Lammiin Ameerikaa daabboo $50 hate waggoota 36 booda hidhaa bahe

Lammiin Ameerikaa $50 hate waggoota 36 booda hidhaa bahe.
Abbaan murtii Alaabamaa namticha daabboo $50.75 saame jedhame umriisa guutuu akka hidhamu itti murta'e akka hiikamu ajaje.
Namni ganna 58, Alvin Kenaard, seera adaba yakkaa bara 1970 keessa baheen adabbiin sukaneessaan itti murame.
Murtoon kun hiriyoota fi maatii isaa mana adabatti isa gaafata turan fi Kenaarduma isaa mana hidhaa keessa ture miirasaa haalan jeeqera.
Abukaatoon isaa Karlaa Kowarder akka jettetti carraa kanatti ''miira addaa keessa seenuu' fi maatin isaanis akka hordofamu ta'a jedhameera.
Hojii mukaa otoo hidhaa hin seeniin hojjataa turetti deebi'uu akka barbaadus himteetti ogeettin seera isaa kun.
Bara 1983 nama ganna 22 kan ture Kenaard wayita sana cuuphee qabateetu daabboo same. Wayita sanatti cuupheedhaan nama hin waraannes hin madeessines, garuu hidhaa umrii guutuutu itti murtaa'e.
Yeroo sanatti saamicha raawwachuus ofiisaatiif amaneera, kana jechuunis seera adaba nama balleessa raawwate ittin adaban 'Habitual Felony'darbeera.
Seerri kun 'Three Strikes Law' jedhamees waamama.
Akka seera kanaatti adabbiin murtaa'e adabbii maallaqaatti hin jijjiramu.
Kenaard uffata dambii mana hidhaa diimaa uffatee wayita dhiyaate abbaan murtii akka gadhiifamu erga murteesseen booda, murtee dabarseef itti gaafatamummaasaa anatu fudhata jedhee dubbate.
Wayita dhaddacharratti murtoon kun darbe hiriyoonni fi maatiin isaa gammadanii utaalanii dhaqanii itti maraman.
''Hundi keenya ni boonye''jetti intalli abbeeraa isaa Paatiriyaa Jooniis. Waggaa 20'n darbe akka hiikamu dubbataa turee jette.
''Dhimma Kenaard keessa kan adda ta'e gaafa umrii guutuu akka hidhamu itti murtaa'uufi haala hin eegamneen jireenyi isaa jijjiramee ''jechuun Kowaarder barruun the Guardian jedhamutti kan himte.
Mana hidhaa Donaaldsan jedhamu Bisimeer Alabaamaatti argamutti ture jetti Kowaard, namni inni waan qabu itti dhiisee mana hidhaa seene.
















