Buufatni xiyyaaraa filatamaa jedhamu kan akkamiiti? Booleen sadarkaa kam irra jira?

Madda suuraa, Getty Images
Balallii sa'aatii 18 booda qubatteerta, ijji kee dadhabeera, muguu feeta, balallii dadhabsiisaa biyya biraatiif qophaawaa wayita jirtutti, hiriira dheeraanii fi shaanxaa kee eeggachuuf yeroo dheeraa immoo sitti fudhata.
Garuu, yoo achi geessu seenaa biraatti baata. Maashinoota ajaa'ibsiisoo lafa qulqulleessaniin simatamta, hanga lafti calaqqisutti lafa kana haxaawu, tajaajilli immigireeshinii saffisa dinqiidhaan tajaajila kenna.
Daqiiqaa 15 keessatti istaadiyoomii keessaa baata, maaliif kutaa addunyaa kaanitti imalli rakkisaa ta'a jettee of gaafatta?
Guyyoota muraasa booda yoo gara biyya kee deebitu, adeemsi sakatta'iinsaa balallii keetii danqaa malee raawwatamee agarta. Wayita balallii eeggachaa jirtu, laawungii keessa mooviin sa'aatii 24 tola ilaallama, mooraa habaaboon faayame, paarkii bishaanii mana keessaa addunyaarraa hundarra dheeratu agarta.
Iddoon daakkii mana keessaa keessa imaltu ni jira, iskiriinonni dijitaalaa haala qilleensaa alaa ol mul'isanis keessa jiru.
Jidduu jidduutti buufata xiyyaaraa keessa jiraachuu kee dagatta. Magaalaa xiqqoo, ammayyaa fi pilaaniif eeggannoo addaatiin ijaaramte keessan jira seeta.
Kun seenaa imaltoonni hundi beekan miti. Garuu abjuus miti. Kun buufata xiyyaaraa Chaangi kan Singaappori. Yeroo 14 walitti aananiif badhaasa buufataalee xiyyaaraa filatamoo addunyaaf kennamu the Skytrax award injifateera.
Buufataaleen xiyyaaraa gurguddoon iddoo hantuutni keessa girrisu, bakka hojjettoonni hojii lagatanii fi kan bu'uuraaleen isaanii cacaccabe yoo ta'an, hawattummaan buufata xiyyaaraa Chaangi garuu addatti addunyaa ofii qabaachuu isaa hima.
Garaagarummaan buufata xiyyaaraa idilee fi buufata xiyyaaraa gulantaa addunyaa takkaa guddaa ta'ee hin beeku.
Buufatni xiyyaaraa Chaangi maaliif balallii (imalaaf) salphaa ta'e? Osoo dorgomtoonni isaa kanneen biroo gitintiranuu kan Singaappor akkamiin bakka dinqii ta'e?
Hunda dura si'aayina
Maaks Hiirsh, hogganaaninstitiyuutii qorannoo karooraa fi misooma buufataalee xiyyaaraa irratti hojjetu Airport City Academy jedhamuuti. Milkaayinni Chaangi qulqullina tajaajilaa qofarratti kan hundaaye miti jedha.
Dandeettii hojiilee bu'uuraa guyyaa guyyaa, saffisaa fi nageenyaa tajaajila buufata xiyyaaraa irratti hundaaya jedha.
Dandeettii haalotni yoo jijjiiraman illee of karaa hin eegamneen jijjiiruti.
"Indaastirii eeroospeesii keessatti, sun baay'ee ta'a,'' jedhan Hiirsh. "Qormaanni madaala sana galgala takkatti milkeessuu dadhabuudhaan wal qabata, waggoota keessatti fedha, teeknolojii, fi bu'aa bayii damdamatanii cehuu dha.
Chaangi kan milkaaye madaala kana pirojektii godhatee waan itti fufeefi, milkaayina yeroo takkaatii miti."

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Singaappoor yoo deemtee jiraatte, tasgabbii istaadiyoomii keessaa hubatta.
Kan ati salphaatti hin hubanne hojii jabaa tasgabbii kana ijaaruu hojjetamedha.
Kana duuba, hojii babal'aa, of eeggannoon qindaaye, maashiniin hojjetamu, ragaa eenyummaa namaa beeku, dursee tilmaamuun dhiphina hir'isutu jira.
Hojjettoonni 60,000 fe'iisa, qulqullina, inarjii fi yaa'a imaltoota hordofuun madaallii eegu.
Chaangi gulantaa tokko dursee waan darbe fakkaata jedha Hiirsh.
Kuun waan xixiqqoo achi keessaa irraawuu waan hubatamu dha.
Bu'uuraalee isaa, mallattoolee xixiqqoorraa hanga balallii imaltootaatti, mallattoolee ifa ta'anii hanga tuuta jabaa qajeelchuutti, burjaajjii irraa imaltoonni rakkina malee hanga xiyyaara koraniitti haala mijeessuu.
Manneen fincaanii 500 buufata kana keessa jiran milkaayina kanneen keessaa tokko.
Tokkoon tokkoo isaanii iskiriinii dijitaalaa kallattii namaa akeekan qabu.
Yoo waa harca'e tuutni qulqulleessitootaa battala ramadama. "Tartiibni isaa salphaadha," jedha Hiirsh.
"Dursa si'aayina, lammata haala naannoo, sadaffaa hawattummaadha.''
Hawata garaagaraa
Hawwattummaa Chaangi baruuf bakka hedduu ilaaluu qabda.
Hunda caalaa beekamaan Jewel Rain Vortex, faawunteenii bishaanii mana keessaati.Istaadiyoomii cinaatti kan argamu daandii daldalaati. Mallattoo Singaappoor ijoo dha.
Bakka biroottis imaltoonni Roobootii nama keessummeessu [Toonii] arguu danda'u, tarminaala lamaa fi saditti dhugaatii dhiyeessa
Paarkiin billaachaa [The butterfly garden] torban lamaa ykn sadi sadiin jiisaa agarsiisa. Billaachi jiraachuu mirkaneessuufi.
Kanneen ilbiisota barrisan hin jaalanne, paarkii adaamii fi suufii ilaaluu danda'u.
Iddoon shaakallii fi bashannanaa bara 2025 banamanii jiru.

Madda suuraa, Getty Images
Kanneen yeroo dheeraaf eeguun irra jiruu fi viisaa eeggatanii, buufanni xiyyaarichaa magaalaa daawwachiisa. Iddoowwan kunneen bakkee itti bashannanan qofa miti. Imaltoota facaasun dhiphina hir'isuufis yaadameeti.
These attractions are not just for entertainment.=
Kalaqa
Milkaa'inni kun gama tokkoon haala qabatamaa fi mul'atarraa dhufa.
Hanqinni humna namaa Singaappoor Chaangi akka siistama maashinii immigireeshinii hanga qulqullinaa, darbees tajaajila imaltootaaf dhimma baatu godheera.
"Tajaajilli immigireeshinii humna namaan hojjetama, Lammiileen Singaappor hunduu hojjechuu hin fedhan,'' jedha Ivaan Taan daarektarri Changi Airport Group. Sababa kanaaf dirqamnee itti galuu keenya jedhan.
Chaangi bara 2024 keessa ture, tajaajila immigireeshinii paaspoortii malee kan dalaguu eegale. Fuula namaa fi ija ilaaluun siistamni ofiisaa xumura. Kun yeroo qusachuun imala idil-addunyaa si'eessuu keessatti tarkaanfii addaati.
Lammiileen Singaapor seensaa fi baha irratti fayyadamu, lammiileen alaa immoo yoo biyya gadhiisan.

Madda suuraa, Getty Images
Tooftaan akkasii Chaangi yoomillee sochii kan hin dhaabne ta'uu hima.
Buufataaleen xiyyaaraa magaalota xixiqqoodha. Sagantaan isaanii dhiphaa dha, sirni geejjibaasaanii wal xaxaa, kun tajaajila isaanii danqamaaf waan saaxilu.
Chaangi kana hambisuuf Terminaal X, hundeesse. Wiirtuu (laaboraatorii) kalaqaati . Qormaata jijjiirama qilleensaa, hanqina hojjetaa, hanqina dandeettii furuu, fedha imaltootaarratti hundaawuun waan hanqate guutuu dha.
Kanneen laaboraatorii kanatti kalaqaman keessaa tokko diroonii samiirra barrisuun bakakkaa (qaqawweessi) akka buufata hin miinefi hojii hin danqine kan godhudha.
Tikkeettii lootarii
Invastimantiin baase buufata Chaangi milkiin gahe abjuudhuma isaati, gaaffii tokko hin qabu.
Inni bara 1970 eegale. Lii Kuwaan Yiwu gaafa Singaappor hundeessu, biyyi xiqqoon daldala irratti hundoofte guddachuuf, aadaa keessummeessuu si'ataa horachuu akka qabdu murteesse.
Qumaara garuu milkii fideera.
Lii akka altokko akka jedhetti Chaangi " investimentii addaa dolaara bil.1.5 Singaappor seenaa keessatti hojjettedha, invastimantichi bu'aa buusuu ittifufa.''

Madda suuraa, Getty Images
"Chaangi jechuun Singaappor xiqqoo jechuu dha-si'aayina, qulqullina, qindoominaa fi fedha maamilaa guutanii argamuu,'' jedha yeroo heddu kan imaltuu fi jiraattuun Singaappor Alishaa Roadrigoo.
Beekamuun immoo iccitii biraa Chaangi. Imaltoonni hedduun buufata kana Faawunteenii bishaanii isa keessaatiin yaadatu. Osoo karaan jalaa hin badin, hin barfatin, imalli isaanii hin danqamin bahuun milkii guddaa dha.
Buufataalee Xiyyaaraa Filatamoo Addunyaa Bara 2026
Buufata Xiyyaaraa Filatamaa Addunyaa: Singaappoo, Chaangi
Buufata Xiyyaaraa Filatamaa Addunyaa 2ffaa: Inchiyoon Intarnaashinaal
Buufata Xiyyaaraa Addunyaa Qulqullinaan 1ffaa: Tookiyoo Haanedaa
Buufata Xiyyaaraa Filatamaa Awurooppaa: Paaris Chaarles Dii Gaawul
Buufata Xiyyaaraa Filatamaa Afrikaa: Keeptaawun Intarnaashinaal
Buufata Xiyyaaraa Filatamaa Ameerikaa Kibbaa: Saantiyaagoo
Buufata Xiyyaaraa Maatiif Filatamaa Addunyaa : Inchiyoon Intarnaashinaal
Buufataalee Xiyyaaraa Filatamoo Afrikaa Bara 2026

Madda suuraa, ARR
Aviyeeshinii Afrikaa guddachaa jira. Buufataaleen xiyyaaraa ardichaa kan dursan Ulaa kibbaa fi kaabaa kan jirani.
Akkaataa qorannoo maamiltootaa World Airport Awards 2026'tti Buufanni Xiyyaaraa biyya Afrikaa Kibbaa, Keeptaawun Intarnaashinaal filatamummaan hunda dursa
Qorannoon kun Hagayya 2025 fi Guraandhala 2026 jidduu imaltoota biyyoota 100 caalanirratti qoratame.
Buufataaleen xiyyaaraa Afrikaa sadarkaan duraarra jiran kunooti:
1. Keeptaawun
2. Johaannsibar OR Taamboo
3. Maaraakesh
4. Darbaan Kiing Shaakaa
5. Kaasaabilaankaa
6. Kaayiroo
7. Moorishiyees
8. Kigaalii
9. Finfinnee (Addis Ababa) - Boolee
10. Antaanaanaariivoo
Baha Afrikaarraa buufatoonni xiyyaaraa Kigaalii (Ruwaandaa) fi Boolee (Itoophiyaa) ni dursu.














