Badhaasa Noobelii: MM Abiy Ahimad badhaasa Noobeelii Nagaa fudhatan

MM Abiy Ahimad Badhaasa Noobeelii

Madda suuraa, HAKON MOSVOLD LARSEN

MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimad Norweey Oslootti argamuun badhaasa Noobeelii Nagaa bara 2019 fudhatan.

Badhaasichi wal waraansa Itoohiyaa fi Eertiraa gidduu waggoota 20'f ture xumuruun biyyoota lamaan gidduutti nagaa buusuu isaaniif kennameef.

Sirna badhaasaa guyyaa har'aa kennameen dura sagantaa ibsa miidiyaaleef kennamu irratti gaazexeessitootatti dubbachuu diduun isaanii komii irratti kaasee ture.

Sirna kenniinsa badhaasicha galma magaalaa Oslootti raawwate irratti, badhaasa erga fudhataniin booda MM Abiy Ahimad waa'ee nagaa haasaa taasisaniiru.

Maal jedhan?

Badhaasicha lammilee Itoophiyaafi Eertiraa, keessaahu kan waraana biyyoota lamaan gidduu tureen haarsaa guddaa kafalan bakka bu'een fudhadha jedhan.

Biyyoota lamaan gidduutti nagaan akka bu'u kan gumaachan pireezidantii Eertiraa Isaayyaas Afawarqiifis beekamtii kennaniiru.

Wayita biyyootni lamaan wal waraanaa turan loltuu dargaggeessan ture kan jedhan MM Abiy, Waraansi hagam waan fokkisaa akka ta'e adda dureen dirree waraanaatti aragamee argeera jedhan.

Waraana sanaan namoonni 100,000 ta'an gama lamaaniinuu dhumu eeruun erga waraanichi dhaabbatee boodas maatiin gargar qoodamuu miidhaan hawaasummaa adda addaa jiraachuu dubbatan.

MM Abiy Ahimad fi Dura teessuu Koree Badhaasa Noobeelii Berit Reiss-Andersen

Madda suuraa, HAKON MOSVOLD LARSEN

Ibsa waa'ee suuraa, Wayita badhaasa isaanii dura teessuu Koree Badhaasa Noobeelii Beriit Rees-Andarsan harkaa fudhatan

Biyyoota lamaan gidduutti araarri bu'uurraa kan ka'ee maatiin gargar bahe wal arguu, hariiroon dippiloomasii biyyoota lamaanii deebi'uu, balaliinsi xiyyaaraa fi qunnamtiin telekomnikeeshinii deebi'uus himan.

Biyyoonni lamaan wayita amma xiyyeeffannoo isaanii gara misoomawwan bu'uraa waliin ijaaruutti deebisaniiru jedhan.

Haasaa isaanii kanaan nagaan dhala namaaf hagam barbaachisaa akka ta'eefi mul'atni isaan waa'ee nagaa irratti qaban yaada Ida'amuu keessaa kan burqu ta'uu himan.

"Yoo ollaan nagaan bule, nagaan bulani" jechuun kan mammaakan MM Abiy biyyoota gaanfa Afrikaa keessatti nagaa buusuuf akka hojjetanis himaniiru.

Gaanfi Afrikaa iddoo tarsiimowaa ta'uurraa kan ka'e qalbii biyyoota addunyaa humna waraanaa jabaa qabanii akkasumas kan warra shororkeessitootaa hawwataa jira jedhan.

Gaanfi Afrikaa dirree biyyoonni humna waraanaa jabaa qaban irratti wal falman, akkasumas dawoo shororkeessitootaa akka taatu hin feenu jedhan.

Erga isaan gara aangoo dhufaniin booda jijjiirama Itoophiyaa keessatti gama walabummaa miidiyaa fi dirree diimokiraasii babal'isuun dhufaa jiru hirmaattota sagantichaaf ibsaniiru.

Itoophiyaan filannoo haqa qabeessaa fi bilisa ta'ee yeroo dhiyootti raawwachuuf akka jirtus himaniiru.

'MM Abiy badhaasni kun milkaa'in ijoo sadiif isiniif male'

Dura teessuun Koree Badhaasa Noobelii Nagaa Beriit Rees-Andarsan sirna badhaasichaarratti sababa badhaasichi MM Abiyyiif kenname yoo ibsan: "Badhaasni Noobelii Nagaa kan isiniif kennameef milkaa'ina gurguddoo sadiifi," jedhan.

Tokkoffaan, Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti nagaan akka bu'uuf ga'ee guddaa taphataniifi.

Lamaffaan, Yaada walabummaa jajjabeessuufi dhaabbilee ijaaruudhaan carraaqqii ijaarsa sirna dimokiraasii Itoophiyaa keessatti gochaa jiraniifi.

Sadaffaa ammoo, nagaafi tasgabbiin Bahaafi Kaaba Baha Afirikaatti akka bu'uuf gumaacha taasiftaniif badhaasni kun isiniif male jedhan dura teessuun koree Nobeelii Beriit Rees-Andarsan.

MM Abiy hoggantoota Afrikaa dhaloota haaraa warra wal-dhibdeen karaa nagaa qofa akka furamu amanan keessaa isaan tokko jedhan.

Itoophiyaan bakka argama dhala namaa ta'uu himuunis "nuyi hundi lammilee Itoophiyaati" jedhan.

MM Abiy Ahimad Badhaasa Noobeelii

Madda suuraa, FREDRIK VARFJELL

Ibsa waa'ee suuraa, Hirmaattota sagantichaa wayyaa aadaan faayaman wayita MM Abiy harka fuudhan

Maatiifi amantaa, akkasumas muuxannoon hojii, adda waraanaa biyya keessaa hanga ergama nagaa eegsisuutti MM keessa darbanis agarsiiftuu wal danda'uufi bu'aa ba'ii mo'achuudha jedha Koreen kun.

Dabalataanis, jijjiirama biyya keessatti fidan waara'aa taasisuufis ta'e dimokiraasiin hundee akka qabaatu taasisuuf waadaa galan akka hojiirra oolchanis kan jajjabeessudha.

Haalduree ijarsa dimokiraasii waan ta'eef, Itoophiyaa keessattis filannoon walabaafi haqa qabeessa ta'e akka jiraatuuf haaluma waadaa galaniin akka hojjetaniif Koreen kun gaafateera.

Carraaqqii dimokiraasii ijaaruu keessatti MM taasisan keessattis akka deggersa taasisu Koreen kun ibseera.