Lammiin Itoophiyaa waggoota 45f xiyyaara balaliisan maal himu?

Kaappiteen Tasfaay

Madda suuraa, Captain Tesfay

Kaappiteen Taasfaay Daandii Qilleensaa Itoophiyaatti kutaa balaliinsaatti hoogganaa tahuun waggaa shan tajaajilaniiru.

Abbaan nama kanaa bara Mooticha Haayilasillaasee keessa, Ministeera Maallaqaatti, shuumii galii biyya keessaa (taayitaa akka barasanaatti - Bajiroond) waan turaniif, barnootasaanii iddoo garagaraatti hordofan.

Magaalaa Maayicaw keessatti kan dhalatan Kaappiten Tasfaay, barnootasaanii sadarkaa jalqabaa Tambeeniifi Maqaleetti barataniiru.

Barnoota sadarkaa lammeessoo ammoo, mana barumsaa Atsee Yohaanisitti baratan. Qormaata biyyoleessaa sadarkaa lammaffaan qabxii gaarii waan fidaniif, ALI 1966tti gara Finfinnee qajeelan.

Waytiin sun Mootii Haayilasillaasee barcuma isaaniirraa bu'anii, mootummaa waraanaa yeroof jedhameen kan bakka bu'anii ture. Haalichis tasgabbaa'aa waan hin turref, obboleessa isaanii wajjin mana keessa oolaa akka turan yaadatu.

Gaaf tokko gurbaan ollaa tokko beeksisa 'paayiletii tahuuf warri leenjii fudhachuu barbaaddan galmaa'aa' jedhu arguu itti hime.

Wayita sanatti barataa kan turan Tasfaay garuu, baayyee gammadoo hinturre. Tahus, taa'ee ooluurra, maaliif hin yaalu jechuun galmaa'uusaanii yaadatu.

Bara sanattis dargaggoota leenjii fudhachuuf galmaa'an 800 keessaa, qormaata fudhachuun dargaggoonni saddeet dabran. Isaan keessaas Tasfaay isa tokko turan.

Hojiisaanii Daandii Qilleensaa Itoophiyaas haala kanaan eegalan.

Kaappiteen Tasfaay wayita hojii jalqaban, xiyyaarota Waraana Addunyaa Lammaffaarraa hafan 'Douglas DC-3 yookaan Daakotaa jedhaman balaliisuu eegaluusaanii yaadatu.

Balaliisaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaatti qacaramee hojii eegalu, waggaa tokkoof gargaaraa balaliisaa tahuun hojjechuu waan qabuuf, gargaaraa tahuun tajaajilaniiru.

Kaappiteen Tasfaay, wayita ammaatti xiyyaara ammayyawaadha jedhaman Booying 777 kan balaliisan, dhaabbatichatti paayiletii gameessadha. Itoophiyaatti ganna 45f xiyyaara balaliisuun morkataa kan hinqabne, kaappiteen Tasfaay Ambaayee.

'Xiyyaarri qilleensarra akkamiin balali'a?'

Kaappiteen Tasfaay

Madda suuraa, Captain Tesfay

Xiyyaarri nama fe'ee akkamiin qilleensa keessa balali'a? gaaffii jedhu kaasuun ijoolleen ollaa morkii qabatan.

Inni tokko baallee yookaan kochoon deeggaramee balali'a jedha. Kaan ammo mootoraan deeggarameetu balali'a jechuun morma.

Achis maaliif jaarsa eegduu tahan kana hin gaafannu jechuun, waan irratti walmormaa jiran jaarsichaaf itti himan. Eenyu sirrii akka tahes, murtoo akka itti kennan gaafatan.

Akka tasaa tahee jaarsi kun nama 'waan hundaan beeka' jedhan waan turaniif, hundi keessan dogongortaniittu jechuun deebii biraa kennaniif.

Seexanoota lamatu jira. Inni tokko kan lafarraafi inni biraa kan waaqarraa jedhamu. Seexanni lafarra jiru xiyyaarittii fiigsee lafaa kaasuun, seexana isa waaqarra jiruuf 'qabikaa' jechuun dabarsee kenna.

Seexannichi inni samirraa xiyyaara fuudhee balali'uun, yeroo qubachuuf geessuu 'qabikaa' jechuun isa kan lafarraaf deebisee kennaaf.

Maanguddoon kunis 'deebiinsaa kanadha. Waan hin beekne hin borcinaa,'' jedhaniin.

Kaappiteen Tasfaay gaafa kana dhagayan seequu isaanii dubbatu.

Waanti guddaan xiyyaarri akka samii keessa rakkoo tokko malee balali'uu isa dandeessisu, motoraafi 'Eroo daayinaamikii' baalleesaarra jirudha jechuun gabaabumatti ibsan Kaappiten Tasfaay.

Ganna 45 samii gubbaa

Ammaan dura dambii Daandii Xiyyaara Itoophiyaatiin kaappiteenni tokko ganna 60 oggaa guutu, soorama bahaayyu. Amma garuu gara 65tti olguddachuu dubbatu.

Haala kanaanis ALI ji'a Onkololeessaa kana keessa soorama bahu.

Waggoota 45f osoo addaan hin kutin balaliisuu kan dubbatan kaappiteenni kun, sa'aatii 27,000 kan balaliisan yogguu tahu, biyyoota 100 ol tahanis gahaniiru.

'Umurii kootiin olitti, umurii nama biraa jiraachaa akkan jirutti natti dhagayama. Sababnisaas, namni tokko umuriisaa keessatti, waantota murtaa'an qofadha gochuu kan dandayu. Ani garuu, wantoota hedduu waanin argeef, umurii naaf heeyyamame olitti akkan jiraadhettin lakkaa'a,'' jedhu kaappiten Tasfaay.

Yeroo tokko tokko guddinna Itoophiyaan waggaa 50n booda bira geessu, biyyoota kaanitti waan arganiif, miirri ''namootni biyya keessa jiran arguusaanii dursee argeera,'' jedhu akka itti dhagahamu dubbatu.

Balaliinsa ganna 45 keessatti rakkooleen hedduu mudatus, balaan guddaa hagana jedhamu irra hin qaqqabne. Inumaawuu, warra carra-qabeessa tahan keessaa isa tokko jedhanii akka yaadan BBCtti himan.

Kaappiteen Tasfaay

Madda suuraa, Captain Tesfay

Motorri xiyyaaraa tokkichi baduun waanuma baramedha

Gaaf tokko kappiten Tasfaay xiyyaara balaliisuu eegalanii daqiiqaa torbatti, zayita motoraa keessatti ho'a uumameen, zayitni hirdhate.

Gargaaraan isaanii kana hubatanis, kaappiteenichatti gabaasa godhan.

Achi boodas, ibsaan akeekkachiisaa diimaan ifuusaatiin dura, motoricha dhaamsan. Motora lama keessa tokko dhaamnaan balalii itti fufuun hin dandayamu.

Battaluma sanatti xiyyaricha deebisanii qubachiisuun, lubbuu namoota hedduu oolchaniiru.

''Balaliirra yoo motorri bade salphaatti hiikama. Battala xiyyaarri osoo kahaa jiruu yoo motorri dhaame garuu rakkoo guddaadha.

Xiyyaarichi ka'uusaatiin dura battala 'ka'uufi turuu' jedhamurratti motorri dhaamnaan, deemsa dhaabuun waan hin danda'amnedha. Xiyyaarichi dirqama ka'uu qaba. Ka'ee garuu itti hin fufu. Saffisaan naanna'ee qubachuudha qaba.

Taateen akkasii garuu yeroo baayyee hin mudatu,'' jechuun ibsu.

Yeroo ammaa konkolaataa oofuurra xiyyaara balaliisuun nageenyaan amansiisaadha.

''Xiyyaara keessa nageenyikee irra caalaatti kan eegamedha,'' jedhu kaappiten Tasfaay.

Balaliisaan xiyyaaraa naamusa eeggachuu qaba. Araada kamirraayyuu bilisa kan tahe, haalli nyaataasa sirnaan kan tahe, hirriiba gahaa kan rafuufi sochii qaamaa kan taasisu tahuu qaba.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa ammoo ''naamusarratti qoosaa hin beeku,'' jedhu.

Dhaabbati kun, inni waan gaarii hojjetu kan itti jajjabeeffamuufi itti guddatu, kan balleesse ammoo mamii tokko malee kan itti adabamu akka tahe dubbisaaniirraa hubanneerra.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balaawwan hedduu kan hin mudanneefi namoonni baayyeenis nageenyaaf kan isa filatan tahuu ni dubbatama. Kanaafis sababni inni olaanaa, naamusa gaarii hojjettoota dhaabbatichaa akka tahe kaappiteenichi ni dubbatu.

Namni gameessi kun akkuma yeroo gaarii dabarsan, yeroo gaddaas dabarsaniiru.

Keessattuu namoota butaniin Odola Komoroositti xiyyaara kufe, akkasumas balaa Kuweetitti qaqqabe ni yaadatu.

Isaan kanaa ol garuu dhiyeenya kana Bishooftutti xiyyaara kufee caccabe yaadatu.

Keessattuu balaliistonni haalli ittiin to'atan jiraachuu dhabuun gaddi guddaa itti dhagahamuu dubbatu.

Kaappiteeniin xiyyaaricha balaliisaa ture isaan wajjin gargaaraa ta'ee hojjechaa akka ture kaasuun ''dargaggoo cimaafi abdii guddaa nama qabu ture,'' jechuun ibsu.

'Boombeetti walagarra'

Kaappiteen Tasfaay xiyyarasaanii Buufata Idil-addunyaa Booleerraa kaasanii, gara Mumbaay (dura Boombeey kan jedhamu) Indiyaa qajeelaa turan.

Imaltoonni hedduun lammilee Afrikaa Dhihaati. Lammiin Naayijeeriyaa tokkoofi Indiyaa tokko wal loolanii xiyyara keessa hokkorri kahe. Kaappiteenichis tasgabbeessuu eegalan. Jaarsummaa galanii araarsan - tasgabbeessaniis.

Naayijeerichis ''Qooy Boombee haa geenyuuti walagarra'' jechuun itti dhaadachuun gara teessumasaatti deebi'uun, imala itti fufuu yaadatu.

Alkoolii unatanii xiyyaara yaabbachuun dhorkaadha. Tahus machaa'ee namni ragaduufaa kajeelu hin dhabamu.

Imala gidduutti lafumaa ol ka'ee ''na buusaa'' kan jedhus inuma jira.

Akka kaappiteenni kun jedhanitti, rakkoon bicuun waan nu mudateef, isa sirreessinee imala keenua itti fufna wayita jedhamu ''durumayyuu naan taane, nan bu'a!'' jechuun kan rakkisus nu mudatee beeka jedhu.