Nezerlaandis daa'imman ganna 1 fi 12 gidduu, abdii fayyuu hin qabne akka 'fedhiin du'an' murteessite

Doktara marfee(sirinjii) harkatti qabattee jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan Daach daa'imman umriinsaanii waggaa tokkoo fi 12 gidduu ta'e dhibee akkaan hamaa irraa fayyuu hin dandeenyeen yoo qabaman gargaarsa doktarootaan akka 'fedhiin du'uu danda'an' karoora jedhu mirkaneesse.

Murteen kun daa'imman hanga dhibee irraa fayyuu hin dandeenyeen gidirfaman, lubbuun isaanii ba'ee akka boqotaniif yaadameeti jedhan Ministeerri Fayyaa biyyattii Hugo de Jonge.

Nezarlaandis keessatti daa'imman umriinsaanii waggaa 12 ol ta'e, kanneen dhibee irraa fayyuu hin dandeenyeen qabaman, osoo miidhaa dhukkubbii irraan hin ga'in gargaarsa doktarootaan ajjeesuun seeraan ni deggerama.

Kunis kan ta'u maatii fi firoota daa'ima dhibamee waliin mari'achuudhaani.

Seerri akkaataa waliigaltee maatiirratti hundaa'uun daa'imman waggaa tokkoo gadii irrattis ni hojjeta.

Garuu daa'imman umriinsaanii waggaa tokkoo fi 12 gidduu jiru hagam yoo dhibamanillee, seerri murtee ajjeesuu iyyamu hin jiru ture.

Seerri walxaxaa fi murteerra ga'uuf rakkisaa ta'e kun ji'ootaaf irratti mari'atamaa ture.

Marii yeroo dheeraaf paartileen qindoomina uumuun biyya bulchaa jiran mari'achaa turan kana, paartii morkataa kan ta'e 'conservative Christian' irraa mormii jabaan mudateera.

Erga mootummaan karoora kana mirkaneessee booda qajeeltoon ittiin hojiirra oolu ni qophaa'e kan jedhan Ministirri Fayyaa Hugo de Jonge, seerri kun akka haala kanaan fooyya'uuf ogeeyyiin yaada ogummaa dhiyeessanii akka turan himan.

''Akka qorannoo ogeeyyiin gaggeessanitti daa'imman dhibee irraa fayyuu hin dandeenyeen dararaman, gidiraa argaa jiraachuurra yoo ajjeefaman filatamaadha. Kunis fedhii maatii fi waliigaltee maatiin doktaroota waliin taasisan irratti hundaa'eeti. Daa'imman abdii fayyuu hin qabnee fi du'uunsaanii mirkana ta'e yeroodhaan akka ajjeefaman gochuu wayya'' jedhan.

Seerri kun waggaatti daa'imman 5-10 irratti hojiirra ooluu mala jedhan.

Seerri amma ba'e kun hin jijjiiramu kan jedhan Ministirri Fayyaa kun, doktaroonnis daa'imman umrii jedhame gidduu jiran irratti gocha kana yoo raawwatan itti hin gaafataman jedhan.

Doctor Yves de Locht

Daa'imman umriinsaanii waggaa 12 ol ta'es tarkaanfiin kun irratti fudhatamuuf waliigaltee maatii barbaachisa.

Maatiin yoo daa'imman isaanii garmalee dhibamanii abdii fayyuu dhabuurraan kan ka'e hifatan, doktara waliin mari'achuun tajaajila kana argachuu danda'u.

Adeemsa kanarratti yoo xiqqaate doktaroonni lama waliigaluu qabu.

Seerri haaraan jijjiiramee ba'e kun ji'oota muraasa itti aanan keessatti hojiirra oola.

Daa'imman abdii fayyuu hin qabne ajjeesuu fi deggergsa ogeessa fayyaan aarsaa of gochuun Nezarlaandis keessatti bara 2002 irraa kaasee hojiirra oolaa jira.

Biyya ollaa kan taate Beeljiyemis, Nezarlaandis hojiirra oolchitee ji'a itti aanutti eegalte.

Biyyoonni lameen, seera kana kana of-eeggannoo cimaan hojiirra oolchuudhaan addunyaarraa kan jalqabaati.