dirqiiseera, kun ammoo rakkoo fayyaa qamaa fi xiinsammuutti isaan saaxila," jedha himannaan dhiyaate.

Akka himannaan Kibxata mana murtiitti kan dhiyaatee kun jedhutti manni hidhaa Parchiman - bakka hidhamtoonni sadii keessatti du'an - loolaa, faangasii fi haantuutaan kan faalameedha.

Hidhamtoota kanaaf beenyaan akka kaffalamuufi Waajjirri manneen hidhaa Misisippii rakkoo kana akka hiikuuf ajaji isaan dirqisiisu akka ba'u gochuun karoora himannaa kanaati.

Himannaa kun ba'u torbee tokko duraa xalayaan hogganaa bulchiinsa Misisippii Fil Birayaant fi Komishiinar Hoolitti ergamee ture.

Xalayaan kun "Roc Nation fi dameen tola ooltummaa isaa Team Roc, halaa rakkiisaa amma jiru kana furuuf bulchiinsi Misisippii ejjennoo hatattamaa akka fudhatu gaafata" jedha.

Bara 1996tti gara beekamtiitti kan dhufefi bara 1969 tti kan dhaalate Jay Z'n maqaan isaa inni sirriin Showun Karteer yoo ta'u, bara 2008tti ammoo weellistuu beekamtu Biyoonsee waliin ga'eela dhaabbateera.