Jilli Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen biyya gale

Madda suuraa, ONLF
Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen (ONLF) Dilbata 12, 2018 irraa eegalee waraana dhaabu beeksiseera.
Erga bara 1994 as Mootummaa Itoophiyaa waraanaa kan ture Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen (ONLF) sochii waraanaas ta'e nageenyaan wal-qabatu mootummaa Itoophiyaa irratti fuulleffatu har'a irraa kaasee dhaabera jedhe.
Waamicha MM Abiy Ahimad dhaabbilee siyaasaaf taasisaniifi haalonni marii nagaaf mijatan tokko tokko uumamuu isaatiin waraana dhaabu Addichi beeksiseera.
Mootummaan Itoophiyaas murtee kana waan faallessu irraa akka of qusatu waamicha godheera.
Sochii waraanaa kamiyyuu dhaabuu erga beeksisanii boodas jilli olaanaa Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen Dilbata waaree Finfinnee galee jira.
Jili kun aanga'oota mootummaa olaanoofi qaamolee hawaasaa naannoo Somalee waliin akka mari'atu addichi himeera.
Gama biraan Paartiin Dimokraatawa Uummata Somaale Itoophiyaa Obbo Ahimad Shidee Dura taa'aa gochuun filateera.
Koreen jiddu galeessaa paartichaa guyyoota sadan darbaniif erga mari'atee booda Obbo Ahimad Shide dura taa'aa paartichaa gochuun sagalee gutuun kam filate.
Misensoonni koree jiddu galichaas haala naannichatti umamee ture gadi fageenyaan erga gamagamee booda, itti fufiinsaanis nageenyaafi tasgabbii mirkanneessuuf cimiinaan akka hojjatu beeksiisuu FBCn gabaase.
Dura taa'aa paartii kanaafi pireezidantii naannoo Somaale kan turan Abdii Mohaammad Umar ykn Abdii Iilee erga rakkoo torbee darbe naannicha keessatti dhalateen booda aangoo irraa kaafamani to'annoo jala oolaniiru.
















