Abbaan alangaa Mana Murtii Yakkaa Idil-Adunyaa Neetanyehuu akka to’atamaniif ajaja gaafatan

Madda suuraa, Getty / EPA
Abbaan alangaa Mana Murtii Idil-adunyaa [ICC] yakka waraanaa raawwatan jechuun Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamiin Neetanyahuu akka to’annoo jala oolfamaniif ajaja gaafatan.
Dabalataan manni murtichaa hogganaan Hamaas Gaazaa keessa jiru Yaayyaa Siinwaar yakka waraanaa raawwateera jechuun akka to’annoo jala oolfamaniif ajajni akka dabarbuuf gaafatan.
Kaariim Kaan hoggantoonni lamaan Onkoloolessa 7 bara 2023 irraa jalqabuun yakka waraanaafi yakka namoomaa raawwatameef itti gaafatamummaa qabaachuu isaaniif ragaa gahaan jira jedhan.
Neetanyaahuun Gaazaa keessatti beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamaniiru, ajjeechaa jabaa fi suukaneessaa raawwataniiru jedhe.
Manni Murtii Yakkaa Idil-adunyaa teessoon isaa Heeg tahe, waggoota sadii tahaniif tarkaanfii Israa’el bakkeewwan Filisxeem keessaa qabattetti raawwataa turte qorachaa turuu beeksisera.
Dabalataan erga Waraanni Gaazaa ammaa kun jalqabees waan tahaa ture qorachaa turuu ifoomseera.
Ministirri Ittisaa Israa’el Yo’aav Gaalaantii fi hogganaan siyaasaa Hamaas Ismaa’el Haniyyee, hoggantoota waraanaa biroo akka Mohaammad Deef waliin warra barbaadaman keessatti argamu.
Neetaanyehuun hoggantoota Israa’el warra ICC’n barbaadaman keessatti hammatamu ilaalchisee yaada kennaniin ''waan dabaa seenaa keessatti tahee hin beekne’’ jechuun ibsan.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Morkataa Neetaanyehuu kan tahaniifi miseensota kaabinee waraanaa keessaa tokko kan tahan Beenii Gaant, gaaffii abbaan alangaa ICC dhiyeessan kana balaaleffataniiru.
"Hoggantoota biyya dimokiraatawaa biyya isaanii hoggantoota dhaabbata shororkeessaa dhiiga dheebotan irraa of ittisan wajjin wal fakkeessuun haqa balleessuudha’’ jechuun X irratti barreessaniiru.
Abbootiin seeraa ICC amma ragaan dhiyaate hoggantoota kanneen to’annoo jala oolchisuuf gahaa moo gahaa miti kan jedhu kan ilaalan taha.
Yerootti abbootiin alangaa ajaja to’annoo jala oolcuu akka bahuuf gaafataniifi abbootiin seeraa ilaaluun raggaasisan torbaniin ykn ji’aan adda tahuu danda’a.
Waraana Gaazaa keessaan yoo xiqqaate namoonni nagaa 35,000 ol tahan akka du'an ministeerri Fayyaa Hamaas hogganu ibseera.
Haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 bara 2023 Israa'el irratti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 1200 ajjeefamaniiru.
Hamaas namoota 252 tahan ammoo ukkaamsee fudhatee ture. Israa'el amma Raafaa keessatti oppireeshinii waraanaa gaggeessaa jirti.
Dhiibbaan idil-adunyaa Israa'el irratti jabaatus Neetanyahuun hanga Hamaas mo'annutti duubatti hin deebinu jedhan.












