Badhaasa Noobeelii: Itoophiyaan MM Abiy Ahimad 'simannaa gootaan' simatte

Madda suuraa, EBC
Looreetiin Noobelii Nagaa MM Abiy Ahimad badhaasa Nobeelii Nagaa fudhatanii yeroo biyyatti deebi'an 'simannaan gootaa taasifamef.
Bulchaan Itoophiyaa gaafa Kibxataa biyya Noorway magaalaa Oslootti argamun badhaasa Nobeelii Nagaa 100ffaa kan fudhatan yoo ta'u boru ganama [Kamisa] biyyatti deebi'u jedhamee eegama.
Badhaasa kana MM Abiy yeroo duraaf kaadhimamani kan injifatan yoo ta'u lammiin Itoophiyaa badhaasa kana yeroo fudhatus kun yeroo jalqabaatiifi.
Simannaa kanaaf koreen gama mootummaa federaalaan akka hundaa'e Hogganaan Itti - aanaa Biiroo Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Dheeressaa Tarrafee BBC'tti himaniiru.
''Buufata xiyyaaraa Booleetii kaase hanga masaraa mootumaatti kan simannaan gaggeeffamu,'' kan jedhan Obbo Dheeressaan ''simannaa gootaatu taasifamaafi,'' jedhaniiru.
''Badhaasa guddaa biyyi keenya yeroo jalqabaaf argatte waan ta'ef '' jechuunis sababa simannaan gootaa taasifamef ibsaniiru.
''Ummanni Oromoo, ummanni magaalaa Finfinnee jiraniifi bakka garaa garaatti walitti baheti kan simatu,'' jechunis ibsan.

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS
Miseensa koree hunda'e kanaa kan ta'an Obbo Taayyee Danda'aa sababa simannaan gootummaa barbaachisef akkanatti ni dubbatu.
''Gootummaan kana calau hin jiru. Goota jechuun maqaa biyyaa sadarkaa sanitti addunyaa irratti ol bahe akka dubbatamu, seenaan biyyaa akka yaadatamu, aadaan akka mul'atu godhanii waan kana gootummaan malee waan biraa waan itti ibsamu maaltu jira?'' jedhan.
Ummati kaan garuu qe'eedhumatti akka gammachuu isaa ibsatu Obbo Taayyee Danda'an dhaaman.
''Gammachuun keenya gara hin taanetti akka hin jallanne eeggannodhaan gochun waan barbaachisuf namuu ollaa ofii bakkuma jiru gammachuu isaa akka ibsatu'' jechuun himan.
Kanaafis, Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qophii gahaa akka taasise Hoggantuun Pireesi Seekiratarii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Feevan Tashooma ibsa har'a kennanin ibsaniiru.
Simannaan gootaa maal akka ta'eefi MM Abiy akkamiin akka simataman garuu aanga'oonni kunneen waan jedhan hin qaban.














