Tigraay kan barnooti itti eegaleetti barsiisaa kitaaba ciccitaafi dhagaa batteerratti barsiisaa jiru

Barsiisaa Tsigee Abarraa barattoota isaa waliin

Madda suuraa, DW

Tigiraay keessatti barnoonni waggoota afuriif addaan citee ture jalqabuu hordofee barsiisaa Tsigee Abarraa uffata isaa dammeessofteefi erbamte, akkasumas kophee Koongoo isaa uffatee hojiitti deebiyeera.

Haata'u malee, kitaabni ittiin barataniifi qalamni ykn gabatee gurraachi hin jiru.

"Barsiisaan mana hin qabneefi uffanni isaa uffata hin fakkaanne jiraa? ... Garuu rakkoo keenya qabannee hojii hojjechuun nurra jira," jedha.

Barsiisaa Tsigee mana-barumsaa waggaa 17 keessa barsiisaa ture sababa waraana waggaa lamaaf tureen irraa fagaatee turetti deebiyuu isaa akka gammade dubbata.

Waraanni Tigraay lubbuu kuma dhubbaan galaafatee, qabeenya hedduu barbaadeesse kun mana-barumsaallee mancaaseera.

Amma erga nagaan bu'ee barattoonniifi barsiisonni mana-barumsaatti deebiyaa jiru.

Manni-barumsaa barsiisaa Tsigee Abarraa keessa barsiisan kun Mana-barumsaa Nabalat Sadarkaa Tokkoffaa kan jedhamu yoo ta'u, Godina Tigraay Giddu-galeessaa, aanaa Ambaa Sannaayit keessatti argama.

Bakki sun bakkawwan waraanni hamaan keessatti gaggeeffamaa ture keessaa tokko yoo ta'u, manni-barumsicha yeroo gara garaatti loltoonni keessa buufatanii akka dahootti itti gargaaramaa turan.

Meeshaaleen mana-barumsichaas akka gubataniifi hojii ala ta'an hima

Manni-barumsaa keenya sooressa, fakkeenya kan tureefi hambaa Sannaayit ture. Meeshaa hedduus qaba ture. Amma meeshaaleen barumsaaf barbaachisu jedhaman hojiin ala ta'aniiru. Kaan yaratanii, kaan ammoo gubatanii kompiitarrillee hin jiru."

Yeroo waraanni turttis taanaan gara mana-barumsichaatti deddeebiyuu kan hin dhaabne barsiisaa Tsigee Abarraa, "Gaddinee boo'aa deebina," jechuun ibsa waan ture yaadatee.

Biiroon Barnoota Tigraay akka beeksisetti naannicha keessatti manneen-barnootaa harka dhibba keessaa 88 guutummaan guutuufi gariin manca'aniiru. Daa'immaniifi dargaggoonni miliyoona 2.4 akka ta'an tilmaamamu barnoota isaanii addaan kkutaniiru.

'Kitaaba Hin qabu'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Barsiisaa Tsigee Abarraa Mana-barumsaa Sadarkaa tokkoffaa Nabalat keessatti barattoota kutaa shanaffaa Herrega barsiisa.

Haata'u malee, manni-barumsichaa barsiisota hunda waan hin fudhatiin jiruuf Herregaafi Baayoloojiis kutaa afraffaafi torbaffaa akka barsiisuuf itti-gaafatamni itti kennameera.

Barattootas taanaan qalama ykn dabtara hin qabani. Barattoonni tokko tokko ammoo osoo hin uffatiiniifi hin nyaatiin dhufu.

Barsiisaan kun akka jedhutti, mooraa mana-barumsichaa keessatti dareewwan gubataniifi meeshaa waraanaan haleelamanitu mul'atu.

Kitaaboleefi gabateen gur'aachi ittiin barsiisan hin jiran.

Furmaata rakkoo kanaaf barsiisaa Tsigee Abarraa fudhate ammoo namoota dinqisiisnaan isuma haasa'aa jiru.

Dhakaa battee akka gabatee gur'aachaatti gargaaramuun barsiisaa jira.

"Barumsa kan jalqabne dhakaa irratti ykn gaaddisa jalatti ni barsiisna yaada jedhuunidha," jechuun ibsa barsiisaa Tsigee.

"Tigraay keessatti kan hafes dhakaadha; wanti biraa hunduu fudhatameera. Ani garuu dhakaa fayyadameen wantan yaaden barsiisaa jira," jechuun haala keessa jiran ibsa basiisaan kun.

Barsiisonni mana-barumsaa barattoota sababa waraanaa barnootarraa fagaatan gara mana-barumsaatti deebisuun isaanii rakkoo qoor-qalbii keessa galan keessaa akka dandamatanillee akka gargaaru abdiiqabaachuu hima barsiisaa Tsigee.

"Barataan mana isaatii dhufu dabtara, kobbeefi qalama qofa osoo hin taane uffata uffatu, nyaata nyaatu hin qabu. Barataa rakkoo dinagdee hedduu qabudha qabna. Nuti garuu qalbin barataa akka gara jireenya idileetti deebiyuuf hojjechaa jirra," jechuun ibsa.

Namoonni mana-barumsichaa daawwatanis kitaabonniifi meeshaaleen ittiin barsiisan biroon tatarsa'anii bakka addaaddaatti gatamanii arguu dubbatu.

"Kitaabattiin amma ani qabadhee jiru kun ciccittuudha. Dareewwan tasuma kitaaba hin qabnellee jiru. Haata'u malee, kitaaba hin qabu, gabatee hin qabu kan jedhu sammuu keenya keessaa baasnee mana-barumsichaa keessa oolla. Kana gochuun ammoo barattoonni akka dhufaniif hubannoo uumaa jirra," jedha.

Barsiisaa dhagaa battee akka boordiitti gargaaramuun barsiisaa jiru

Madda suuraa, DW

Barsiisaa waan uumame dagatee irra deebiin hojiisaatiin fakkeenya ta'uu barbaadu

Mootummaan Federaalaafi TPLF waliigaltee nagaa Piritooriyaatiin booda waraanni xumuramullee maatiin miidhaman hedduu ammallee boqonnaa hin arganne.

Dhima ji'a Amahhi 2023 Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa Gamtaa Afrikaa Oliseeguun Obasaanjoo akka dubbatanitti, wal waraansa waggaa lamaaf tureen namoonni 600,000 du'aniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dameen mirgoota namaaf falmuufi gaazexeessitoonni akka jedhanitti, warraa qaama waraana kanaa turan hundaan sarbamni mirgoota namoomaafi rakkawwan waraanaa raawwataniiru.

Abbaa maatii miseensa ja'a qabuu kan ta'e barsiisaa Tsigee, sababa haleellaa meeshaa waraanaa gurguddaatiin manaaafi ijoolleesaarraa fagaatee guyyoota beelaan dabarse akka addaatti yaadata.

Sababa waraanaa kanaanis maatiifi firootasaa dhabeeras.

Miseensota maatii amma lubbuun hin jirre saddetan qaba. Meseensota maatii meeshaa waraanaa guddaatiin du'anis qaba. Magaalaa Adwaa naannawaa Indaa-abbaa Gariimaatti warra hammeenyaan ajjeefaman keessaa firoota guutummaa maatiin dhabaman qaba. Wallaansa fayyaa dhabuurraan firoota hospitaala keessatti du'an nan qaba. Firoota waraana keessatti du'anis nan qaba. Reeffa obboleessa koo hin arganne. ... Amma sana keessa galuu hin barbaadu sababiin isaas miira koo natti kaasa..." jechuun ibsa osoo imimmaan isa hudhaa jiruu.

Sekondootaaf erga calliseen booda, "hojii kootiin nama fakkeenyummaa gaarii qabuufi baayyee galateeffamun ture. Ammas hojii kootiin fakkeenya ta'uun barbaada," jechuun qoor-qalnii barattootaa sababa waraanaatiin miidhaman dhinsuu irratti xiyyeeffachuu akka barbaadu dubbata barsiisaa Tsigee.

Dabtara, kitaabaafi meeshaaleen barnootaarratti dabalataan barattoonniifi barsiisonni deegarsa xiin-samuu, nyaataafi uffata isaan barbaachisa jedhe.