Dur wiirtuu daldala garbaa, amma bakka marii nagaa: Odola zaanzibaar

Madda suuraa, Zalalam Taaddasaa/BBC
- Barreessaa, Zalaalam Taaddasaa Duuressaa
- Gahee, Broadcast Journalist
Odolli Zaanziibaar kan tibbana mariin nagaa mootummaa fi Waraanaa Bilisummaa Oromoo (WBO) jidduutti itti gaggeefame eddoowwan Afriikaa taateewwan seenaa qabessa ta'an itti raawwatan keessaa tokko akka ta'e himama.
Anis wayitan gara sana imaleetti akkuman buufata xiyyaaraatii bahee gidduugala magaalittii gaheenan manneen dudullooman hedduun arge. Konkolaachisaan buufata xiyyaaraa biyyattitii na fuudhes ''bakki buufatakee asi’’ yoo na jedhu xiqqoo bitaa natti galee ture.
Gamoowwan umurii dheeraafi daandiilee dhidhiphaatu magaalittii keessaa mul’ata. Mil’adhees bidiruu Garba Hindiirra imaltu tokko arge. ''Old is Gold’’ kan jedhu irratti barreeffameera.
Ahaa! magaalichumatu magaalaa durii garuu seena qabeessa taha jedheen of jajjabeessee gara kutaakootti gale.
Odola Zaanzibaar, kan marii nagaa mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) keessumeesitedha.
Magaalaa dhagaa [Stone Town] keessaa xinnuma gadi baatee yoo gara garba Hindii ilaaltu samiin waan gadi siiqee halluu isaa cuquliisa bishaanichatti uwwise fakkaata.
‘Stone Town’ ammoo magaalaa seena qabeessa bara 2000tti UNESCOn galmaa’eefi manneen hundinuu dhagaa adii qofaan faayamanii ijaaramanidha.
Ummanni magaalichaas keessumaa simachuu aadaa isaa waan godhate fakkaata.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
_______________________
Ebla 24 bara 2023 mariin nagaa mootummaa Itoophiyaafi ABO-WBO gidduutti Taanzaaniyaa odola Zaanzibaar irratti taa’amuu jalqabe.
Yaadadhaa! Mariin kun wal hubbannaafi haala jajjabeessa taheen guyyoota sagalitti xumurame. Garuu waliigaltee xumuraa irra hin gahamne.
Ebla 25, 2023 ammoo Guyyaa Tokkummaa Rippaabilika Taanzaaniyaa ture. Guyyaa sunis guyyaa seenaa qabeessa kan Odolli Zaanzibaar Ingiliz irraa erga bilisummaashee itti argattee warra giddugaleessaa dur Taangaanikaa jedhamuun waamaman waliin biyya tokko ta'uun hundaa’anii waggaa 59ffaa ture.
Anis guyyaa kanarran marii nagaa kana hordofuuf garasi gale. Nagaatu tokkummaa fida mitiiree!
Taangaanikaafi Zaanzibaar bara 1964 tokkummaa’uun biyya tokko tahanii Taanzaaniyaa jedhamuun waamamuu jalqaban. Pirezidaantiin isaanii jalqabaas Juuliyees Nyeereree ture.
Juuliyees Nyeerereen qabsaa’aa farra kolonii yoo ta'an, erga biyyasaanii yeroo sana Taangaanikaa jedhamuun beekamtu bittaa Ingilizii jalaa bilisa baasaanii booda pirezidaantii jalqaba biyyattii ta'uun hojjechaa turan.
Warraaqsa bara 1963 Kaaruumeen durfamuun ammoo Zaanzibaar Biriiteen jalaa bilisa baafamte. Yeroo sana uummanni Zaanzibaar kuma 500 qofa ture. Har’a gara miliyoona 1.8 ta'a.
Gaggeesitoonni lamaan waliigaluun bara 1964 Taangaanikaafi Zaanzibaar walitti fiduun Taanzaaniyaa jechuun biyya tokko moggaasan.
Juuliyees Nyeereree pirezidaantii Rippaabilika Tokkummaa Taanzaaniyaa yoo tahan, Kaaruumeen ammoo bulchiinsa walabaa akka ofiin of bulchitu murtaa’e Zaanzibaariif pirezidaantii tahanii itti fufan.
Egaan Waraanni Bilisummaa Oromoo mootummaa Itoophiyaa guyyaa seena qabeessa sanarra ture waraana waggootaaf tureen booda bakka qaamni sadaffaa akka Noorweeyii fi Keeniyaa fa’a jiranitti Zaanzibaar hoteela Emiraald jedhamutti mariif waliin kan taa'aa turan.
Anis yeroon marii nagaa kana gabaasuuf garas deemeetti Zaanzibaar daawwadheera.
Aadaa fi duudhaa biyyichaa, seenaa daldala garbaa Afrikaa keessaa isa guddaadha jedhamuu fi waan turtii kiyyaa guyyoota sagaliitiin taajjabe isinitti hima.
Stone Town [Magaalaa Dhagaa]
Stone Town’ duraan maqaa ‘Mji Mkongwe’ jedhamuun beekamti. Kun afaan Iswaahilii yoo tahu hiikkaan isaas magaalaa dulloomtuu jechuudha.
Zaanzibaar keessaa qarqara Lixa odola Ungujaatti argamti. Ungujaan odola isa guddaa Zaanzibaar yoo tahu, magaalaan isaanii ishee guddoonis asumatti argamti. Jaarraa 19ffaa keessa gidduugala daldala mi’eessituuwwanii, daldala garbaafi teessoo mootota Omaan kan Zaanzibaariin bulchaa turanii turte.
Ijaarsi manneen magaalittii keessaa ogummaafi dhiibbaa biyyoota adda addaa ofumaan hima.
Ijaarsi manneetii ishee ashaaraa biyyoota Arabaa, Hindii fi biyyoota Awurooppaa agarsiisa.
Zaanzibaar erga Vaaskoo Dagamaa ishee abuuree waggoota 200 tahaniif to’annoo Poorchugaal jala turte.
Ergasii ammoo qaama bulchiinsa mootummaa Omaan jalatti kufte. Yeroo kana gidduugala daldala garbaa guddaa tahuu ishee ragaaleen magaalittii keessaa hamma har’aatti jiran agarsiisu. Isa kanatti nan deebi’a.
Ijaarsi balbala manneen magaalaa ‘Stone Town’ gar tokko aadaa Arabootaa agarsiisa. Gariin ammoo kan Hindootaa agarsiisa. Balbala Hindootni ijaarratan irra bocni bineensota akka bofaa fi leencaa fa’aa mul’ata. Kan Arabootaa ammoo kana ofirraa hin qabu.
Yeroo maqaan Zaanzibaar ka’u jalqaba kan yaadatamuu fi ittiin adunyaa irratti beekamtu kutaa magaalittii 'Stone Town' jedhamee beekamuunidha.

Stone Town gidduugala magaalittii, bakkee hoteelonni hedduun itti argaman, qarqara garba Hindii irratti kan ijaaramteefi seenaa waggoota kumaatamaa qabdudha.
Baay’ee kan na ajaa’ibe manneen ishee hundi halluu adii dibamuu isaaniiti. Qarqaraan karaa murtaa’e irraa kan hafe konkolaataan keessa deemuun hin eeyyamamu. Miilaan deemtee daawwatta.
Yoo ati bakka buufatakeetii gadi baatu namootni turistoota daawwachiisuu hojii isaanii godhatan dhaabbatanii si eegu. Karaan isaa dhiphaa tahee irra caalaa hoteelotaafi mana jireenyaan kan guutamedha. Bishkiliitiifi doqdoqqedhaanis imaluun ni danda’ama.
Gama tokkoon magaalaa Finfinnee keessaa naannoo Piyaasaa warqeen itti gurguramus fakkaatti. Faayaa mormaa, gurraa fi harkaa adda addaa kan akka Taanzaanaayit jedhaman fa’i gurguruun beekamu.
Jiraattota magaalittii caalaa guyyaa kan magaala keessa adeemu turistoota biyya adda addaa irraa garas imalanidha.
Bakka turtiikoo hoteela Dhow Palace jedhamuu yoon bahee gara qarqara garba Hindiitti qajeelu muuziyeemii beekamaa Fireedii Merkurii jedhamuun argadhe.
Muuziyeemiin kun handhuura ‘Stone Town’ keessaa daandii Shaangaayi jedhamee beekamu irratti argama. Muuziyeemichs yaadannoo weellisaa beekamaa adunyaa fi lammii Biriiteen Fireedii Merkuriin moggaafame.
Maqaan dhaloota isaa Faaruuk Boolsaaraa jedhama. Muuziyeemiin kun mana jireenyaa Fireedii Murkurii fi maatii isaa ture. Dhaloota isaa irraa eegalee odeeffannoo waa’ee jireenya weellisaa kanaa qabatee jira. Booda Fireediin bara 1963 maatii isaa waliin gara Biriitenitti imale.
Fireediin baandii ''Queen’’ jedhu hundeessuun adunyaa irratti hedduu beekamaa taasiseera.

Madda suuraa, Zalaalam Taaddasaa/BBC
Magaalaa ‘Stone Town' keessa masjiidota 50 ol fi Waldaa Kiristaanaa gurguddaa lama seenaa qabeeyyii tahantu jira akka jiru namni na dawwachiisaa ture natti hime.
Daawwannaa koo keessatti kan ijikoo irra bu’e Masjiida Jibriilii fi Bataskaana Angilikaanidha. Lameen isaanii gidduus manni gara biraa homaa hin jiru. Walitti aananii ijaaraman.
Lameen isaanii naannoo ‘Slave Chamber’ jedhamee beekamu keessatti ijaaraman. Bakki kun gidduugala daldala garbaa ture. Dabaafi cubbuu gurguddaan bakka kanatti waan dhala namaa irratti raawwataa tureef lammiin Ingilizi tokko ‘haa gahu’ jechuun bakkichatti bataskaana Angilikaan kana ijaaruu ragaaleen barreeffamaa ni himu. Cina isaa ammoo masjiida Jibriiltu jira.
Ummanni Zaanzibaar irra jireessi amantaa Islaamaa kan hordofu yoo ta'u, biyyattiin seenaa walitti bu’insa amantii guddaa tahe hin qabdu.
''Dhimma amantaa irratti wal loluun, wal dhabuun hin jiru. Waan hundaa irratti wal gargaarra. Dhimma siyaasaa, dinagdee fi hawwasummaa irratti wal gargaarra. Akuna matata!’’ jechuun rakkoon tokko hin jiru nan jedhe daawwachiisaankoo.
‘Stone Town’ teessoo sulxaanota Omaan tahuunis tajaajilaa turte. Erga Zaanzibaar bilisa ba'uun qaama bulchiinsa Taanzaaniyaa taatus, gariin of bulchiti.
Pirezidaantii mataa ishee kan qabdu yoo tahu, pirezidaantiin Taanzaaniyaa ammaa Saamiyaa Suhuuluus odola kana irratti dhalatanii guddatan.
Forodaanii
Akkuman xiqqoo Muuziyeemii Fireedii darbeen ammo paarkii kan fakkaatu bakka namootni taa’anii qilleensa fudhatan Forodaanii jedhamee beekamun arge.
Forodaaniin qarqara garba Hindiitti naanna’ee kan ijaarameeru yoo tahu, as teessee hamma ijikee qaqabsiise Garba Hindiirra qaxxamursitee ilaalta.
Aara galfatta, sammuukee boqonnaan guutama, namoota naannoo kana taa’an tasgabbii ajaa’ibaa qabu. Bidiruuwwan garba hindii irra jiran kaan kan qurxummii qabanii gabaaf dhiyeessanidha.
Naannoo Forodaanii kana buufatni doonii Zaanzibaar jira. Doonii gurguddaa fe’insa fidanii buusan, dooniiwwan namoota imalxchiisan daawwatta.
Bishaan garba Hindii taliila halluu sami qabudha. Ashaboon isaa garuu ittoo soogiddi itti baay’ate fakkaata.
Turistootni biyyoota garaagaraa irraa keessumaa warra adii lakkoofsa hin qabne asitti argita.
Gara galgalaa qilleensa qabbanaa’aa hedduu namatti tolu qaba. Forodaaniin bakkatti namootni wal gahanii taa’anii taphatan, maatiin wal argee mari’atu akka tahe namoonni gaafadhe natti himan.
Gaafa duraa lafa gabaan se'e. Gara garlagalaa namoonni kumaatamaan bahanii kaan taa’umsa akka mooraatti garba Hindii qarqaraan ijaaramerra taa’un juusii, nyaata salphaa galaana keessaa bahe achumatti bilcheeffamu nyaatanin arge.
Gabaa yeroo ayyaanaa ho’ite fakkaata. Kaan nyaata bilcheessa, kaan suuraa kaafata, bakka tokko tokkotti ammoo dargaggootni walitti bahanii agarsiisa adda addaa aadaa biyyichaa waliin deemu agarsiisu, shuubbisu.
Maatiin ijoollee isaaniif afata adda addaa fidanii irra ciciibsu, lafatti boqatanidha. Hattuun naannoo kana akka hin jirreefi yaaddoo nageenyaa akka hin jirre namootan magaalittii argadhe irraa iyyaafadheera.
Oktopas, qurxummii Saalmaan, shawaarmaa, kalamadis,….gabaabumatti nyaatni asitti beekamu warra galaana keessaa baafaman irraa kann qophaa’udha. Ani adabaabaayii‚ nyaataa jedhee moggaaseen bira darbe.

Madda suuraa, Zalaalam Taaddasaa/BBC
Nyaanni asitti arge irra caalaan isaa kan Itoophiyaatti beeknu miti. Suupper Maariyoon namoota nyaata gurguran keessaati. Innillee Oktopas akkan nyaadhu naaf file.
‘‘Humna namaaf kenna. Nyaata addaati. Yaaluu qabda,'' na jedhe. Maal seetan…nyaatan takkaa nyaadhee hin beeknedha. Fayyaa isaa waanan argeef nyaachuuf garaa na hammeesera yoon jedhe soba hin tahu. Garuu qurxummii saalmaan jedhamu filadhe.
Nyaata barbaaddan fudhattanii deemtu. Namni gatii isin gaafatu hin jiru. Waanti barameeru namuu erga bakka barbaade taa’ee nyaatee deebi’ee kaffaluu danda’a. Amanamummaan duudhaa isaanii akka tahe waayillikoo Alfireed natti hime. Anillee nyaata fudhannee osoo achii hin deemiin kaffaluuf dhaabbataan ture. ‘‘Koottu‘‘ jedhee na fudhatee deeme.

Madda suuraa, Zalaalam Taaddasaa/BBC
Daldala Garbaa
Ragaaleen barreeffamaa akka agarsiisanitti Zaanzibaar Baha Afrikaa keessaa bakka daldalli garbaa guddaan itti gaggeeffamu turte.
Jaarraa 19ffaa keessa erga Zaanzibaar bulchiinsa Omaan jala galtee biyyoota baha Afrikaa keessaa ‘garba’ jechuun bitanii fiduun Zaanzibaar keessatti walitti qabaa turan.
Sana booda gara biyyoota Arabaa, Awurooppaa fi Hindiitti gurguraa turan Magaalaa Stone Town keessas ‘Slave Chamber’ kan jedhamu bakkatti walitti qabanii tursiisanii gurguraa turan jira.
Har’a bakka seena qabeessa tahuun turistootaan daawwatama. ‘Slave Chamber’ kana keessa bataskaana Angilikaan tokkotu ijaarmee jira. Innis bara 1873 daldalli garbaa akka dhaabbatuuf akka ijaarame ragaaleen barreefmaa ni himu.
Yeroon mooraasaatti ol seenu fuulduratti siidaa namootaa halluu gurraachaan hojjetamee cancalaan harki walitti hidhametu boolla keessatti ijaarameen arge.

Madda suuraa, Zalaalam Taaddasaa/ BBC
Kunis yeroo daldala garbaa sana akkasiin hidhuun dhala namaa gurguraa akka turan agarsiisa. Yeroon galmichatti seenu kutaan tokko gara lafa jalaatti geessa. Amma ibsaan galeeraaf malee dur dukkana cillimii akka turan lammiin Taanzaaniyaa na daawwachiisaa ture naaf hime.
Kutaa baay’ee dhiphoo tokko keessa dhaabbachuu waan hin dandeenyeef gadi gugufeen seene. Akka madabiitti waan ijaaramteefi bal’ina siree lamaa hin caalle irra cancalli jira.
''As irratti dubartoota 50tu hidhamaa ture. Qaawwa xiqqoo sanaan ammoo qilleensa fudhatu ture. Silaa ifni hin jiru,’’ na jedhe daawwachiisaankoo.
Dinagdeen Zaanzibaar jaarraa 19ffaa keessaa daldala garbaa irratti kan hirkate ture. Bara 1940 Sulxaan Saayid bin Sulxaan Omaan, Muskaat irraa teessoo gara Zaanzibaar ‘stone Town’ jedhamtutti jijiiran. Yeroos ture magaalittiis dhagaa galaana keessaa baheen ijaaraa kan turan.
Dhiibbaa Biriiten Sulxaanota Zaanzibaar irratti taasifteen daldalli garbaa biyyattii keessaa bara 1873 dhaabbate.
Prison Island [Odola Mana Hidhaa]
Zaanzibaar odoloota gara torbaa tahan qabdi. Isaan keessaa uummatni baay'inaan kan keessa jiraatu odola Unguje kan magaalaan Zaanzibaar irratti argamuu fi kan lammataa ammoo odola Peembaati.
Tujaarri adunyaa keenyaa Biilgeet garba Hindii irratti kan argamtuu fi qaamuma Zaanzibaar kan taate odola Meembaa jedhamtu dhuunfaan bitataniiru.
Odolli seenaa qabeessi daldala garbaa wlaiin wal qabatu ammoo Prison Island' jedhama. Magaalaa Zaanzibaar bakka Stone Town jedhamuu bidiruu saffisa guddaa qabuunan imale.
Osoo achi hin gahiin waanan yaade akkamiin akka godaantotni garba Hindii, Atilaantikis tahe galaana Meditiraaniyaanii irra imaluun biyya biraa galuuf murteessanidha.
Yaadi gamaaf gamana hin argitu. Kuftee waan qabattu hin qabdu, qilleensi yoo ka'u hedduu nama sodaachisa.
Bidiruu koo irra namoota sadii qofa ture. Garuu bidiruun kun osoo namoota 40 ykn 50 feete maaltu taha jedhee yaadeen sodaadhe. Lammiilee Itoophiyaa heddutu Liibiyaa irraan goree galaana Meditiraaniyaanii keessatti hafe mitiiree.
Imala daqiiqaa 45 booda odola Prison Island jedhamtu gahe. Turistoota heddutu achi jira.
Odolli kun bakkatti biyyoota Baha Afrikaa irraa garba jechuun dhala namaa bitanii fidanii biyya biraatti fe'uuf tursiisanidha.
Kana caalaa ammoo namoota isaan bitanii fidan keessaa kan finciluu barbaaduu fi ajajamuu didu bakkatti hidhamu akka tahe namoonni achii daawwachiisan natti himan. Maqaa kanas asumarraa argate.

Madda suuraa, Zalaalam Taaddasaa/BBC
Odola kana keessa bakkatti hidhamani taa'an, bakkatti dararaman adda bahee jira. Booda lammii Ingiliz tokkotu barsiisa amantaaf osoo deemuu kana argee akka dhaabatuuf falmaa ture.
Innis mana jireenyaa isaa achuma godhachuun haadha warraa isaa waliin namoota achitti hidhaman kunuunsaa akka ture ragaaleen ni himu.
Odolli kun duraan maqaa Odola Qocaa jedhamu qaba ture. ''Namoota qurxummii horsiisantu dur qocaa as fide. Isaanis asitti wal horan,'' jedhe namni nu daawwachiisu.
Ammas qocaa gurguddaa hanga kiloogaraama 200 madaaluu fi umurii waggaa 190 caalu qabutu odola kanarra jira.
Gosti allaattii Piikook jedhamtus odola kanarra jirti. Miidhagina addaa qabdi. Yeroo jalqabaaf waan argeef hedduu dinqisiifadheera.
Itoophiyaatti erga MM Abiy Ahimed aangoo qabatanii yeroo paarkiiwwan hojjechiisan naannoo masaraa mootummaatti siidaan ishee ijaaramuu malee ijaan argee hin beeku ture

Madda suuraa, Zalalam Taaddasaa/BBC
Kan biraan garba Hindi kana keessaa qalbii kiyya booji'e ammoo kuusaa cirrashaa [ashawaa] garba Hindii gidduu jiru tokodha. Nakupeendaa jedhama. Turistiin biyyicha deeme Nakupeendaa osoo hin argiin hin deebi'u.
Afaan Iswaahilii yoo tahu, sin jaalladha jechuudha. Bishaan garba Hindii cina lamaaniin walitti dhufuun akka nama wal hammatuu cirracha kanarra walitti bu'ee deebi'a. Maqaan isaas as irraa moggaafameef jedhan.
![Naakupeendaa, Kuufama cirrachaa [Sand Bank] Zaanzibaar garba Hindii irratti argamu](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/640/cpsprodpb/b215/live/a12e95a0-f02e-11ed-a142-ab0e42bfd9c3.jpg.webp)
Madda suuraa, Zalaalam Taaddasaa/BBC
Xumura irratti Hariiroon Itoophiyaa fi Taanzaaniyaa bara mootii Haayile Sillaasee irraa jalqabee jabaachaa akka dhufe ragaaleen barreeffamaa ni himu.
Qabsoo farra kolonii Taanzaaniyaa keessaa dursaa kan turan Juuliyees Nyerere fi Haayile Sillaaseen hariiroo gaarii qabu ture.
Sirna kolonii qolachuu irrattis wal tumsaa akka turan himama. Magaalaa Zaanzibaar keessattis manni barumsaa tokko maqaa mootii Haayile Sillaaseen moggaafameera.
Zaanzibaar biyya irra caalaan dinagdee ishee turizimii irratti hirkate yoo taatu tajaajilota hoteelaa kennunis beekamti.

Madda suuraa, Getty Images















