Luba Balaay Makonnin: 'Sinoodosiin guyyoota 30 keessatti deebii akka nuuf kennu gaafanna'

Koreen qindeessituu Waajjira Mana Lubummaa Ortodoksii Tawaahidoo Oromiyaa Luba Balaay Makoonnin dursan ibsa har'a kenneen, gaaffiin hundeeffama Mana Lubummaa Ortodoksii Tawaahidoo Oromiyaa guyyoota soddoma keessatti Sinodosii qulqulluun akka deebi'uuf gaafateera.
Walitti qabaan korichaa Luba Balaay Mokonnin "tajaajilli mana amantaa hawaasa mara bira akka gahuufi adeemsa tajaajilaa dhalootni ammaa barbaadu kennuuf caaseffama mijaawaa ijaaruun barbaachisa" jedhan.
Haa ta'u malee caaseffamni fedhii hordoftoota amantichaa guutu dhabamusaatin hordoftoonni amantichaa tajaajila gahaa hin arganne, tajaajillis hir'ateera jedhu.
Sababa kanaan lakkoofsi hordoftootaas hir'ateera, manni kiristaanichaa akka alagaatti ilaalameera jedhan Luba Balaay Mokonnin.
Iddoowwan rakkoon kun itti mul'atu keessaa tokko immoo naannoo Oromiyaa ta'u himan.
Tajaajilli amantaa Afaan Oromootiin akka kennamuufi caaseffamni Mana Lubummaa Ortodoksii Tawaahidoo Oromiyaa akka hundaa'uuf sababoota heddutu jiru jedhu.
"Ummatni Afaan Oromoo dubbatu biyyattii keesaatti sadarkaa olaanaan jiraachuu, naannichi naannolee heddu waliin kan wal daangessu ta'uu isaa, afaan hojii mootummaa fi barnootaa naannichaa Afaan Oromoo ta'u," akka fakkeenyaatti eeran.
Kana malees lakkoofsi hordoftoota amantichaa naannicha keessatti waggoota darbanitti xiqqaachaa kan dhufe ta'uusaa, Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa akka ta'uuf dhiibbaan taasifamaa jiraachuu akkasumas tajaajiltootni naannicha keessa jiran hedduun afaan naannichaa kan hin dandeenye ta'uun isaa sababoota dabalataa akka ta'an Luba Balaay Mokonnin himaniiru.
Kanaafu rakkoon kun furamuuf yeroon kennamuufi kan hin qabnedha jedhan.
'Gaaffii yeroo dheeraa ture'
Waajjirri Mana Lubummaa Ortodoksii Tawaahidoo Oromiyaa itti waamamnisaa Sinodosii qulqulluuf ta'ee akka ijaarramu Sinodosiin akka heeyyamuf waggoota 16 dura eegalee yaa'iiwwan garaagaraaratti fi namoota dhuunfaaf gaafin dhiyaachaa akka ture Luba Balaay ni dubbatu.
"Bara paatiriyaarkummaa qulqulluu Abuna Phaawulos Sinodosii qulqulluufis ta'e isaanif akka dhuunfaatti dhiyaatee gaaffii gaarii ta'uunsaa amanamee yaa'ii waliigalaaf akka dhiyaatu murtaa'ee ture" jedhan.
Ji'a Gurraandhalaa bara 2010 gaaffiin kun ragaadhaan yaa'iidhaaf dhiyaate ture, haa ta'u malee deebii osoo hin argatiin hanga ammaa turuusaa himan.
"Isa boodas ji'a Caamsaa bara 2011 qorannoo taasisuun paatiriyaarkii fi sinodosiif iyyanullee deebi hin arganne" jedhan Lubichi.
Abbootiin amantii, tajaajiltootni fi hordoftootni dhalli namaa hundi loogii malee mana amantaan akka tajaajilamu ni amanna kan jedhan Luba Balaay Mokonnin "Sinodoosi qulqulluu fi Paatiriyaarkii tokkoon buluun sirnuma bulchiinsaa qofa fooyyeessuuf caasaan akka diriiru feena" jedhan.
Kana immoo muuxxannoon akka addunyaatti jiru kan deeggaru akka ta'e fi biyyattii keessattis waggoota darbanitti manneen lubummaa akkaataa garaagaraan caaseffamaa turusaani himan.
Manni amantichaa caaseffama bulchiinsa mootummaan walfakkaatu osoo qabu sadarkaa naannotti tajaajilli hawaasa amma jiru bira gahuu hin dandeenye jedhu Luba Balaay Mokonnin.
"Sababa kanaan namootni heddu mana amantichaa keessaa bahaniiru, manni amantichaas kabaja dhabdeerti" jedhan.
Tajaajilli mana amantichaa Afaan Oromoon kennamu magaala Finfinnee Sinoodosi qulqulluu fi Mana Lubummaa waliigalaarraa eegalee hojiirra akka oolu barbaadna kan jedhan miseensotni koree qindeessituu Waajjira Mana Lubummaa Ortodoksii Tawaahidoo Oromiyaa mana amantichaa mana amantaa namootni itti wal jaalatan fi itti wal kabajan akka taatu barbaadna jedhu.
"Wanti qeesii Amaaraa, Oromoo, Tigree jedhu akka dhaabbatu barbaadnas" jedhan Luba Balaay Mokonnin.
Guyyoota 30 keessatti...
Dabalataan ibsa qabxiilee jaha qabu kan baase koreen kun Sinoodosii qulqulluun deebii hatattamaa akka nuf kennuf gaafateera.
Haaluma kanaan Miseensootni qulqulluu Sinoodosii gaaffii ijaarsa caasaa gaafatame guyyoota 30 keessatti deebii akka deebisuuf korichi gaafateera.
"Abbootin keenya gaaffii keenyaaf deebii akka nuuf laatan amantaa guutuu qabna" kan jedhan miseensotni koree kanaa yoo Sinoodosichaan deebiin hin laatamne fedhii hordoftoota amantichaa hedduu bu'ura godhachuun tarkaanfii akka fudhatu beeksise.
Yoo Sinoodosiin heeyyame caaseffamasaa kana hojiirra oolchuuf qaamolee dhimmi ilaallatu walin akka hojjetus korichi beeksiseera.
Sinodosii tokko fi paatiriyaarkii tokko jalatti buluu barbaadna kan jedhan miseensotni korichaa lubootni, abbootiin amantaa fi tajaajiltootni naannicha keessatti mindaa xiqqaan tajaajilan tasgabbiidhaan uummata akka tajaajilan gaafataniiru.
Kaayyoon kun galma akka gahufis hordoftootni amantichaa, tajaajiltootni fi abbootiin qabeenyaa deeggarsa akka taasisan gaafataniiru.
Bakka bu'ummaa...
Gaaffii bakka bu'ummaa hordoftoota amantichaa irraa qaban ilaalchisee gaafatamanif "godinaalee fi aanaalee garaagaraa keessatti hordoftoota amantichaa mariisisnee jirra jedhan.
"Wallagga, Baale, Arsii fi godinaalee biroo keessatti mariisisnee jirra, namni miiliyoonaan lakkaa'amu bakka bu'ummaa akka nuuf laatemmoo sagantaa gara fulduraatti qopheesinun mirkaneessifna" jedhan.
Kana malees akka bakka bu'ummaa uummataan cinaatti akka luba tokkootti dirqama nan qaba jedhan.
"Wayitan hoogganaa mana lubummaa magaala Finfinnee turetti xalayaan ani mallatteesse mana galmeetti ukkamfamaa ture" kan jedhan Luba Balaay Mokonnin hanni, lubbuu balleessuun, loogiin sanyummaa mana amantichaa keessa jiraachuu himan.
Adeemsi keenya mana amantichaa qofa osoo hin taane biyyattii kan fayyisudha jedhan miseensotni koree.
"Ibsi dheengadda maqaa Sinoodosiin kennames ibsa Sinoodosii bakka kan bu'u miti. Namoota Oromiyaa iddoowwan garaagaraatii ari'amantu laate" jechuunis dubbatan.
Hordoftootni amantichaa dhalattoota Oromoo ta'an amantichaafis ta'e biyyaaf aarsaa guddaa kaffalaa akka turan fi ammalee diina biyattiitti bu'u fuldura dhaabbachuuf kutannoo qaban himan.
"Yaadni uummatni afaan isaatiin tajaajilamaa jira jedhu soba dha. agarsiisuf qofa hojjetamaa jira," jedhu.
"Qiddaase akkamitti afaan Oromootiin qaddastu nun jedhu. Kanaafuu uummata osoo gowwomsuu baannee gaari dha" jedhan miseensotni koree waajjira mana lubummaa Ortodoksii Oromiyaa.














