Waa'ee balaa helikooptara Iraan lubbuu aangootaa galaafateerratti waan beeknu

Madda suuraa, EPA
Pirezidantii Ibraahim Ra’isiifi aanga’oonni kaan torba Dilbata kaleessaa ture helikooptarri isaan ittiin imalaa turan naannoo daangaa Azarbaajaaniitti kufuun du’unsaanii aanga’oonni Iraan kan mirkaneessan.
Nutis hanga ammaatti waa’ee balaa qaqqabee kanaa kan beeknu kana ture.
Kunis hanga ammaatti waa'ee balaa kanaa kan beeknudha.
Pirezidanti Ra’iisi maaliif helikoptaraan imalaa turan?
Ra’siin Dilbata ganama gara bulchiinsa Baha Azarbaajaan fagoo kaaba- dhihaatti, hidha Qiz-Qalasi, pirojektii waloo humna elektirikii bishaanii ollaa Azarbaajaan, kan laga Araas irratti hojjetamu eebbisiisuuf gara sanatti balali’an ture.
Sirna sana irrattis Pirezidantiin Azarbaajaan, Ilhaam Aliyeev, kan osoo helikooptarrichi naannoo hidhaarraa ka’uun gara magaalaa Tabriiz, kan gara kibbaatti fageenya kiiloo meetira 130 irratti argamtutti hin balali’iin dura, waliin turuun “nagaa michuummaa walii dhaaman” waliin turan.
Ra’iisiin Dibata sa'a booda pirojektoota boba’aa lama kan Taabriiz keessatti argaman eebbisuuf karoora qabatanii ture.
Kan biraa eenyu fa’itu helikooptaricha keessa ture?

Madda suuraa, EPA
Pirezidaanticha waliin namoonni biraa torba kan turan yoo ta’u, isaanis balaa kanaan lubbuu dhabuusaanii ajajaan olaanaa Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC), Meejar Jeneraal Hoseen Salamii himaniiru.
Isaan keessaayis Ministira Dhimma Alaa biyyattii, Hoseen Amiir-Abdollahiyaan, akkasumas bulchaa bulchiinsa Azarbaajaan Bahaa, Maalek Raahmaatiifi hogganaa salaata Jum’aa Taabriz, Ayaatoolaah Mohammad Ali Al-Haasheem, dursaa amantaa olaanaa Shi’aa kan ta’eefi Baha Azarbaajaanitti bakka bu’aa qondaala Hogganaa Olaanaa Alii Khaameene illee waliin turan.
Jeneraal Saalaamiin, warren helikoptaricha keessa turan kaan biroo Birgaadar-Jenaraal IRGC, Mohammad Mehdi Muusaavi, hogganaa garee nageenyaa pirezidaantichaa, balaliistota Koloneel Mohseen Daryanushiifi Koloneel Seeyed Taaher Mostaafaavii akkasumas teeknishaana Maj Behrouz Qaadimi jechuun tarreessan.
Helikoptarichi kan kufe eessatti?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Balaan kunis akka biyyaatti naannoo sa'aatii 13:30tti (10:00 GMT) naannoo fagoo, gaarreen Qiz-Qalasi irraa gara kibbaatti fageenya gara 58km fi ganda Uzii jedhamturraa ammoo gara kibba dhihaatti bakka 2km fagaatutti akka ta'e qondaaltonni Iraan himaniiru.
Suuraawwan miidiyaalee mootummaatiin maxxanfamanis kanuma mirkaneessan.
Garuu ammo akka sa’aatii biyyatti sa’aatii 16:00 booda (12:45 GMT) TVn mootummaa Iraan, helikooptarri pirezidaanticha fe’ee ture hurriifi rooba cimaa keessa gara Taabriiz osoo balali’aa jirtuu “qubannaa hin malle” (“hard landing’’) mudachuun gabaase.
Boodarra ammoo Ministirri Biyya Keessaa, Ahimad Vaahidiin jilli pirezidaantichaa helikooptaroota sadiitiin imalaa akka turaniifi kan pirezidantichi ittiin imalaa turan garuu sababii “haala qilleensaa hamaafi hurrii cimaa naannoo sanaa irraa kan ka’e qubannaa hin malle taasisuuf dirqamu” mirkaneessaniiru.
Gareen baraarsitotaa hedduun gara naannoo sanaatti qajeelaa akka turan kan dubbatan yoo ta’u, hurrii, qorraafi roobni akkasumas haalli teessuma lafti naannichaa hojii barbaachaa gufachiisaa akka jiru himan.
Helikooptaroonni lamaan helikooptara pirezidaantichaa maddii balali'aa turan ammoo, erga qunnamtiin adda citeen booda daqiiqaa 15 - 20tti barbaacha jalqabanii turan.
Isaan booda ammoo hojiin barbaachaa hanga halkaniitti itti fufuun, isaan ammo atattamaan qubachuuf dirqamuu qondaalli tokko TV mootummaatti himan.
Dhimma hojii raawwachiiftuutti Ittaanaan pirezidaantii kan ta’an, Mohsen Mansuuriin, helikooptara pirezidaantichaa keessa namoota lama - miseensa garee balalii tokkoofi nama dhuunfaa biraa tokko waliin quunnamtiin taasifameera jedhanii ture.
"Helikoptaricha keessaa namoonni lamaa garee keenya waliin yeroo baayyee quunnamuu danda’unsaanii kunis, haalli balaa cimaa akka hin taane agarsiisa, jedhan osoo gadi fageenya isaa hin himiin.
Haata'u malee, abdiin Ra’isiifi namoonni isaa waliin turan kaan lubbuun hafan jedhus Wiixata bariin booda dukkanaa’e.

Madda suuraa, Reuters
Bakka balaan itti qaqabee maaltu argame?
Gara sa'aatii 05:00 (01:30 GMT)tti, lubbuu baraartoonni caccabaa helikooptaraa fageenya gara 2km (1.2 miles) irraa argan. Sanaan boodas bakkicha qaqaabuudhaaf gara sa'aatii tokkoo akka itti fudhate, itti gaafatamaan Addeessa Diimaa Iraan, Pirhosseen Kolivand himan.
Bakka balaan kun itti qaqqabe, kan lafa ol-ka’iinsi isaa naannoo 2,200m (7,200ft) irratti argamutti, “mallattoo jireenyaa homtuu hin arganne” jechuun Mr Kolivand TV mootummaa biyyattiitti himan.
TVn mootummaas suuraa bakka balaan kun itti qaqqabee fi kan gaara irratti mul'atu tamsaase. Kunis suluula tokko irratti mul'ata ture. Innis funyaan helikooptaraa bifa diimaafi adii qabu biqiltoota gubatan hedduu cinatti kan agarsiisu fakkaata ture.
Boodarra du'aatiin Pirezidaantii Ra’isiifi namoota helikoptaricha keessa turan kaan erga ifoomee booda, TVn mootummaa osoo rippoortarri tokko caccabaa helikoptarichaa fuuldura dhaabateefi kutaalee caccabaa biroo fakkaatuu agarsiisu tamsaase.
Akkasumas Dhaabbanni oduu mootummaa Iraan, waraabbii viidiyoo lubbuu baraartoonni reeffa uffataan marame sireen baatanii deeman agarsiisu maxxanseera.
Maddii balaa kanaa maal ture?
Angawoonni Iraan hanga ammaatti sababa balaa kanaarratti kan jedhan omtu hin jiru.
Haata'u malee, ministiroonni mootummaa helikooptarri kun hurriifi rooba cimaan erga rakkina keessa seenee booda attamiin akka kufe ibsaniiru.
Waa’ee helikoptarichaa maal beekna?
Miidiyaaleen mootummaa Bell 212 jedhamu tokko, helikoptarichi moodeela dhaabbata Ameerikaa tokkoon waraana Kanaadaatiif bara 1960moota keessa hojjete ta’u adda baase.
Akka galmee Humna Qilleenda Addunyaa FlightGlobal 2024’tti, humni galaanaafi qilleensaa Iraan walumaagalatti helikoptara akkasii 10 kan qaban yoo ta’u, isaan keessaa garuu meeqa akka hojjetu ifa miti.
Dhaabbanni oduu mootummaa IRNA akka jedhutti, helikooptarri pirezidaanticha imaltoota jahaa fi hojjettoota helikoptarichaa lama fe’uu imalaa ture.
Akka Faawundaeeshiniin Negeenya Balaliinsaa (Flight Safety Foundation) jedhutti, Iraan keessatti balaa cimaan lubbuu namaa heddu galaafate inni dhumaa, kan Dibalataattin dura kan qaqqabee, balaa helikoptara Bell 212 jedhamuun Ebla 2018 wayita yaalaa bahaniitti kan mudateedha.












