'Tibba kana keessa gaheen keenya ummata tasgabeessuufi araarsuudha,' Luba Balaay Mokonnin

Jeequmsa ka'ee keessatti gaheen hooggantoota amanataa inni guddaan ummata araarsuufi tokko gachuun nageenyi biyyattii keessatti akka bu'uuf hojjachuudha jedhu Lubi Balaay Makonnin waan tibba kanatti dureewwan amantaa irraa eegamu yoo ibsan.
Kanaafuu, oduun tibbana “namootni Mana Lubummaa Oromiyaa hidhaman jechuun odeefamaa jiruus sobaafi kan mootummaafi ummata walitti buusuuf yaadamee odeeffamu ta'u mala,'' jechuun Luba Balaay Mokonnin BBC'ti himaniiru.
Itti-dabaluunis namni Mana Lubummaa Oromiyaa keessaa hidhame tokkoleen akka hin jirrees himan.
Oduun miseensotni koree qindeessituu Mana Lubummaa Ortodoksii Oromiyaa hidhamaniiru jechuun miidiyaalee hawwaasummaa irra adeemaa jiruu soba ta'u kan himan walitti qabaan koree qindeesituu Mana Lubummaa Ortodoksii Oromiyaa Luba Balaay Mokonnin, “nuyi wanni nu hiisisu tokkooleen hin jiru. Wanni hidhamnuufis hin jiru. Ummataanis tasgabbaa’aan jedha,” jechuun ergaa dabarsaniiru.
Namootni oduu kana himanis “ummataafi mootummaa walitti buusuuf yaadanii ta’uu danda’a,” jechuun shakkii qaban himan.
“Manni Lubummaa Ortodoksii Oromiyaa fedhii ummataa, seera mana amantichaa, heera mootummaa biyyattiifi magaalota Oromiyaa giddugaleessa godhachuun socho’a,” jedhan Luba Balaay Mokonnin.
“Manni Lubummaa Oromiyaa siyaasa keessa seenee tokko hin deeggaru, tokko hin balaalefatu. Kanaan duras miseensa koree siyaasa keessa seene ariineerra” jechuun siyaasaarraa walaba ta'usaanii akka fakkeenyaatti himaniiru.
“Jeequmsa ka’e keessatti gaheen keenya olaanaan araarsuu, ummata tokko gochuu i nagaa buusuu ta’a.,” jedhan.
Dhimma Burraayyuu…
Taatee Magaala Burraayyuun walqabatee namoonni waldiddaa namoota gidduutti uumameen namni tokko gara waajjira poolisii deemun himachuufi namoonni to’annoo jala oolanii akka turaniif, akkasumas baay’een isaanii gadhiifamuu isaanii himan.
Namoonni lama yookin sadii hafanis har’a akka gadhiifaman itti himamuusaa Luba Balaay himaniiru.
Taateen magaalaa Burraayyuu kun Mana Lubummaa Oromiyaa mormuuf kan raawwatame akka hin taane himan.
Manni Lubummaa Oromiyaa maaliirratti argama?
Koreen qindeessituu Mana Lubummaa Ortodoksii Oromiyaa sadarkaa aanaafi godinaatti hojiilee garaagaraa hojjechaa akka jiruufi iddoowwan tokko tokkotti gaggeessitoota hojii muudaa akka jiran kan himan Luba Balaay Mokonnin, hojiin isaanii sababa dhibee Covid-19 hanga ta’e jalaa harkifachuusaa himan.
Tamsaasni yaalii televizhiinii Mana Lubummaa Oromiyaa erga eegalee ji’oota lama ta’uufi tamsaasa idilee eegaluuf qophiitti akka jiranis dubbataniiru.













