Luba Balaay Mokonnin: Manni Lubummaa Oromiyaa kutaalee lallabaa Oromiyaa keessaan waliin hojjechuuf walii galan

Luba Balaay Mokonnin

Kutaalee lallabaa naannoo Oromiyaa keessa jiran 16 keessaa, kutaaleen lallabaa jaha koree qindeessituu Waajjira Mana Lubummaa Ortodoksii Tawaahidoo Oromiyaa walin hojjechuuf waliigaluu isaanii walitti qabaan korichaa Luba Balaay Mokonnin BBCtti himan.

Kutaaleen lallabaa itti-gaafatamummaa isaanii Waajjira Mana Lubummaa Ortodoksii Tawaahidoo Oromiyaaf gochuuf waliigalan jahan kunneen kutaalee lallabaa godinaalee Shawaa Kibba Lixaa, Baalee, Iluu Abbaa Booraa, Buunnoo Beddellee, Boorana, Qeellam Wallaggaa, Wallagga Lixaa, Gujiifi Gujii Lixaa of keessati qabatan ta'uu dubbatan.

Waliigalteen kun kan xalayaadhaan wal harkaa fuudhiinsi itti taasifame osoo hin taane "wanti kun sirriidha jedhanii nu walin hojjechaa warra jiranidha," jechuun himan.

line

Odeessaalee walitti dhiyaatan kanneenillee dubbisuu maltan:

line

"Kutaalee lallabaa hafan kudhan amansiisuuf hojjechaa jirra," kan jedhan Luba Balaay Mokonnin "kutaalee lallabaa hooggansi fedhii hin qabne irratti koree hundeesineerra," jedhan.

Kutaalee lallabaa koreen itti hundeeffame keessaa kutaaleen lallabaa Harargee Lixaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Lixaafi Jimma akka fakkeenyaatti himan.

"Koreewwan sadarkaa godinaatti hundeeffaman kunneen sadarkaa aanaatti koree hundeessuun hojii ummatni waa'ee Mana Lubummaa Oromiyaa hubannoo akka qabaatu gochuu hojjetu," jedhan.

Namootni hundeeffama Waajjira Mana Lubummaa Oromiyaa morman xiqqaachaa akka jiran kan dubbatan Luba Balaay Mokonnin "hunda amansiisaa waan jirruuf osoo hin labsin turre," jedhan.

Walitti dhufeenya Sinodosii waliin jiru

Sinodosiin mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa muudama kenneefi erga didanii as Sinodosii walin mari'atanii akka hin beekne Luba Balaay Mokonnin himaniiru.

"Namootni dhuunfaa tokko tokko garuu dubbin lolaan adda cituu hin qabu jedhanii kan na mariisisan jiru," jedhan.

Ejennoo hundeeffama Waajjira Mana Lubummaa Oromiyaa irratti qaban akka hin jijjiirre kan dubbatan walitti qabaan koree qindeessituu hundeeffama Waajjira Mana Lubummaa Ortodoksii Tawaahidoo Oromiyaa Luba Balaay Mokonnin "nuyi waan karaa isaaniitin dhufu eegaa jirra," jechuunis himaniiru.