Dubartiin El Saalvador ulfa baasteen waggaa 15 booda hidhaadhaa baate

Madda suuraa, AFP
Dubartiin umurii 34 lammii El Saalvador taate ulfa ofirraa baasuun waggaa 15 mana hidhaa erga turte booda hiikamte.
Maariyaa Veronikaa Figuwerowaa Marrokuwin jedhamtu erga hidhaan waggaa 30 ajjeechaadhaan ittiin himatamte hir'ateefi booda baate.
Haala kamiiyyuu keessatti El Saalvador keessa ulfa baasuun dhorkaadha. Amantiin isaaniis gara caalu kaatolikii Roomaa hordofu.
Akka ishiin jettutti garuu ulfa baastee osoo hin taane bara 2003 mana namaatti hojjetaa taate yeroo hojjettu mucaatu yeroo malee garaadhaa bahe.
Yeroos mana yaalaa geeffamtee himatamte. Achii hidhaa buute.
Yeroo isheen hiikamtu mana hidhaa Iloopaango magaalaa guddootti dhiyaattee argamtutti maatii, gaazexessitoonniifi regeeyyiin ishee simataniiru.
''Maatiikoo waan argeef baay'een gammade. Akkamitti wanti kuni akka na mudateefi dubartoota kaan gargaaruuf seera nan baradha.''

Madda suuraa, EPA
Adde Figuwerowaan dubartii lammataa waggaa kana hidhaan isaanii ulfa baasuun himatan akka gabaabbatuf ta'e keessaati.
Biyya El Saalvadoor keessatti ulfa baasuun hanga waggaa 8 nama hisiisa. Yoo mucaan dhalate du'e garuu ajjeechaan nama himachiisuun hanga waggaa 30 nama hiisisa.
Biyyoonni Laatin Ameerikaa hedduu dhimma ulfa baasuu irratti ejjennoo wal fakkaataa qabaatanis akkitti El Saalvador keessatti raawwatu garuu ni cima.
Doktaroonni dubartii ulfa baasu yaadde yoo argan mootummaaf beeksisuu qabu. Ta'u baannaan hidhaan isaanis ilaallata.
Erga bara 2000 as dubartoonni 100'tti tilmaamaman El Saalvadoritti dhimma kanaan himatamaniiru.












