Ganama moo halkan qaama dhiqachuutu sirriidha?

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni tokko tokko ganama obboroo qaama dhiqachuu filatu; kaan ammoo galgala dhiqachuutu isaanitti tola. Warra ganama qaama dhiqatan moo galgala dhiqatantu sirriidha?
Kanneen ganama dhiqachuun gaaridha jedhanii ganama dhiqachuu jajjabeessan, namni tokko hirribaa keessaa akka ka'een daqiiqaa 10 kan ta'uuf bishaan hoo'an qaama yoo dhiqate guyyaa sana miira dammaqaa ta'een akka oolu gargaara jedhu.
Lakki, galgala dhiqachuutu wayya kanneen jedhan ammoo namni tokko guyyaa waan garaa garaan burjaja'aa oolee gaafa galu qaama yoo dhiqate hirriba tasgabbii qabu rafuuf akka gargaaru falmu.
Waa'ee falmii ganama qaama dhiqachuufi galgala dhiqachuu saayinsiin maal jedha?
Xurii, dafqa akkasuma zayita gogaa keenya irraa qulleessuuf qaama dhiqachuun fayidaa qabaachuunsaa gaaffii hin qabu.
Guyyaa guutuu dhukkeen akkasumas wantoonni biroo naannoo keenya irraa nama faalan qaama keenyarratti ni kuufamu.
Osoo gara hirribaa hin deemin dura qaama hin dhiqanne yoo ta'e, dhukkeefi xuriin guyyaa qaama keenyarratti kuufame afataafi boraatii keenya keessatti kuufama jechuudha.
Kana qofaa miti. Gogaan keenya baakteeriyaa heddu ofirraa qaba. Gogaa keenya iskuweer seentimeetirii [tokko] keessatti baakteeriyaa 10,000 hanga miliyeena tokkootu jiraata.
Baakteeriyaan kunneen zayita ykn dibata xannachawwan dafqa maddisiisan keessaa bahu sooratu.
Dafqi ofiisaa foolii hin qabu, qabiyyee salfarii baakteeriyaan uumutu akka foolii godhatu taasisa. Kanaaf hirriba dura qaama dhiqachuun fayidaansaa guddaan qulqullummaafi. Garuummoo dhugaansaa sanaa oliidha- walxaxaadhas.
"Osoo hin rafin dura qaama dhiqattee yoo gara siree deemte qaamni qulqulluu ta'ee sitti salphata. Garuummoo halkan ni dafqita," jetti Yuunivarsiitii Leestaritti maayikiroo baayolojistii kan taate Piriimroos Firiistoon.
Akka yaada Piriimroositti, yeroo waktii qorraatuu qaamni namaa ni dafqa; kanarraa ka'uun seelonni gogaa 50,000 fi isaa ol ni kuufamu.

Madda suuraa, Getty Images
Namni halkan qaama dhiqatee rafus halkan dafquurraa kan ka'e wantoota baakteeriyaan sooratan gogaa keenyarratti uumamuun dirqama akka ta'es ibsiti.
Kanaaf namni tokko ganama yoo dammaqu fooliin dafqaa inuma namatti dhufa.
Halkan qaama dhiqachuun fayidaa kan qabaatu yeroo heddu ansoolaa keenya kan miiccinu yoo ta'eedha. Akkasis ta'ee baakteeriyaan ansoolaafi boraatii keessa dhokachuun yeroo dheeraaf yoo kuufame dhukkeefi waan akka samaafi faangasii uumuu danda'a.
Namoonni sirni dhibee ittisuu isaanii sirnaan hojjatu rakkoowwan akkasii kan dandmatan ta'us, namoonni dhukkuba daranyoo sombaa cimaa qaban %76 ta'an faangasiiwwan kanaaf saaxilamoodha.
Keessumaa gosa faangasii Aspergillus fumigatus (A. fumigatus) jedhamuuf saaxilamuun namoota rakkoo fayyaa sombaa qaban dhibee sombaa hamaaf isaan saaxila.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Halkan qaama dhiqachuurraa ansoolaa siree qulqulleessutu irra fayidaa qaba," jedha Yuunivarsiitii Halitti barsiisaa dhibee fayyisuu kan ta'e Hoolii Wikinsan.
"Sababni isaa dhiqattee yeroo gara siree deemtu, ansoolaa siree osoo hin qulqulleessiin ji'ootaaf turta taanan suni ammoo baakteeriyaa, awwaara fa'aa kuusee taa'a," jedha.
Kanneen halqan dhiqachuun filatamaadha jedhan ammoo hirriba gaarii argachuuf gargaara jedhu. Yaada kana kan deeggaru ragaan jira. Qorannoon gaggeeffame akka agarsiisutti, osoo hin rafin dura halkan bishaan hoo'aan daqiiqaa 10 ykn sa'aatii lamaafi isaa ol qaama dhiqachuun sa'aatii hirribni nama qabuuf namatti fudhatu baay'ee xiqqeessa.
Kanaaf ganama qaama dhiqachuu moo galgala dhiqachuutu sirriidha gaaffii jedhu deebisuuf kamtu sirriidha?
Piriimroos Firiistoon ganama dhiqachuun filatamaa akka ta'e ibsiti. Sababni ammoo dafqa halkan dafqaa bulleefi baakteeriyaawwan siree irraa gogaa keenyatti qabatan qulqulleessuun guyyaa keenya gammachuun eegaluuf gargaara kan jedhuudha.
Garuummoo guyyaatti si'a tokko yeroo hunda qaama dhiqatta taanan, ganamas ta'ee galgala dhiqachuun baay'edhuma garaa garummaa akka hin qabne kaasti.
Wantoota irra rafnuufi uffannu qulqulleessina taanan, fayyummaafi qulqullina qaamaa eeguuf torbanitti guyyaa lama qaama dhiqachuun gahaa akka ta'e ibau ogeeyyiin.
"Gosti hojii hojjattuus murteessadha. Fakkeenyaaf qote bulaa yoo taate, galgala gara manaa yeroo galtu dhiqachuun waan hin oolledha; garuummoo hunda caala siree qulqullinaan qabuun baay'ee murteessadha," jedha Hoolii Wikinsan.












