Xiyyaara Landanii- Singaapor balali'aa ture raafamni guddaan mudatee lubbuun namaa darbe

Xiyyaara Singaapor

Madda suuraa, Getty Images

Balalii Landanii gara Singaapooritti taasifamaa ture raafamni qilleensaa guddaan mudachuun namni tokko yoo du’u namootni 30 tahan madaa’an.

Xiyyaarri Singaapoor Landanii gara Singaapooritti balali’aa ture raafama qilleensaa hamaadhaan rukutame.

Xiyyaarri Boeing 777-300ER jedhamu balalii irra osoo hiruu raafamni isa mudachuun namni tokko du’uu kan himame.

Xiyyaarichi balalii isaa gara Baangkookitti maqsuun sa’a 15:45 [8:00GMT] irratti qubate.

Xiyyaarichi imaltoota 211 fi garee balaliistotaa 18 qabachuun balali’aa akka ture ibsi daandii qilleensichaa ibseera.

‘’Daandiin Qilleensaa Singaapoor maatii miidhamtootaaf gadda nutti dhagahame ibsina,’’ jedha ibsi baasan.

Daandiin qilleensichaa qondaalota Taayilaandi waliin tahuun miidhamtootaaf deeggarsa medikaalaa kennaa jiraachuu ibse.

Taayilaandi deeggarsa yaalaa kennuuf anbulaansii bobbaafteetti.

Balalicha irratti waanti mudate guutuun ifa miti. Raafamni qilleensaa balalii irratti waanuma mudatudha, garuu waan hamaa akkasii yeroo hedduu hin mudatu.

Yeroo tokko tokko balaan akkasii dursee ni beekama. Balalii kana kan mudate garuu osoo hin beekamiin akka tahe himameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lammiin Biriitish ganna 68 tahan miseensota maatii isaanii torba waliin xiyyaara balalii gidduutti qilleensa hamaan akka malee raafame keessa turan.

Namni magaala Riidingi irraa tahan kun cidha ilma isaanii irratti argamuuf gara Awustiraaliyaatti imalaa turan.

Baankook bakka xiyyaarri qubatee miidhamtootni hospitaala galanii yoo dubbatan imalaan kun, taateen kun ''jireenyakoo keessatti isa baay'ee hamaadha'' jedhan.

''Jalqaba waan hundinuu haaluma gaariin deemaa ture. Aniyyuu xiyyaaricha irraa mana fincaanii dhaqee deebeen ture. Deebi'ee akkuman gadi taa'een, raafamni guddaan tahuun xiyyaarichi kufuuf ka'e,'' jechuun BBCtti himan.

''Akeekkachiisa kenne tokkoyyuu hin qabu, tasuma tahe.'' Jeerii ifi haati warraa isaa baaxii xiyyaarichaatti rukutamuun mataan isaanii miidhamee lubbuun oolan.

Baankook akka gahaniin gareen yaalii kennu dafee achi gahuun gara mana yaalaatti geeffamuu hima. Haati warraa isaa fi intalli isaas achuma jiraachuu arge.