Paayileetiin buufata xiyyaaraa Yaa'a Bal'oo waliin maqaansaa ka'u Galataa Mitikkuu eenyu?

Madda suuraa, Galataa Mitikkuu
Buufanni xiyyaaraa Yaa'abal'oo dhuma torbee darbeetti eebbifame uummata Oromoo Booranaa biratti gammachuu guddaa uumeera.
Wayita Ministirri Muummee Itti Aanaa, Obbo Tamasgeen Xurunaa fi Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, aanga'oota mootummaa olaanoo kaan waliin ta'uun pirojektii kana eebbisiisuuf garas imalan hawaasa naannochaa akka gaariitti simatan.
Pirojektiin birrii biiliyoona tokkoon ijaarame kun lakkoofsa buufataalee xiyyaaraa biyyattii gara 23tti guddisa.
Buufati xiyyaaraa kun ijaaramuun hawaasa Booranaa giddugala biyyaarraa fagaatee jiru kutaalee biyyattii kaaniin walitti hidha.
Aanga'oonni olaanoon kunneen akka jedhanitti, sababa kanatti daandiin lafoodhaan guyyaa guutuu deemsisu sa'atii tokkotti gabaabbateera.
Dhalattoota Booranaa gammachuusaanii ibsatan keessaa tokko kan ta'e Galataa Mitikkuu Taaddasaa ofiisaatiis balaliisaa xiyyaaraa ykn paayileetiidha.
Hanga ammaatti paayileetii Boorana keessaa ba'e kan biraa akka hin beekne kan hime Galataa Mitikkuu, sababa kanattis kophummaan akka itti dhagahamaa ture hime.
Turtii BBC waliin taasiseen buufati xiyyaaraa ijaaramuun paayileetonni hedduun akka hawaasa Booranaa keessaa ba'aniif carraa uuma jedhe.
Guyyaa kana guddoo eegne kan jedhe paayileetiin kun akka buufati xiyyaaraa kun ijaaramee xumuramuuf yaa'a abootii gadaa fi jaarsolii biyyaa Booranaa waliin ta'uun dhiibbaa uumaa akka ture hime.
''Gaafa nuti barattoota turre gara Yaa'abal'oo imaluun hanga guyyaa lamaa nutti fudhachaa ture. Daandiiniyyuu mijataa hin turre, aslpaaltiin sirriitti hojjetamee hin turre,'' jechuun rakkoo ture ibse.
Kun ammoo guddina hawaas-diinagdee naannawa kanaa miidhuurra darbee xiinsammuu uummatichaa guddoo miidhee ture jedha.
''Kanafaauu kun guddina akka guddinichaa barbaannu akka dhugoomuuf carraa guddaa nuuf uuma. Uummata keenya giddugala biyyaan waan walquunnamsiisuuf gammachuu uumati kiyya qabu anis nan qooddadha.''
''Seenaa kootiin waan walqabatuuf baayyeen gammade''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Paayileet Galataa Mitikkuu buufata xiyyaaraa kana seenaasaan walqabsiisee ibsa.
''Wanni gammachuu guddaa natti uume tokko seenaa kootiin walqabata. Ani gaafan Industirii Aviyeeshinii seenu namni an beeku hin turre. Ammallee akkasuma,'' jedha.
Baliisaan xiyyaaraa kun erga damee aviyeeshinii seenee walumaa galatti waggaa torba ta'eera, hojii balalii erga eegalee ammoo waggaa afur guutaa jira.
Yeroon waggaa sadi leenjiirra tures ergan hojii eegalees nama Booranaa tokkollee hin argine kan jedhu paayileetiin kun, ''Amma garuu ijoolleen lama kan leenjii eegalan jiru.Kun gammachuu koo isa guddaadha. Yeroon an jalqabe sana naannoo keenyaa namni industirii kana seenee nan milkeessa jedhee yaaduun ni ulfaata ture,'' jedhe.
Galataan wayita ijoollee ture xiyyaara oofuuf dharraa qabu akkamiin akka milkeessu karaan isaaf salphaa hin turre. Carraansaas hin turre.
''Guddoo narraa fagoo waan tureef nan milkeessa jedhee hin tilmaamnen ture. Gaafa ijoollummaa kootii xiyyaara arguu malee, gaaf tokko akkan oofuun milkaa'u hin yaadun ture.''
Amma garuu buufati xiyyaaraa achitti ijaaramuun dargaggootaaf carraa guddaadha jedha.
''Qormaata an keessa darbe irraa salphisa. Hamileesaaniis ni kakaasa. Carraan waan kana itti hubatanii dhiibanii deeman kennaaf,'' faayidaan buufata xiyyaaraa kanaa danuu ta'uu dubbate.
Paayileet Galataa Mitikkuu bakka dhalootasaa Boorana keessaa ba'ee hawaasa biraatti wayita makamu itti baruu dadhabee akka qorame ibsa.
''An amma qofummaan baayyee natti dhagahama. Ijoollummaa kiyyarraa eegalee fulaan itti dhaladhe Boorana. Achittin guddadhe. Barnootallee achumattin baradhe. Hojiillee achitti eegale.''
Galataan jireenya Booranatti keessaa kan ba'e industirii aviyeeshinii seenuuf ture.
''Kanaafuu wayita carraa kana argadhu Boorana keessaa gadi ba'ee hawaasa biraatti makamuun dirqama ture. Hawaasa keessatti guddatte keessaa baatee bakka biraan deemuun ammoo eenyuufuu ulfaataadha. Adeemsi kun guddoo na rakkisee ture,'' jedha.
''Sun cufa osoo hin taane namni wal gargaarallee. Haala adda addaan wal tumsa. Na garuu gaafan industirii aviyeeshinii kana seenuuf dorgomu namni seena kiyya beeku, kan na gargaaruu danda'u hin turre.''
Amma ammoo carraan uumame kun namni salphaatti deeggarsa akka argatuuf ulaa bana jedha paayileetiin kun.
''Anumtiyyuu ergan industirii kana seenee nama hedduuf balbala baneera. Akka ijoolleen fulaa kana seenan yaalii guddaa godheera.''
Akkamiin gara damee aviyeeshinii seene?
Paayileet Galataan Boorana magaalaa Mooyaleetti dhalatee guddate, barnoota kutaa tokkoo hanga kudhaniitti achumatti barate.
Kutaa 11 fi 12 ammoo Yaa'abal'ootti barate. Achitti qophaa'ina xumuree Yuniversitii Dirree Dhawaatti Barnoota Siivil Injineriingii barachuu hime.
ALI bara 2010 erga eebbifamee booda bara 2011 gareen gurmoofnee hojii duunfaa eegaleen ture jedha.
''Baruma sana ammoo carraa Aviyeeshinii kana argadhe. Bu'aa bayii cimaa qaba. Dorgommiin kun Finfinneetti gaggeeffama. Finfinneetti deddeebi'anii dorgomuun ammoo geejjiba ga'aa qabaachuu gaafata. Achi turanii hordofuu gaafata. Baayyee namatti ulfaata,'' jechuun as ga'uuf bu'aa bayii keessa darbuu ibsa.
Akka balaliisaan kun jedhutti rakkoon inni keessa darbe kun namoota akkasaa hedduu osoo dandeettii qabanii duubatti hambiseera.
''Wanni namni biraalleen dorgomee fulaa kana hin seenneef sababa kanaafi. Wanni guddaan kana. Dorgommiin kun marsaa adda addaa qaba. Marsaa hundayyuu deddeebitee hordofuu qabda. Kanaaf ammoo geejjibaan deddeebi'uu ykn ammoo magaalaa Finfinnee keessa turuu qabda. Gargaarsi yoo hin jiraanne kun ni ulfaata.''
Galataan waggaa sadi ergan leenji'ee booda achumatti [Yuuniversitii Aviyeeshinii] qacaramee hojii eegalee ammaa waggaa afuriif deema.
''Amma Yuniversitii Aviyeeshinii Itoophiyaa keessatti barsiisummaanis nan hojjedha. Inumaa yeroo ammaa dursaa garee ta'ee achirratti leenjisaa olaanaa (chief flight instructor) ta'een hojjedha. Yeroo waggaa tokko ta'uuf xiyyeeffannaan koo guddaan kana ture.''
Namoota osoo dandeettii qabanii carraa dhabaniif...
Barnoota akka paayileetummaa fi ogummaa balaliin walqabatan hordofuuf carraa kan argan kanneen magaalaa Finfinnee fi naannooshee jiraatanidha.
Dhiheenya kana buufataaleen xiyyaaraa naannoleetti babal'achuun carraa kanas babal'isa.
Carraa kana argadha jedhee amanuu baadhus fedhii qaban ture jedha Galataa Mitikkuu.
''Wayitan xiyyaara argu baayyeen hawwa. Naman fakkeenya godhu dhabus fedhii fi hawwiin na keessa ture. Garuu nama fageenyarra jiru akka koof ni ulfaata. Moyyaaleerraa Finfinneetti ji'a lamaaf , ji'a sadiif deddeebi'ee qormaata fudhachaa adeemsa dorgommii kana hordofaan ture,'' jedha.
''Namni Finfinneetti dhihoo jiru itti deddeebi'ee yaaluu danda'a. Namni Finfinneen ala ykn Finfinneerraa fagoo jiru ammoo yeroo tokko yaaluunuu baayyee itti ulfaata.''
Kanaaf amma buufati xiyyaaraa kun Yaa'abal'oo irratti ijaaramuunsaa rakkoo kanaaf furmaata ta'a jedha balaliinsaan xiyyaaraa kun.
Akka paayileet Galataa Mitikkuu jedhutti bakka buufataaleen xiyyaaraa jiran maratti adeemsi dorgommii leenjii fi carraa qacarrii akka gaggeeffamu bulchiinsi aviyeeshinii murteesseera.
''Dorgommiin kun amma Naqamteerratti, Ambootti, Dirree Dhawaarratti, Hawaasaarratti ni gaggeeffama. Duraan nama gara Booranaa jirutti kan dhihaatu Hawaasaa ture. Amma garuu buufati xiyyaaraa Yaa'abal'oo banamuunsaa dorgommiin kun kallattiin achirratti akka ta'u ga'ee guddaa gumaacha,'' jedha.
Namni waan dandeettii dhabeef qofa miti kan inni paayileetii hin ta'in kan jedhu Galataa Mitikkuu, ''Carraatu hin jirre. Carraa sun argachuuf gatii guddaa waan nama baasisuuf namni garuu osoo dandeettii qabuu dhiisa,'' jedha.
''Amma garuu bakki mijataan waan uumameef namuu dandeettiisaa baasee fayyadamuu danda'a. Namuu dandeettiisaa fayyadamee dorgomee seenuuf carraa bal'aan banameera.''
Itoophiyaan hanga ammaa buufataalee xiyyaaraa biyya keessaa 20 ol kan qabdu yoo ta'u dhiheenya kana Oromiyaa keessatti buufataaleen xiyyaaraa kanneen akka Guddinaa Tumsaa Naqamtee (Gudina Tumsa Nekemte Airport), Hayilee Fidaa Dambi Doolloo (Hayile Fida Dembidolo Airport), Yaa'abal'oofi Tarminaala Buufata Xayyaaraa Waaqoo Guutuu hojii eegalaniiru.
Sagantaa eebba buufata xiyyaaraa Yaa'abal'oo irratti aanga'oonni mootummaa, magaalota Mattuufi Nageellee Boranaatti buufataaleen xiyyaaraa ijaaramaa jiran yeroo gabaabaatti akka hojii eegalan ibsaniiru.












