Naannoo Somaalee: 'Jail Ogaden' fi yaadannoo dararamtootaa

Fakkii sarbamiinsa mirga namoomaa ibsu

Madda suuraa, Human Rights Watch

Manni hidhaa magaalaa Jigjigaa 'Jail Ogaden' jedhamuun beekamu akka biyyattii manneen hidhaa hidhamtootni daraaraa hedduu itti argan keessa isa tokko ture. Manni hidhaa kun amma cufamus, seenaa himuuf kan lubbuun olan waayee mana hidhaa kanaa BBC'tti himaniiru.

Kallattii baha magaalaa Jijjigaatiin bal'iinsa habalakaa dirree bareedaarratti mooraan bilookeetiidhaan marfamee ijaarame irri isaa shiboo ta'e manneen hedduu of keessatti qabatee argama.

Hanga yeroo ammaattillee seensa mooraa isaarratti Mana Hidhaa Magaalaa Jigjigaa kan jedhu gurguddatee barreeffamee argama.

Namoonni garuu maqaa 'Jail Ogaden' jedhuun beeku.

Yeroo ammaa manni hidhaa kun 'Jail Ogaden' jedhamee akka waamamu hin brabaadamu.

Komishinarri Komishinii Bulchiinsa Manneen Amala Sirreessaa Mootummaa Naannoo Somaalee Obbo Bashir Ahmad, manni hidhaa 'Jail Ogaden' namoota hiraarsuudhaan haa beekamuyyuu malee, iddoowwan namoonni itti gidirfamaa turan hedduudha jedhan.

Mooraa mana hidhaa kana wayita seenan manneen bilookeetiidhaan ijaaraman hedduun dhiyeenyaa fi fageenyarratti mul'atu.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Mana hidhaa naannoo Somaaleetti 'Jail Ogaden' keessatti yakka hamaatu raawwatamaa ture.

Mooraa sana keessa wayita seenan ammas mooraa biraatu jira.

Mooraa isa keessa jiru keessa wayita seenamus mooraa biraatu jira.

Namoonni kanaan dura 'Jail Ogaden'' keessatti hidhamanii turan wayita waa'ee ijaarsa manneen kanaa nutti himan hidhamtoonni akkaataa adabbii isaaniitiin kan qoqqoodamanii keessa tursiifamaniidha jedhan.

Manneen hidhaa kunneen lakkoofsaan 7ffaa, 8ffaa, 9ffaa jedhamuun adda baafamu.

Kanneen keessaa lakkoosi 8ffaa jedhamee kan beekamu kutaalee dhidhiphoo fi dukkanaa wayita ta'an namoota yakka shororkeessummaa yookiin ammoo Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaaden waliin hidhata qabdu jedhamuun shakkamantu keessatti gidirfamu.

Manni hidhaa kun kutaalee saddeet garasii fi garanaan qaba, gidduun daandii dhiphoo keessa deemuuf nama sodaachisuudha.

Kutaaleen jiran tilmaamaan lafa kaaree 10 hin caallerratti ijaaraman.

Dhuga bahumsa dararamtootaa

Fakkii sarbamiinsa mirga namoomaa ibsu

Madda suuraa, Human rights watch

Mana dhiphoo fi dukkanaa kana keessatti namoota hedduutu gidirfamu, kanneen keessaa tokko kan ta'e Alii Hasan argannee dubbisneerra.

Aliin mana hidhaa 'jail Ogaden' keessatti hidhamuusaatiin dura miseensa eegdota mana hidhaa ta'uun waggoota 17f tajaajileera.

''Halkan osoon eegumsarra jiruu hoogganaan kiyya na waamee koottu hidhamtoota reebi naan jedhe. An garuu hin raawwadhu jedheen dide.

Yeroo biraas reebi naan jennaanan dide. Duuba komishinarri yeroo sanaa dhagahee ati Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaaden- ONLF waliin hidhata qabda jechuun na hiisise,'' jechuun eegduu mana hidhaarraa gara hidhamaatti akkatti jijjiirame dubbata.

Aliin mana adabaa maqaa 8ffaa jedhamuun beekamu keessatti ji'oota 20f hidhamuu dubbata.

Ji'oota 20 kanneen keessatti mana dukkanaa bishaanni itti guutametti hidhamaa akka ture akkasumas boolla keessatti bofa waliin hidhamaa akka ture dubbateera.

''30 taanee kutaa kana keessatti hidhamaa turre. Kutaan dhiphoo waan taateef akka sareetti walirra rafaa turre. Akkasumattillee akka nuti hin rafneef kutaa keenyatti bishaan guutu.'' Jedha Alii Hasan.

Balballi kutaawwan kunneenii hunduu qorqorroo laameeraa irraa kan hojjetame ta'ee, lafaa fi balbala gidduu akkasumas irra keessaan simmintoodhaan cufameera.

Kana kan godhaniif jedha Aliin ''Qilleensii fi ifi gara keessaa akka hin seenne akkasumas bishaanni tuubboodhaan gara keessaatti dhangalaafamu deebi'ee gara alaatti akka hin baaneef.''

''Kutaan bishaaniin guutama. Bishaan keessa akkamiin rafta? Kan jedhu Aliin ''Bishaan keessa rafuu waan hin dandeenyeef addaan girgiddaa manaatti hirkannee dhaabanneeti kan bullu.''

Aliin rakkoon narra ga'eera jedhu kan qofa miti. ''Kottaa mana koon isinitti agarsiisaa'' jedhee nu dura bu'e.

Aliin ''mana kiyya jedhee kan yaamu boolla mana fincaaniif qotameedha.

Boolla kana keessatti bofa waliin akka hidhamee ture dubbata.

''As keessa si galchanii irraan sitti cufu. Boolla kana keessaa wayitan ba'u homaa hin argu.'' Jedha Aliin.

Hidhaa Qeerransaa fi Waraabessa waliin

Fakkii sarbamiinsa mirga namoomaa ibsu

Madda suuraa, Human Rights Watch

Kana qofaa miti. 'Jail Ogaden' keessa mana sarootaa kan fakkaatu kan shiboodhaan ijaaramtee fi kutaa lama qabdutu jirti.

Kutaa tokko keessa qeerransa, kaan keessatti ammoo waraabessatu hidhamee ture jedhu namoonni ammallee mana hidhaa kana eegaa jiran.

Kutaalee mana sarootaa fafakkaatan kana keessatti namni waraabessaa fi qeerransa waliin hidhamaa akka ture ijaan arguusaa nutti hime Aliin.

"Ofii kiyyaa as keessatti hidhamuu baadhullee namoonni as keessatti hidhamaa akka turan wayitan waardiyyaa mana hidhaa kanaa ture argaan ture.''

''Namnis waraabessis walsodaatanii qarqara gamaa gamanaa qabatanii taa'u.'' ''Qeerransis al tokko tokko ni sodaata. Garuu gidduudhaanimmoo qeensaan nama qala.''jechuun waan argaa ture nutti himeera.

Qorattoonni dararaa kana hundaa kan hidhamtoota irraan ga'aniif odeeffannoo harkaa baasuufidha jedha Aliin. ''Dubbadhu naan jedhu.An garuu homaa hin beeku. Wayitan baay'ee dhiphadhu calliseen maqaa namootaa waama. Namoonni an maqaa waame qabamanii wayita dhufanis homaa hin jiru,'' Jedha Aliin

''Amma daayippariidhaanin jira''

Namni biraan mana hidhaa kanatti dararaman haadha ijoollee ja'aa kan ta'an Maariyamaa Abdul jedhamu.

''Miseensa Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaaden naan jedhanii waggaa 10 fi ji'a saddeet manneen hidhaa 'Jail Ogaden' fi Qaallittiitti na hidhan'' jedhu.

Fakkii nama lafa ciisuu

Madda suuraa, Human rights watch

Aadde Maariyamaan gidiraa mana hidhaa 'Jail Ogaden keessatti argan boo'aa dubbatu.

''Halkanii fi guyyaa na reebaa turan. Amma daayippariidhaanin jira'' Jedhu.

Aadde Maariyaamaan gar malee waan reebamanii fi tajaajila wal'aansa fayyaa waan dhorkamaniif yeroo ammaa fincaan qabachuu hin danda'an.

Kanaafuu yeroo hunda daayipparii godhachuuf akka dirqaman dubbatan.

Aadde Maariyamaan isaan qofa osoo hin taane hidhamtoota kanneen biroo irrattillee dararaa guddaan qaqqabaa akka ture nutti himan.

Wayita hidhamaa kutaa tokkoo gara biraatti dabarsan harkaa fi miilla kaateenaadhaan walitti hidhanii deemi jedhuun. Mee namni tokko harkii fi miilli walitti hidhamee akkamiin deema?'' jedhu.

Hidhamtoota dubartootaa irraanis miidhaa saalaa olaanaa geessisaa turan jedhu Aadde Maariyamaan.

''Halkan keessa dhufanii shamarran babbareedoo fi umuriidhaan daa'imman ta'an koottu komishinaraaf shayii danfistaa jedhanii fuudhanii deemu. Yeroo hunda shamarran fuula tolanii fi umurii ijoolummaa qaban dhufanii waamu'' Jedhan.

'Jail Ogaden' keessatti daa'imman haadha waliin akka hidhamanii fi nama tokkoof qixxaa boqqolloo xixiqqoo tokkoo fi shaayii kubbaayyaa tokkotu guyyaatti kennamaaf jedhan.

''Kan kennamtu qixxaa tokkoo fi shaayii kubbaayyaa tokko. Kana haadhamoo daa'imatu nyaata?'' kan jedhan Aadde Maariyamaan isaan dabalatee harmootiin isaan waliin hidhaman ofii hagabuu taa'anii daa'imman isaaniif waan argatan kennaa akka turan dubbatu.

Qorattoonni wayita deebii hatattamaa barbaadan bobbaa fi fincaan walmakaa mana fincaanii keessaa waraabanii mataa harmootii irratti jiksanii yeroo dheeraaf aduu keessa tursiisaa turan jedhan.

Bobbaa fi fincaan haala kanaan mana fincaanii keessaa waraabamee namootarraa dhangalaafamaa ture yeroo amma bakka sanatti gogee baay'inaan mul'ata.

''Fedhii rabbiitiin dararaa sana hunda keessa dabarreerra'' kan jedhan Aadde Maariyamaan, Pirezidaantii Itti Aanaa naannoo Somaalee Muzxafaa Muhammad Umar waliin walarganii akka turanii fi miidhaa irra ga'eef tajaajila wal'aansaa akka argatan waadaan akka galameef nutti himan.

Dhiphuu maatii

Dararaan 'Jail Ogaden' hidhamtootaaf qofa osoo hin taane maatiifillee suukanneessaa ture.

Mana hidhaa beekamaa maqaa 'Jail Ogaden' jedhamuun beekamu kan keessatti waan raawwatu namuu ni yaadata, ni sodaata.

Namni maatiin yookiin firri mana hidhaa kanatti duraa hidhame yoomiyyuu boqonnaa hin qabu jetti namni biraan Ayishaa Ahmad.

Abbaan Manaa Aayishaa Ahmad hojjetaa mootummaa ture.

Sababa hin beekamneen qabamee mana hidhaa 'Jail Ogaden' buufame.

Haadha ijoollee shanii kan taate Aayishaan abbaa manaashee arguu baattullee isaaf jettee garuu guyyaa guyyaan nyaata mana hidhaa sanatti geessuu hin dhiisne.

Hasan Faraah waggoota kurnan darbaniif manneen hidhaa 'Jail ogaden' fi Godee jiranitti eegdummaan tajaajileera.

Akka inni jedhutti Jail Ogaden' keessatti maatiin nama duraa hidhame arguun hin eyyamamu.

Haata'u malee abbaan manaashee kan du'e mana hidhaa sana seenee guyyoota muraasa keessatidha.

Nama mana hidhaa 'Jail Ogaden' keessaa gadi dhiifametu abbaan manaashe du'uu itti hime.

Isa booda garuu abbaan manaashee sababa maaliif akka ajjeefame,yoom akka ajjeefamee fi reeffa argachuuf gaafachuu akka hin dandeenyellee itti himamuu dubbatti Aayishaan.

Mana hidhaa kana eegaa kan ture Hasa Faaraah ''Hidhamaan yoo du'e dhukkubsateera jedhamee reeffi isaa mana yaalaa mooraadhaan ala jirutti ergamee achitti awwaalama. Maatiitti garuu hin himamu. Namoota as keessaa ba'antu abaluun du'eera jedhanii dhaqanii maatiitti himu'' Jedha.

Haqa

Komishinarri Komishinii Bulchiinsa Manneen Ama Sirreessaa Mootummaa Naannoo Somaalee Bashir Ahmad 'Jail Ogaden' fi manneen hidhaa hedduu maqaan isaanii hin beekamne keessatti namoota kumoota hedduutti lakkaa'aman irra dararaan ga'eera jedhan.

"Manni hidhaa kun ALI bara 1991 irraa eegalee hojiirra ture. Yeroo tokko baay'inni namoota mana hidhaa kana keessatti argamanii kuma 11-15 ga'ee ture.

Mana hidhaa kana keessatti hedduun du'anillee lakkoofsa namoota ajjeefamanii baruuf qorannaarra jirra,'' jedhan.

Hooggantoota mana hidhaa kan bulchaa turan keessa sadi to'annoo seeraa jala oolanii dhimmi isaanii ilaalamaa jira kan jedhan komishinarri kun hanga ammaatti kan hin qabamin jiranis ni qabamu, seera jalaa eessattiyyuu hin miliqan jedhan.

Mana hidhaa kana keessatti miidhaan qaamaa-qalbii irra ga'e deggeruuf mootummaan naannochaa maal gochaa jira gaaffii jedhuuf, ''Uummanni Somaalee walakkaan mana hidhaa kanatti dararamee jechuu ni dandeeya.

Kana hunda deggeruun ni cima.'' Kan jedhan yoo ta'u namoonni dararaan ulfaataan irra ga'e gara biyya alaa deemanii akka yaalaman taasifamaa jira jedhan.

Egeree 'Jail Ogaden'

Manni hidhaa 'Jail ogaden' erga cufamee ji'oonni darbaniiru.

Egereen mana hidhaa kana maal ta'a jedhamuun kan gaafataman komishinarichi ''Iddoo yaadahuu qabnu waan ta'eef godambaa gochuuf yaadneerra.'' Jedhan.

Yeroo ammaa garuu namni tokkollee sabab ilaalcha siyaasaa isaaf naannoo Somaalee keessatti hidhamee hin jiru jedhan Komishinar Bashir.