Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa: 'Abbaan kee akka as jirtu akka hin barreef isatti hin mul'atiin' - Boontuu Baqqalaa

Boontuu Baqqalaa Garbaa

Madda suuraa, Addis Standard

Artist Haacaaluu Hundeessaa ajjeefamuu hordofee namoota reeffa gaggeessaa osoo turanii qaamolee mootummaan to'annoo jala oolan keessaa ijoolleen Obbo Baqqalaa Garbaa sadii ni argamu.

Boontuu Baqqalaa, Saamu'eel Baqqalaafi Kiyyaa Balaachoo (ilmi aadaadaa isaanii) torbee lamaa oliif hidhaa erga turanii booda guyyaa Kamisaa hiikamaniiru.

Boontuu Baqqalaa kanaan duras wayita Obbo Baqqalaan hidhamanii turan waayee abbaa ishee irra deeddeebiin miidiyaaleef ibsa kennuun beekamti.

Torbee lama dura abbaa isaanii Obbo Baqqalaa Garbaa waliin bahanii akkamiin akka to'atamaniif haala waliigalaa ture BBC Afaan Oromoo waliin gaaffiifi deebii gaggeesiteen waan dubbatte kunooti.

BBC-Akkamiin to'annoo jala akka ooltan waan yaadatturraa nuu himimee?

Boontuu: Reeffa wajjiin Galma Aadaa Oromoo deemaa turre. Nu fuulduras nu boodas konkolaataa baayyeetu ture. Ana, abbayee koo, obboleessa koo quxusuufi mucaa adaadaa keenyatu nu waliin ture. Balbala Galma Aadaa Oromoorraa wayita geenyu hayyamni waan hin kennamneef ol hin seentan jedhan. Daqiiqaa muraasaaf erga haasa'anii ammoo balbala bananii ol lixaa nuun jedhan lixne.

Osoo daqiiqaa 10-15 turree Injinar Taakkalaan dhufanii, abbaakoo, Obbo Jawaariifi Hamzaa waliin dhaabatanii mariyachaa turan. Obbo Jawaar waliinis kophaatti haasa'aniiti daqiiqaa 10 wayi booda deebi'anii bahan. Isumaa bahu waraanni humna addaa Oromiyaa dhufee reeffa fudhanna jedha.

Sana booda Jawaar Mohaammad reeffi Ambulaansiidhaan akka deemu, qorichi akka itti godhamu kuni akka dhufu Injanar Taakkalaa waliin haasofneerra kanaaf Ambulaansii eegaa jedhe. Isaanimmoo awaalcha bareechuufi kan nuti yaalaa jirru jedhanii muddanii reeffa fuudhanii deeman.

Komaandarri dhufee konkolaataa reeffa qabateen akka konkolaataa oofuu yoo gaafatu Obbo Jawaar ambulaansii eegaa akka jiran kan itti hime malee reeffi garam akka geeffamu hin dubbanne.

Erga reeffi bahee nuti hin baana jennee gaafa kaanu waraanni nutti marsee, bahuu nu dhorke.

Isaan konkolaataa keessa galchanii fuudhanii deemaniiru. Mooraa keessaa hin baane malee fudhataniiru. Utuu Jawaar faa fudhanii hin deemiin eegdotarraa meeshaa fudhataniiru, konkolaataas sakatta'aniiru. Yeroo isaan fuudhanii deeman namni miira keessa galee baayyeen ni boohe.

Keessaayyuu miseensi Humna Addaa Oromiyaa tokko wayyaa ofirraa baasee way Oromoo, way Oromoo, Oromoon kanaaf hidhamee, Oromoon kanaaf du'ee jedhee ergasii sagalee dhukaasa dhageenye.

BBC- Waraana akkamiiti?

Boontuu: Keessaan Humna Addaa Oromiyaati duubaan ammoo raayyaa ittisa biyyaati. Achiin eegdota Jawaar harkaa meeshaa fuudhanii, achiis konkolaataa gurraacha keessa galchanii achiis abbayee koofi Hamzaa fuudhan. Hanga halaalaa argaa ture mooraa keessa turan yeroo isaan fudhatanii bahan hin agarre.

BBC-Duubarraa waajirri Paartii Badhaadhinaa jira garas deemtanii turtanii?

Boontuu: Garas deemuuf carraayyuu nuu hin kennine. Konkolaataa keenya marsanii turan. Meeshaa erga hiikkachiisanii namoota sadan erga fudhataniii nuun konkolaataa keessa gallee akka hin baane nu marsanii turan. Yeroo sadii konkolaataa keenya sakatta'aniiru.

Kana gidduutti egaa dhukaasa dhageenye nuyi. Namni baqachuu jalqabe. Ergasii Poolisiin tokko du'uu dhageenye jechuudha. Mooraadhuma keessatti du'e.

BBC-Ergasii maaltu ta'e?

Boontuu: Dhukaasa sana aluma tokko dhageenye. Ergasii namni baqachuufi boohuu yoo eegalu nuti gara galmaatti fiignu reeffa namaa wayyaa militarii uffate wayiin arge. Minseensonni Humna Addaa Oromiyaa miseensa keenyatu du'e jedhanii boohaa turan.

Sana booda saqqiifi kophee keenya nurraa baasanii konkolaataa isa birat labbas jedhamuun nu fe'anii gara Piyaassaa (Birbirsa Gooroo) bakka itti yakka qoratan kan Federaalaatti nu geessan.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Haqa dhabuun hiree hidhamtoota Oromoo ta'eera

BBC- Gaafasuma mana hidhaa isin geessanii?

Boontuu: Eeyyen guyyaa Kibxataa galgala sa'aa 12'tti nu geessanii achuma bullee. Wanti nama ajaa'ibu kooridarii gidduu qilleensarra lafa bulle.

Nama 26 turre nuyi. Dhiirris dubartiinis walumakeessa makamnee lafa bulle. Mana hidhaa Soostanyaa Poolisi Xaabiyaa bakka jedhamu, poolisiin federaalaa sadii meeshaa nutti qabeetu lafa bulle.

BBC- Warri achi turtan eenyufaadha?

Boontuu: Jawaar, Baqqalaafi Hamzaa kophaatti fuudhanii deeman. Achii eegdoota Jawaar namoota torba qophaatti fudhatan. Achii warra hafne ijoollee 26 kan achi bullee. Achii mana murtii Araadaatti geeffamnee galmee koo jalatti nama jahatu turee Poolisiin guyyaa 11 narratti gaafate.

BBC-Obboleessa kee walliin bakka adda addaatti hidhamtanii?

Boontuu: Eeyyen ani 'Federaal wanjal mirmaaraa' bakka jedhamun ture, isaanimmoo Gullallee mana barnootaa tokko keessatti hidhaman.

BBC- Mana hidhaa keessatti wanni isin qunname jiraa?

Boontuu: Wanti addatti na qunnamee, Abbaan kee akka as jirtu akka hin barree akka isatti hin mul'anne naan jedhan. Aniis kana gochuu hin danda'uun jedheen. Manni ani keessa jiru foddaa waan qabuuf karaa foddaa akka na argu gochaan ture.

BBC-Maaliif kana godhan sitti fakkaata?

Boontuu: Anaafiis gaaffiidha kun. Karaa foddaan arge Jawaariinis, Hamzaas Abbaakoos achiis akkan as jiru akka isaan beekan godhe. Guyyaa lamaan tokko karaa foddaa yeroon haasa'u na arganii achii na baasanii kutaa biraatti na geessan, isaan waliin akka wal hin argineef.

BBC-Nama dararuun reebuun tureeraa wanti taajjabde jiraa?

Boontuu: Gama kootiin wanni narra gahe hin jiru. Garuu matii koo wajjin wal argaa hin turre. Harmee koo hin dhuftii nyata natti kennitee deemti haasa'uun hin danda'amu. Kan mana murtiitti himeen ture. Manni murtii ajaja kennina jedhus isaan ajaja hin fudhatan.

Guyyaa sadaffaatti haasa'uu dandeessa naan jedhanii, yeroo haasofnu Afaan Oromootiin hin haasa'iin naan jedhan. Ani Harmee koo wajjin Afaan Amaaraatiin haasa'aa hin turree. Maatii keessatti Afaan Amaaraan hin haasofnun jedhe. Namni nu dhagahu hin turre, Afaan nu beeknuun haasa'i nuun jedhan, kana kana faatu ture. Manni keessa turrees baayyee diilallaa'a.

BBC-Tarii mana hidhaa keessa yeroo dheeraaf nan tura harmeen koo ni rakkattii yaaddoo jedhu qabaachaa turtee?

Boontuu: Eyyen, baayyee nama dhiphisa ture. Tokkoffaa ani abbaa koo wajjiin achitti argamuun alatti waan balleesse hin qabu. Abbaan koo ammoo nama siyaasaati. Kana duras mana hidhaa ture, achii bahees qabsoodhumatti deebi'e ammas mana hidhaa jira achii bahees qabsootti deebi'a hanga Waaqni umurii kenneefiitti, hamma gaaffiin Oromoo deebi'utti.

Kanassaarratti dabalamnee ammoo maatii tokko keessaa namni afur yeroo irratti dabalamnu ammoo harmee koorratti dhiibbaan isaa ni ulfaata. Umurii itti boqochuu qabdutti, hireen ishee galaa deddeebisuu yeroo ta'u namatti dhagaahama. Haalli nageenya isaaniis baayyee na dhiphisa ture.

BBC-Obbolaa keewoo wanni addatti isaan qunname jiraa?

Boontuu: Namoota 26 waliin hidhamne keessaa namni tokko Covid-19 qabamee ture. Inni adda baheera. Isaanis qoratamnii bilisa ta'aniiru. Harmeen keeny lafa isaan geeffaman waan hin beekneef baayyee rakkachaa turte.

Boontuu Baqqalaa

Madda suuraa, Social Media

BBC-Akkamiin gadhiifamtan?

Boontuu: Ani beellama qaba ture Kamisa sa'a booda. Gara sa'aa torbaatti dhufanii durbee Boontuu hin barbaadamta naan jedhanii gara waajiraatti na geessanii waraqaa mallatteesitutu jira naan jedhan. Waraqaa sana gaafan ilaalu maqaa koofi bakka jireenyaa, bilbila koofi waan akka kanaatu irra jira.

Kan biraa waan ibsu hin qabu.

Kanarratti mallatteessi naan jedhan. Mata-dureen isaa waraqaa mirga wabii jedha. Isarratti mallatteesseedhuman bahe. Obbolaa koo wajjiin manatti wal argine ani sa'aa torbattin bahee isaan gara galgalaa sa'aa 11 hiikaman.

BBC-Harmeen keessan maal jedhan? Akka baatan eeganii turee?

Boontuu: Harmeen keenyas nutis hin eegne. Beellama akka qabnu malee akka baanu hin eegne. Tasuma baane

BBC-Abbaa keefii namoota siyaasaa biroo hidhaman maaliif kan hidhaman sitti fakkaata. Waan argiterraa?

Boontuu: Jarri kun qabsaa'ota. Abbaan koo qabsaa'aadha, Jawaar qabsaa'aadha, Hamzaan qabsaa'aadha. Warri waliin turre ammoo maatii isaaniiti. Yakki dalagan wantii isaaniis nuunis gaafachiisu hin jiru. Rakkoon jiru rakkoo siyaasaati.

Mootummaa mormuu sirna kana mormuurraan kan hafe yakki isaan dalagan hin jiru.

Kan mana hidhaa isaan galchu yakki dalagan jiraatee osoo hin taane, ilaalchaan gargar bahuu isaniitu mana hidhaa isaan gahee jira. Wanta guyyaa sana dalagame wajjiin kan isaan gaafachiisu hin jiru.