Saawunaan dhuguma fayyaa namaa fooyyessaa?

Namoota Saawunaa fudhatan

Madda suuraa, Getty Images

Saawunaan fayyadamuun, cabbii keessa lixuun dhibeerraa si fayyisuu, dandeettii dhukkuba damdamachuu kee dabaluu, cooma gubuu, buusaa lafees akka jabeessutti miidiyaa hawaasaarraa dubbifteerta yookin duruu akkasumatti beekta ta'uu danda'a.

Dhugaan jiru, ogeeyyiin, kun yaada dhuunfaati jedhu.

"Namoonni hedduun ho'i yookin diilalli fayyaa keef gaariidha jedhanii kakatanis jiru, duuchaatti yaadicha amanuuf garuu ragaa quubsaa hin qabnu" jetti gargaartuun profeesaraa haala naannoo fi qaama namaa yunivarsiitii Poortsmaawuz Dr Hiitar Maaseey.

Qaamni keenya teempireechara murteessaa 36.5C fi 37C gidduutti madaallii isaa eegudhaan "uumama dinqisiisa dha " jechuun ibsiti.

Jireenya keenya guyyuu keessatti, baay'een keenya, sirna qaama keenyaa kanarratti gaaffii kaafna. Akkamiin qaamni keenya ho'a olaanaa keessa yeroo dheeraa yoo turru ykn bakka qilleensa madaalawaa keessatti madaallii tempireecharaa eega kan jedhu.

Qaama ho'isuun ykn qorrisiisuun dhiphina xinnoo ni uuma jetti. Kun immoo itti baruu ykn qolachuu fa'iif kakaasa.

Saayinsii saawunaan duuba jiru

Yeroo ammaa saawunaa iddoowwan jiimii fi ispaa irratti tajaajilamnurratti hubannoon qabnu baay'uma gad aanaa dha.

Namoota kaaniif akka boonasiitti iddoo ispoortii jiimiitti fudhatama. Kuun immoo daqiiqaa 15 ho'a cimaa keessa turuun qaamaa fi sammuu isaaniif akka fayyadutti beeku.

Dhugaa dha. Miira gaariitu sitti dhagahama.

"Saawunaa keessa teessee yoo si dafqisiisu, qaamni kee sitti salphata, bilisummaatu sitti dhagahama, sochiin sitti salphata, dhukkubbiin sirraa bada," jetti Dr Maaseey.

"Kanaafuu, saawunaan faayidaa hinuma qaba. Gaaffiin garuu, faayidaan sun kan qorqalbiiti moo kan yeroo dheeraati?" jetti.

Dubartii saawunaa fudhataa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Qorannoon yeroo dhiyoo akka agarsiisutti irra deddeebiin bishaan ho'aa keessa qaama ofii tursiisuun hamma insuliinii fi dhiibbaa dhiigaa keenya jijjiira jetti Dr Maaseey.

"Qaama ofii ho'isuun jiruu namaa yeroo dheeraaf ni fayyadamoo hin fayyaduurratti qorachaa jirra."

Garuu, ammas taanan yaada jabaa fayyaarratti dhiheessuuf qorannoon saayinsaawaa bal'aan godhame murtaawadha jechuun akeekkachiifti.

"Saawunaarratti qorannaan sirriin homaa hin godhamne," jetti. "Garuu, qorannoon fuulduraaf godhamus saawunaan faayidaa qabaachuu ni mirkaneessa jedhee hin yaadu, ammatti garuu homaa jechuu hin dandeenyu" jetti.

Ammatti, waanuma namatti toluuf namoonni itti fayyadamuu danda'u. Bu'aa fayyaa irraa eegun osoo hin taane jetti.

Wayita saawunaa fayyadamtan dhawaata itti seenaa, yoo rakkoon fayyaa isin mudatee fi ulfa taatan hakiima keessanitti himadhaa jetti Dr Maaseeyin.

Bishaan cabbii daakuun hoo?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namoonni gariin immoo dubbii faallaa oofu.

Bishaan cabbii gareedhaan daakuun amma baramaa dhufaara. Qarqara bishaanii, haroowwanii, fi laggeeniitti ganama ka'anii shaakala dalaguu.

Dr Maaseey, shaampiyoonii bishaan cabbii lixanii daakuu dorgomtee beekti. Jalqaba "dhukkubbiitu" namatti dhagahama, garuu waan nama rifaasisu san akka malee barbaadu namoonni jetti.

"Yoo jalqaba itti lixxu, osoo hin yaadne iyyita, hargansuun kee ni saffisa. Dhahannaan onnee fi dhiibbaan dhiigaa daran olka'a, hormonoota akka koortisoolii [dhiibbaa dhiigaa fi hamma gilookosii, dandeettii dhibee damdamannaa to'atu] ni dhiphisa, adireenaalinii olkaasa.

" Miirri kun egaa sekondii 30 keessatti fiixee gaha, saffisaaniis gad bu'a,"jetti,

Itti deddeebi'uun rifannaa (bir'annaa) qaamni keenya mul'isu ni hir'isa, yeroo hedduu itti deddeebi'anii cabbii daakun inumaa harka 50'n rifaatuu san hir'isa.

Saawunarratti, gaaffii ijoon faayidaan irraa argannu sun ho'a sanarraa dhufa moo tajaajila naannawa sanatti argannurraayi kan jedhu dha.

"Bishaan cabbii kan daaknu namoota faana alatti, uumama, sochii, hariiroo hawaasummaa qaba," jetti Dr Maaseey.

Kanaaf jecha, cabbii moo haala bakka tajaajila akkasii itti argannurraa faayidaa arganna kan jedhu gaaffii jabaa.

Namoota gareen bishaan cabbii daakan

Madda suuraa, Getty Images

Waan nama bohaarsu barbaaduu

Akka Dr Maaseey, hubattutti, dubbiin tempireechara osoo hin taane haala bakkichaa nu bohaarsurraa ka'a.

"Namoota torbaaniin paarkii keessa fiigun bohaaran dubbiseera, jarri kun gammachuu wal fakkaataa akka warra cabbii keessa ciisanii akka argatan himu," jetti.

"Dubbiin ijoon waan si bohaarsu argachuu, waan sanas irra deddeebi'anii argachuu, sanis immoo kaan waliin qooddachuun, hiriyummaa cimsachuun dadhabbii qorqalbii akka hir'isuu isaati."

Uumama daawwachuu, sirbuu, hiriyoota waliin imaluu ta'uufaa danda'a.

Yoo saawunaa fayyadamuu fi cabbii daakuun fayyaaf gaarii ta'uu baatullee, waan tolu wayii qabaachuu mala jetti Dr Maaseey.