Qacaleewwan kubbaa miilaa shan Waancaa Afrikaa injifatanii hin beekne

Nuwaankoo Kaanuu hanga Mohaammad Saalaah, taphattoota waancaa Afrikaa hin injifanne

Madda suuraa, BBC Sport

Waancaan Afrikaa biyyoota 24 hirmaachisu Mudde 21 bara 2025 irraa eegalee Morokootti gaaggeeffama.

Dorgommii guddicha kubbaa miilaa Afrikaa kana qacaleewwan taphataa cimaa Afrikaa jedhamanii filatamanis waancaa kana hin injifanne jiru.

Asii gaditti taphattoota ciccimoo shan badhaasicha hin injifanne dhiyeessina.

Mohaammed Saalaah (Masrii)

Mohaammad Saalah bara 2021 xumuraaf gahee Senegaaliin injifatame

Madda suuraa, Getty Images

Amma nama ganna 33ti, dursaan garee Masrii kun amma hin injifatu yoo ta'e osoo hin injifatiin hafuusaatii?

Warri Fara'oon dorgommii kanarratti warra yeroo hedduu mo'uun rikardii harkaa qabu. Ammoo erga bara 2010 injifatanii booda dorgommicha hin injifanne. Turtiin kun Saalaah bara 2011tti garicha makame warra waancicha hin injifanne keessaa tokko isa godha.

Masriin bara 2012, 2013 fi 2015tti dorgommichaaf darbuu hin dandeenye. Saalaan yeroo duraaf dorgommicharratti kan hirmaate bara 2017 ture. Dorgommii kanarratti Kaameroon waliin xumuraaf gahanii injifataman.

Saalaah bara 2017 fi 2018 taphataa cimaa Afrika jedhamee fbadhaafameera. Bara 2019 dirreedhuma ofiirratti Afrikaa Kibbaan injifatamanii mo'anii darbuurratti kufan.

Bara 2021 ammoo ammas xumuraaf gahnii Senegaaliin mo'ataman. Bara 2023 ammoo bakka inni tapha ramaddiirratti miidhametti gareensaa ammas morkii mo'anii darbuurratti DR Koongoon mo'atame.

Saalaah garee biyyaalessaa Masriif goolii hedduu galchuun sadarkaa lammaffaa qabata.

Diidiyeer Diroogbaa (Ayivoorii Koosti)

Diidiyeer Diroogbaa xumura Waancaa Afrikaa 2012 irratti peenaalitii galchuu dhabuu booda

Madda suuraa, Getty Images

Diroogbaan Cheelsii wayita ture tapha xumuraa 10 keessaa sagal iratti goolii galchuun jifataa murteessaa ta'uu mirkaneesseera. Kanneen keessaa saddeetis injifateera.

Biyyaasaa Ayivoorii Koostiif dursaa tapahattootaa ta'ee yeroo lama xumuraaf gahee peenaalitii galchuu dhabuudhaan waancaa dhabeera.

Bara 2006 Maasrii waliin xumuraaf waancaaf morkatee peenaalitii galchuu hanqate.

Achii bara 2012tti Zaambiyaa waliin yeroo morkatan taphni xumuramuuf daqiiqaan 10 wayita hafu rukuttaa peenaalitii argate galchuu dhabee booda rukuttaa peenaalitiin wayita adda bahan inni galchus gareensaa garuu mo'ameera.

Diroogbaan bara 2014 gara dhumaatti waancaa kana osoo hin injifatiin soorama baye. Ji'oota muraasa booda Waancaa Afrikaa bara 2015 irratti ammoo gareen biyyaalessaa Ayivoori Koost isa malee waancaa mo'ate.

Joorj Wiihaa (Laayibeeriyaa)

Joorji Wiihaa

Madda suuraa, Getty Images

Jifataa PSG, AC Miilaan fi Chelsii duraanii Wiihaan akka dhuunfaatti milkaahina argateen taphattoota Afrikaa olitti maqaansaa dhahama. Bara 1995 Ballon d'Or injifateera. Taphataa biraan Afrikaa badhaasa kana argate hin jiru.

Yeroo lama Laayibeeriyaa qabatee Afcon irratti kan hirmaate Wiihaan goolii tokko galcheera. Kanaan achi biyyisaa ramaddiirraas dabartee hin beektu.

Wiihaan bara 2018 hanga 2024 Pirezidantii Laayibeeriyaa ta'uun tajaajileera.

Nuwaankuu Kaanuu (Naajeeriyaa)

Kaanufi aanga'ootni biroon badhaasa taphataa cimaa Afrikaa qabatanii isaadiyoomii keessatti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kaanufi aanga'ootni biroon badhaasa taphataa cimaa Afrikaa qabatanii isaadiyoomii keessatti

Kaanuun kilaba Arsenaalitti makamuu dura Ayaaksi waliin Shaampiyoonsi Liigii mo'ateera. Inter Miilaan waliin Uefa Cup nyaateera.

Garee Naayijeeriyaa ganna 17 gadii bara 1992 Waancaa Addunyaa injifate keessa jira. Bara 1996tti ammoo meedaaliyaa warqee Olompikii injifateera.

Afcon injifachuuf garuu hin carroomne. Kan inni itti dhiyaate bara 2000tti wayita Kaameruun waliin xumuraaf gahanii rukuttaa peenaalitiin injifatamaniidha.

Rukuttaan peenaalitii Kaanuu, yeros nama ganna 23 turee, ni qolame.

Yeroo lama badhaasa taphataa cimaa Afrikaa kan ture Kaanuun takkaa waancaa Afrikaa hin moone.

Maayikil Isseen (Gaanaa)

Issiyeen bara 2008tti injifatamuu booda

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Issiyeen bara 2008tti injifatamuu booda

Gaanaan Afco yeroo afur kan injifatte yeroo ta'u kan dhumaa bara 1982 ture. Ergasii dhalootni kubbaa miilaa qaqqaaliin Gaanaa waancicha injifachuuf hin carroomne.

Tapahattoota sarara gidduu Afrikaan horatte keessa tokko kan ta'e Issiyeenis isaan keessaa tokko.

Akkuma Diroogbaa Issiyeen bara 2006 hanga 2012tti Cheelsii waliin milkii hedduu argatus biyyasaa waliin hin milkoofne.