Weellistuu 'Betty G.: 'Walleen Sin Jaaladha caalaatti Itoophiyaa beeksisuu danda'a jedheen filadhe'

Madda suuraa, Betty G
Kibxata MM Itoophiyaa Abiy Ahimad badhaasa Nobeelii Nagaa biyya Noorwey magaalaa Oslooti argamun fudhataniiru. Saganticha irratti Itoophiyaa irraa akka weellistu kan filamte immoo 'Betty G' dha.
Ministirri Muummee Abiy guyyaa har'aa (Kamisa) yeroo biyya galan 'simannaan gootaa' kan taasifamef yoo ta'u, weellistuu walleewwan lama sagantaa Nobeelii irrati dhiheessite waliin turtii taasifneerra. Itti dhihaadhaa!
BBC: Sagantaan kuni akkam ture?
Beeti: Anaaf sagantaa miira sodaafi gammachuun walkeessa makame qabu ture. Sababni isaas Ministirri Muummee keenya, Mootiifi Giiftiin bakka argamanitti sirbuun yeroo hedduu hin qunnamu.
Sodaan isaa akka nama biyya bakka bu'etti nan dogongora laata jedhee yaadda'en ture. Akkan sagantaa kana irratti weellisu filatamuu kootti immoo gammachuu guddaan qaba ture.
Ministirri Muummee Abiyyiis waltajjii irratti na argan malee akkan dhaqee weellisu hin beekan turan. Kanaaf, jarri badhaasa Nobeelii qopheessan isaan sarpiraayizii gochuuf yaadaniiti.
Sagantichi baay'ee bareeda.
BBC: Akkaataa weelliste namoonni itti gammadanii yeroo barreessan argineerra. Ati akkamin of madaalte? Namoonni sagantaa sana irratti hirmaatanoo maal siin jedhan?
Beeti: Namoonni saganticha irra turan akka itti gammadaniifi haala bareedaan akkan hojjedhe kan natti himan.
Anis wallee mata duree 'Hagaree' jedhuufi achirra weellise yeroon viidiyoo isaa deebi'ee ilaalu imimmaanitu na qabate.
Dhugaa dubbachuuf hojii ittan boonedha jedhee dubbachuun nan danda'a.
BBC: Walleewwan 'Sin jaaladha' jedhuufi 'Hagaree' jedhu saganticha irratti sirbite eenyutu siif file? Akkamin filataman?
Beeti: Anaafi kanneen badhaasa Nobeelii qopheessanitu filate. Nuti akkana osoo goone jechaa hiika wallee sanaa barreessinee ergaafi turre.
Kan ani barbaade Itoophiyaa guutuu bakka bu'uudha. Uffati aadaa ani uffadhe kan Tigraay, Shurrubbaanis gara Tigraay kana bakka bu'a, Afaan Amaaraan waan weellisuf immoo ummata Amaaraa bakka bu'a.
Sin jaaladha osoo ta'e immoo caalaatti Itoophiyaa beeksisuu danda'a jedheeti jedheeni. Saboonni hedduu Itoophiyaa keessa jirataanis duratti kan maqaa dhahe lakkoofsa hedduu waan qabanif filadhe.
Hawaasa Musliimaa gara Harariifi Dirree Dhawaa jiru bakka bu'uf immoo hiinnaa hojjetameen ture.
Yeroon waltajjiirra turu gabaabaa ta'us lammiin Itoophiyaa kamuu argee kan jaalatuufi keessatti of argu beeksisuufi kanin yaade. Kanaafi, walleen Sin Jaaladha kan filatame.
Walleen Hagaree immoo, yeroo kamuu caalaa akka lammii Itoophiyaatti waa'ee tokkummaa keenya, waa'ee jaalalaafi bareedina keenya wallee ibsudha.
Hiika isaa yeroon ergeef waan gammadanif sababoota kanaan filataman.
BBC: Sirbi Sin Jaaladha jedhu haaraadhaa?
Beeti: Albamii koo waggaa darbe 'Wagagtaa' jedhu keessa jira.
BBC: Sin jaaladhaan sirba jaalalaati. Akkamin sagantaa sana irrati sirbuu yaadde kan jedhu namoonni gaafatan jiru.
Beeti: Sirbichi jaalala namoota lamaa saba garaa garaa irraa dhufaniiti. Yeroo baay'ee sirba keessatti jaalala dhiiraafi dubaraa ibsinus jaalala aadaas ibsuun danda'ama.
Sin jaaladha irratti namoonni waljaalanne ani Shaggari ati Booranaati kanin jedhu. Jaalalaafi aadaa garaagaraa ni ibsa jedheen yaada.
BBC: Bakka namoonni masaraati dhufaniifi maqaa guddaa qaban fuulduratti weellisuufi konsartii irratti weellisuun garaagarummaa qabaa?
Beeti: Baay'ee garaagarummaa qaba ...kolfa... Konsartii irratti namoonni waan shubbisani miirri isaan irraa qooddattu ni jira. Fooricuun, harka rukutuun isaanii humna sitti hora.
Sagantaa kana irratti garuu callisaniituma si dhagahu. Baay'ee namatti tola jecha dubbattu hundatu dhagahama garuu nama dhiphisas.
Sababni isaas osoon dogongorewoo kan jedhu sodaa namatti uuma. Garuu, lamaanuu bareedina ofii qaba.
BBC: Weellisuu eegalu keessan duraafi erga xumurtan booda daawwattoota harka fuutu. Wanti kuni eessaa dhufe?
Beeti: Achuma Noorweyitti leenjine. Sagantaa akkanaa irratti maatiin moototaa bakka argamanitti akkasumas kanneen badhaasa Nobeelii fudhatan yeroo jiraatan harka fuudhuun aadaadha.
Unu dura kan sirbite weellistuun oppeeraas kanuma goote.
BBC: Sin jaaladhaa kan jedhu sammuun qabatteetimoo Afaan Oromoo dubbachuu beekta?
Beeti: Afaanicha hin danda'u garuu shaakaleeni. Gidduu sirba kana keessa 'Mana keeti mannikoo' jedha.
Isas sammuutti qabadheen malee Afaan Oromoo dubbachuu hin beeku. Kana duras sirba Walaayittaa Asgee waliin hojjedheera.
BBC: Sin jaaladhaa irratti ni shubbista turte. Sitti hin cimnee?
Beeti: Baay'een itti qophaa'e. Subbisa salphaa miti. Torban lamaaf shaakalaan ture. Gaafa jalqabaa lafaan na mara ture.
Muziqeessitootaaf rukuttaan ittin shubbisu akka dabalan erga itti himee booda yaadakoo jijjiiru akka hin dandeenye waan naaf galef guyyaa guyyaan shaakalaan ture.
Kanneen akkanatti shubbisan garuu dinqisiifatamuu qabu.
BBC: Fuula duratti Afaan Oromoon sirbuuf yaada qabdaa?
Beeti: Afaan Oromoon qofa miti Afaan Tigreenis sirbuuf nan yaada. Sirba Walaayittaa gadhiifamu tokkos nan qaba. Kan Kafaa tokkos hojjedheera.
Akka lammii Itoophiyaa Afaan Itoophiyaa garaa garaan sirbuf nan barbaada. Anaaf Itoophiyummaa jechuun qindoomina saba kana hundaati.
BBC: Wallee kana weellisuf yeroo hangamif leenjitan?
Beeti: Kanneen nu jalaa fuudhanii sirban lammiilee Noorwey waan ta'anif guyyaa sagantaa dura guyyaa tokko yeroo dheeraa fudhannee irra deddeebbiin qayyabanne.
Isa dura garuu weellistoota kaan waliin biyyumatti dursinee shaakalaa turre. Waan hojjennes akka itti shaakalan waraabaa hin erginaaf turre warra Noorway jiranif.
Walumaa gala torban lama fudhateera. Hundi keenya waliin qindoomne kan shaakalle garuu guyyuma tokkodhaafi.
BBC: Kanaaf, gara Noorwey dursitee deemte jechuudhaa?
Beeti: Noorwey kanin dhufe sagantaaf guyyaan tokko yeroo hafutti.
BBC: Ministira Muummee Abiy sagantaa kaleessaa booda argatteettaa?
Beeti: Erga sagantaa Nobeelii irratti walleekoo dhiheessee booda isaan argeera. Baay'ee gammadaniiru. Waan gaarii goote, jabaadhu naan jedhan.
BBC: Kana dura gaafiifi deebii irratti muuziqaa akka hin caqasne dubbatanii turani. Sagantaa sana irratti garuu yeroo ati weellistu harka rukutaa turan. Kan kanaraa adda ta'e hin dubbanne?
Beeti: Muziqaa hin caqasani sirriidha. Garuu, sirbi Hagaree jedhu waan biyyaa waan ta'ef isa naaf dhaggeeffatu laata jedheen yaada.
Kanaaf sagantaa sana irratti akka muuziqaa osoo hin taane, akka biyya beeksisutti fudhatan jedheen yaada. Kanaaf taha kan harka rukutan.
BBC: Kana dura badhaasa Nobeeli irratti hirmaattee beektaa?
Beeti: Takkaa! Kun kan jalqabaati.
BBC: Wanti guddaa sagantaa sana irratti si gammachiise maali?
Beeti: Yeroon wallee 'Hagaree' weellisu weellistoonni Noorwey yeroo na jala qabaa weellisun koo waan addaati anaaf.
BBC: Namoonni baay'ee akkamin filamte jedhu. Mee akkamin filamte weellistoota Itoophiyaa jiran keessaa?
Beeti: Koree Nobeeliitu nu qunname. Filamuun koo anaafu ajaa'iba natti ta'e. Nama Koree Nobeelii ta'aniifi natu sifilate jedhan argadheen ture.
Akkamin weellisaa hangafoota caalaa akkamin na filattani jedhee gaafannaan ''Siin filachu keenyaan gammachuu baay'ee qabna,'' naan jedhan. Sababa na filatanif homaa hin dubbanne.
Ani hojii Waaqayyooti jedheen yaada.

Madda suuraa, Getty Images
BBC: Filamuukee garuu yoom barte?
Beeti: Torban sadii ta'a. Isa dura garu maanaajara kootu beeka ture. Carraa kanaan manaajara Yissaaqal Intarteeyimant Iyyoob Alamaayyoo nan galateeffadha.
BBC: Hangam siif kanfalani? Namonni baruu barbaadu.
Beeti: Nutillee xiuyyeeffannoo kan itti goone kaffaltiirratti miti... kolfa.. Kanfaltiin isaa dadhabbii keenya xiqqoo kan utubu malee hamma kana nuuf kaffalan jedhamee kan odeeffamu miti.
BBC: Mana Barumsaa Liise Gabramaariyaam magaalaa Finfinnee argamutti akka baratte beekna.
Dajjaazimaach Gabramaariyaam Gaarii waliin firummaa akka qabdu yeroo dubbattu dhagahamta. Mee walii isaa nutti himi?
Beeti: Gabramaariyaam Gaarii fi Urgaa Gaariin obbolaadha. Anaaf Dajjaazimaach Gabramaariyaam akaakileetti naaf oolu.
Maqaan kiyya Biruktaayit Getaahun Taaddasa Urgaa Gaariidha. Kanaaf obboleressa akaakilee kooti isaan.
Akaakayyuun kiyya Taaddasa Urgaallee loltuu turan. Yeroo abbaan koo umrii 5'tti lolarratti du'ani,
BBC: Mana barumsaa keessatti waa'een Dajjaazmaach Gabramaariyaam hangam beekama?
Beeti: Dallaa keessatti maqaarra kan darbe waa'een Dajjaazmaach Gabramaariyaam Gaarii wanti beekamu baay'ee hin jiru.
Dhihoo seenaan isaanii barraa'e Mana Barumsaa Liise Gabramaariyaamitti eebbifame ture. Yeroos daarektaroonni mana barumsichaa yaadannoo isaaniif kan ta'u siidaa ijaarsisuf waadaa seenaniiru.
Yero nuti baranne akka firaatti seenaa isaanii beekna malee mana barumsaa keessatti hammana waan beekamu hin turre.
Yoo siidaan ijaarame dhaloonni haaraa baraa deema jedheen yaada.
BBC: Weellistuu Beetii guddaa galatoomi.
Beeti: Guddaa galatoomi.














