Israa'el Gaazaatti "duguuggaa sanyii" raawwataa jirti jechuun Afrikaan Kibbaa himatte

Haleellaa Gaazatti raawwate

Madda suuraa, EPA-EFE/REX/SHUTERSTOCK

Israa'el Gaazaa keessatti "gochaa duguuggaa sanyii" raawwataa jirti jechuun Afrikaan Kibbaa Mana Murtii Haqa Idil-addunyaatti himata bante.

Manni murtii UN kun himannaa kana ilaalaa akka jiru beeksise. Israa'el gamasheen himannaa Afrikaan Kibbaa bante kana "maqa-balleessii" jechuun waakkatte.

"Maqa baleessii hamaa Afrikaan Kibbaa dhiyeessite Israa'el jabeessitee balaaleffatti," jechuun ibse Ministeerri Dhimma Alaa Israa'el.

Manni Murtii Haqa Idil-addunyaa (ICJ) Neezarlaandis, magaala Heegitti argamu qaama seeraa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniiti.

Wal-dhabdee biyyoota gidduu jiru kan furuu fi seera idil-addunyaarratti gorsa yaada furmaataa kennuun beekama.

Afrikaan Kibbaa himatashee Mana Murtii Haqa Idil-addunyaatti erga galchitee booda "duguuggan sanyii akka hin mudanne ittisuuf" dirqama akka qabdu beeksifte.

Biyyattiin ibsa baasten haleellaa Israa'el namoota nagaafi kaan osoo adda hin baasin Gaazatti raawwattuun du'a lammilee nagaafi namoonni qe'eessanirraa humnaan akka buqqa'an taasifamuu ilaalchisee baay'ee yaadda'uu ibsite.

"Dabalataanis, yakkiwwan idil-addunyaa kanneen akka yakka dhala namaafi yakka waraanaa, akkasumas gochaawwan ulaagaa yakka duguuggaa sanyii madaalaniifi yakkiwwan kanaan walitti hidhatan fa'aa raawwachuufi tarii raawwataa akka jiran gabaasni jira," jedha ibsi mootummaan Afrikaa Kibbaa baase kun.

Himanni yakkaa biyyattiin Israa'el irratti dhiyeessite kun fuula 84 kan qabu yoo ta'u, gochaan Israa'el Gaazatti raawwattu saba Filisxeem gar-tokkeen mancaasuuf kan karoorfate akka ta'e ibsa.

Afrikaan Kibbaa himannaa dhiyeessite kanaan Manni Murtii Haqa Idil-addunyaa torbee dhufuu dhaaddacha akka taa'u kan gaafatte yoo ta'u, Israa'el sochii waraanaa Gaazatti taasistu guutummaan akka dhaabdu gochuu dabalatee "tarkaanfiwwan biroos" akka fudhatamu gaafattee jirti.

Dubbi himaa ministeera dhimma alaa Israa'el kan ta'an Li'oor Hayi'at Afrikaan Kibbaa "dhaabbata shororkeessaa Israa'el akka lafarraa baddu barbaadu waliin hojjatti" jechuun gidiraafi rakkina lammiilee nagaa Gaazaa keessa jiraniif Hamaastu itti gaafatama jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Israa'el tumaalee idil-addunyaa eeguf kutannoo qabdi, isumaan gaggeeffamaas jirti, akkasumas waraanashee dhaabata shororkeessaa Hamaasifi shorokeessitoota Hamaas wajjin hojjatan irratti akka xiyyeeffatu kan gootu akkatuma tumaalee kanaani," jedhan dubbi himaan kun.

Israa'elifi Hamaas gidduutti waraanni yeroo eegalee kaasee Afrikaan Kibbaa sochii waraanaa Israa'el Gaazatti taasiftu heddu qeeqaa turte.

Jalqaba ji'a Sadaasaa keessa dippiloomaatotashee Israa'el jiran hunda ofitti waamtee turte.

Israa'elis akkasuma kan ishee Piritooriyaa irraa gara biyyatti waamte.

Dabalataan mani maree biyyaalessaa Afrikaa Kibbaa sagalee kenneen walitti dhufeenyi dippilomaasii Israa'elifi Afrikaa Kibbaa gidduu jiru akka addaan citu murteesse.

Afrikaan Kibbaa duraanis mana murtii biraatti Israa'el himattee turte. Israa'el Gaazaa keessatti yakka waraanaa raawwachuu kan ibsu Mana Murtii Yakka Idil-addunyaa (ICC)tti dhiyeessite.

Manni Murtii Idil-addunyaa yeroo heddu namoota dhuunfaa yakka waraanaa, yakka dhala namaafi duguuggaa sanyii raawwachuun himatama qorachuun murtii irratti dabarsa.

Israa'el garuu Manni Murtii Yakka Idil-addunyaa jiraachuusaa hin fudhattu.