Feesbuukiin nama du'asaa kallattiin tamsaasuuf ture dhorke

Eleeyn Kook

Madda suuraa, Reuters

Marsaan midiyaa hawaasaa guddichi, Feesbuukiin, lammii Firaansi dhibee irraa fayyuu hin dandeenyeen qabamee erga abdii kutatee booda, du'asaa kallattiidhaan tamsaasuu barbaade dideera.

Eleeyn Kook, ga'eessi umurii waggaa 57, carraa battalaa ishee dhumaa biyya lafaa kanarra jiraachuuf qabu karaa feesbuukii kallattiidhaan dabarsee darbuuf karoorfatee ture.

Akka du'u dursee kan beekkate namni kun, kana kan karooffate Sambata kaleessaa (Fulbaana 05,2020) ture.

Kook dawaa, nyaataa fi dhugaatii fudhachuu dhaabee ture, xumura jiruusaa agarsiisuuf kan karoorfate.

Namni kun kanaan duras qorichi nama ajjeesu naaf yaa kennamu jechuun wayita gaafatee turetti, Pirezidaantiin biyyattii Imaanu'eel Maakroon harkaa kuffisanii turan.

Kook Firaansi keessatti namoota dhibee irraa fayyuu hin dandeenyeen qabamaniif mirgi fedhiisaaniitiin du'uu akka eegamuuf cichee falmaa ture.

Bataskaana Kaatoolikii dabalatee kaan ammoo fedhiidhaan du'uu yookiin of ajjeesuu (euthanasia) iyyamamuu hin qabu, kufaatii xiinsammuu kan fiduudha jechuun mormu.

''Yeroon bilisa itti ba'u ga'eera. Na amanaa, an baay'ee gammadeera'' jechuun feesbuukii isaarratti barreese Kook.

Namni kun soorata kiyya isa dhumaati kan ittiin jedhe Sambata ganama nyaate.

''Yeron itti aanu qormaataan akka guutame beeka garuu murteen kiyya kana, immoo tasgabbaa'een jira'' jechuun siree hospitaalaa irra ciisee barreesse.

Lammiin Firaansi kun dhibee ujummoowwan dhiigaa walitti maxxansee balaa hamaa fayyaa namaarraan ga'uun dhiphachaa jira.

Dhibee kanarraa akka hin fayyine waan bareef, du'asaa kallattiin feesbuukiirratti tamsaasuu fedhe.

Feesbuukiin garuu gaaffiisaa kana hin simanne, kun yakka lubbuu ofii balleessuuti waan ta'eef qabiyyee kana hin dabarsinu jedheera Feesbuukiin.