Gaanfa Afriikaatti Ergamaan Addaa US Oromoota dabaltee diyaasporaa Itoophiyaa waliin mari’achuuf

MIke Hammer

Madda suuraa, Getty Images

Gaanfa Afriikaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa Ambaasaaddar Maayik Haamar, bulchiinsa US garagaraatti bakka bu’oota diyaasporaa Itoophiyaa waliin mari’achuuf akka ta’e Waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa beeksise.

Ibsa Waajjirri Dubbi Himaa Dhimma Alaa Ameerikaa Roobii Caamsaa 10, 2023 baasee kanaan, Ergamaan Addaa Ambaasaadar Maayik Haamar imalasaanii kanaan Caamsaa 10-19, 2023tti Isteetiiwwan akka Loos Anjilas, Kaaliforniyaa, Saantaa Fe fi Niiw Meeksiikootti imaluun dhimmoota Itoophiyaa ilaalatan garaa garaa irratti ni mari’atu jedheera.

Ambaasaaddar Maayik Haamar imalasaanii Roobii eegalee kanaanis bakka bu’oota hawaasa Oromoo, Amaaraa, Tigireefi Somaalee irra babbahan waliin wal arganii akka mari’atan ibsichi dabaluun kan beeksiise.

Ibsi Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaatiin bahe kun dabaluun akka jedheetti, Ergamaan Addaa kunis wayita bakka bu’oota hawaasa diyaasporaa Itoophiyaa waliin mari’ataniitti, dhimmoota hojiirra oolmaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu mootummaa Itoophiyaafi TPLF jidduutti baatiiwwan dura raawwatame dabalatee, waa’ee jijjiramoota ammaan tana Itoophiyaa keessatti mul’ataa jiran irratti ni mari’atu.

Waliigalteen nagaa waraanaa waggaa lamaaf Kaaba biyyattii keessatti gaggeeffamaa ture dhaabuu mootummaa Itoophiyaa fi TPLF jidduutti Sadaasa 2, 2022 Afriikaa Kibbaa Piritoriyaatti mallattaa’uun ni yaadatama.

Ambaasadar Maayik Haamar waraanaa cimaa Mootummaa Itoophiyaa fi TPLF jidduutti gaggeeffamaa ture akka karaa nagaatiin furamuuf namoota gahee olaanaa bahan keessaa tokko ta’unsaanii ni beekama.

Ambaasadar Maayik Haamar waraanni Kaaba Itoophiyaatti erga eegaleen booda ergamtoota addaa Ameerikaan ramaddee keessaa sadaffaa yoo ta’an, qaamoolee wal waraanan walitti dhiyeessuun hoggansa Gamtaa Afriikaatiin mariin gaggeeffamee nagaan akka bu’u gochuu keessatti gahee olaanaa akka bahan himama.

Ergamaan Addaa Gaanfa Afriikaa kunis, gahee waraanni Kaaba Itoophiyaa karaa nagaatiin akka furamuuf bahan kanaaf qophii galata qaamoolee waraanicha nagaa xumuruu keessatti hirmaataniif qophaa’ee tureerratti, MM Abiy Ahimad irraa badhaasniifi beekamtiin kennameeraaf.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kana malees, Ergamaan Addaa Gaanfa Afriikaa kun walgahii dhaabbata Tokkummaa Dubartoota Gaanfa Afriikaa (United Women of the Horn) jedhamuufi dureewwan dubartoota rijinichaa waliitti dhufaniin, Galma Bob Hope Patriotic jedhamu keessatti qophaa’urrattis bakka bu’oota hawaasa diyaaspooraa Itoophiyaa waliin akka mari’atan ibsameera.

Walgahiin dubartootaan qophaa’e kunis nagaa jajjabeessuu fi dubartoota aangeessuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsun kun dabaluun eereera.

Dhaabbanni miti mootummaa Qindoomina Dubartoota Gaanfa Afriikaa kunis kan nageenya, haqaa fi tokkummaa Gaanfa Afriikaatiif hojjatu yoo ta’u, kanaan duras qophiilee wal fakkaatu qopheessee beeka.

Dhaabbatichi gahee dubartoonni ijaarsa nagaa Itoophiyaa fi Gaanfa Afriikaa keessatti qaban ilaalchisuun kanaan duras bakka ergamaan addaa kun argamaniitti gara dhuma baatii Fulbaanaa irratti marii gaggeessuun isaanii ni yaadatama.

Marii sanarratti gaazexessitoonnii fi falmitoonni mirga namoomaa Itoophiyaa, Ertiraa fi Somaaliyaa irra babbahan irratti hirmaatanii turan.

Akkasumas Ambaasaaddar Haamar Kantiibaa Loos Anjalas, Kaaran Baas waliinis kan wal arguun yoo ta’u, barattoota Yunivarsitii Wiirtuu Saawuzarni Kaaliforniyaa (USC)tti barataa jiraniif ammoo dhimma Dippilomaasii Ummataa irratti haasaa taasisu jedhameera.