Afrikaan Kibbaa Raashiyaaf meeshaa waraanaa dhiyeessite -Ambaasaadara US

Pre. Afriikaa Kibbaa Raamaafozaa

Madda suuraa, Reuters

Afrikaa Kibbaatti Ergamaan Ameerikaa biyyattiin waraanaa Raashiyaafi Yukireen jidduutti gaggeeffamuun walaba jettulleen Raashiyaadhaaf meeshaa waraanaa dhiyeessaa jirti jechuun himatan.

Ambaasaadar Ruuban Birgeetii miidiyaa biyya keessatiin, dooniin Raashiyaa Muddee darbe Keep Taawon keessatti meeshaalee waraanaa fe'uun ''mirkana'' jedhaniiru.

Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa, Siiriil Raamaafosaa ammoo mootummaan isaa himannaa kana qorataa jira jedhan. Afrikaan Kibbaa weerara Yukireen keessatti walaba ta'ushee himaa turte.

Ambaasaadar Birgeetiin ibsa Caamsaa 11, 2023 Piritoriyaa keessatti miidiyaaleef kennaniin, ejjannoo waraanicha irratti qabdurratti Waashingitan yaaddoo qabdi jedhan.

Innis doonii fe'umsaa bara darbe baatii Muddee 6 fi 8 jidduutti buufata humna galaanaa Magaala Simoon qubattee eeruun, meeshaa waraanaa fe'amuun gara Raashiyaatti deebii'usheetiif mirkana jedhan.

Dooniittiin jiraachusheetiin yeroo sanatti namoota siyaasaa biyyattii tokko tokkoon gaaffii kaasee ture.

Dubbii Himaan waajjira Pirezidantii ammoo ergasiin kaayyoo doonichaa qorachuuf mootummaan garee qorannoo walabaa abbaa seeraa soorama bahaniin durfamee hundeessee akka ture himan.

''Dhimmi Raashiyaa hidhachiisuu dhimma baayyee cimaadha. Dhimmi kunis kan furamu nutti hin fakkaatu,'' jedhan Ambaasadar Birgeetiin.

Ameerikaan waa'ee walitti dhufeenya itti fufaa Afriikaan Kibbaa Raashiyaa waliin qabdu ji'ootaaf qeeqaa turte.

Akkasumas shaakala waraanaa Raashiyaafi Chaayinaa kan tibba waggaa tokkooffaa weerara Yukireen gaggeeffameetti Afriikaan Kibbaa hirmaachuu irratti yaaddoo ishee ibsunshee ni yaadatama.

Shaakkalli humna galaanaa baatii Guraandhala keessatti guyyoota 10'f kan gaggeeffame yoo ta'u, inni weerara Yukireen deeggaruu waan ta'eef qaamoolee mormitootaa beekamoon qeeqamee ture.

Aanga'oonni Afrikaa Kibbaa garuu waggaa tokkooffaa weerara Yukireen waliin shaakalicha walirra ooluunsaa akka tasaati jedhan. Biyyattiin yeroo baayyee shaakala wal fakkaataa, Faransaayii fi Ameerikaa dabaltee, biyyoota biroo keessuummeessaa turte jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Isaan duras Afrikaan Kibbaa balaaleeffannaa weerarichaa UN irratti sagalee kennuu irraa of qusatte. Akkasumas Raashiyaarra qoqophaa kaa'uuf Ameerikaafi Awurooppaa waliin dhaabbachu ni didde.

Gaaffii duree paartii mormituu, Joon Steenhuseeniin ka'eef deebii yoo kennan, Raafaamoosaan Kamisa paarlaamaa irratti, yaada Ambaasadar USn kenname ni ilaalla jedhan.

Pirezidantichi paartiileen mormitootaa adeemsichi hanga xumuramuutti akka obsaniif kan gaafatan yoo ta'u, dabalunis ''yeroo isaatti waa'ee isaa dubbachu dandeenya'' jedhan.

Himannaa kanarratti Dippaartimantiin Isteetii US ganaa yaada hin kenniine.

Yoo dhugaa ta'e kan Afriikaan Kibbaa walaba jechaa turte sana laaffisuun alaattis, siriiyyuu kaan biyyattiin akka waraana Raashiyaafi Yukireen deeggaraa jirtuutti fudhachu danda'u.

''Rasaasni Afriikaa Kibbaa qaama Yukiraanoota irratti yoo argame, sun ejjannoo nuti qabaachu qabnu miti,'' jedhan ekparsiin walitti dhufeenya idil-addunyaa tokko.

Dhimmi meeshaalee waraanaa fedhame jedhamee ammatti gadi fageenyaan hin baramne. Meeshaaleen waraanaa sun Kaampaanii waraana mootummaa ykn kaampaanii meeshaa waraanaa Afriikaa Kibbaatti bu'uurreffate irraa haata'u hin baramne.

Garuu karaa kamiinuu taanaan, kun Afriikaa Kibbaa biyyoota idil-addunyaa keessattu Ameerikaa kan michuu daldalaa ishee guddittii taatee waliin walitti dhufeenya gaarii hin umuuf.

Kana jechuunis Afriikaan Kibbaa suuta Raashiyaa waliin dhaabbachuu agarsiisuun alatti, wayita Raashiyaan waraana Yukireen irratti banuun walqabatee biyyoonni lixaa sarbama mirgaatiif balaaleeffataa turaniitti deegaraa turte jechuudha.

Doonii Raashiyaa AKtti ergame turte

Madda suuraa, Getty Images

Afriikaan Kibbaa michuu bara durii Raashiyaa ta’u isheetiin alattis miseensa Brics alliance, biyyoota garee guddattootaa kan Chaayinaa, Biraazil fi Indiyaan keessatti argamaniitti.

Paartiin biyya bulchaa jiru Kongrasiin Biyyaaleessaa Afriikaa (ANC) Raashiyaa waliin michummaa bara dheeraa qaba.

Afriikaan Kibbaa erga Manni Murti Yakka Idil-addunyaa (ICC)n Bitootessa keessa pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puuriin hidhuuf ajaja irratti baaseen booda rakkoo dippilomaasii keessa galte jirti.

Putiin daa’imman seeraan ala biyyaa baasuu dabalatee, yakka waraana Yukireeniin himamatu eegaleera.

Putiin yaa’ii biyyoota guddinarratti argaman Brics kan Afriikaa Kibbaatti Hagayya dhufaa gaggeeffamu hirmaachuuf eegama, haata’u malee Piritoriyaan qabdee akka ICCtti kennitu eegamaa jirti.

Kanaaf deebii kennuuf jecha, Pirezidant Raamaafosaan ANCn biyyisaanii ICC keessaa akka baatu murteesseera jechuun turan osoo booda ammoo odeeffannoo ‘‘dogongoraati’’ hin jedhiinndura.

Seenaadhaan Afriikaan Kibbaa indastirii cimaa waan qabduuf ardii guutuutti meeshaa waraanaa gurgurti. Sadarkaan meeshaa waraanaa kanneenni hanga yoonaatti hin beekamu.

Aanga’oonni Afrikaa Kibbaa himannaa Ambaasaadara Ameerikaatiin amma irratti dhiyaatees, dhimmichi karaa dippilomaasii sirrii ta’een deebiin kennamaaf jedhan.

Himannaan ergamaa kunis odeeffannoowwan tikaa qofarratti kan hundaa’e osoo hin taane, raga qabatamaa Ameerikaan biyyattiif dhiyeessitu qabaachu barbaachisa.

Akkas ta’u baannaan ammoo akka dogongora waggootaan dura Iraaqi meeshaalee waraanaa addunyaa barbadeessuu mala qabdi jedhamun biyyattirratti weerara gaggeeffamee sana akka hin taane of eeggannoo barbaachisa.