Mariin mootummaafi WBO 'haala gaariin deemaa turus ammatti waliigalteerra hin ga’amne'

Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti gaggeeffamaa ture marsan jalqabaa xumurame.
Marichi guyyoota darbaniif ''haala gaariin'' gaggeeffamaa kan ture ta'ulleen dhimmoota tokko tokkorratti sadarkaa marii jalqabaa kanarratti walii galteerra hin gahamiin hafuu ibsi qaamoleen lamaan baasan addeeseera.
"Waldhabdicha haala waaraan karaa nagaan furuun akka danda'amuuf qaamoleen lamaaniyyuu maricha itti fufuun barbaachisaa ta'uurratti waliigalteerra gahameera."
Mariin nagaa kun Taanzaaniyaa odola Zaanzibaar, qarqara Garba Hindii bakka Muyuunii jedhamu, riizoortii Eemiraaldi jedhamu keessatti guyyoota sagaliif gaggeeffamaa ture.
Qaamolee lamaan mariin dabalataa akka barbaachisu eeranis yoomiif eessatti gaggeeffama kan jedhu garuu hanga ammaatti hin ibsine.
Lamaan isaanii gidduu wal hubannaan jiraachuu ibsanis dhimmoota kaan irratti wal tahuun kam irratti ammoo wal dhaban kan jedhu bal’inaan hin ibsamne.
Waldhabdee mootummaafi WBO gidduutti naannoo Oromiyaa iddoowwan garaa garaatti gaggeeffamaa ture kara nagaatin xumura itti gochuu irrratti xiyyeeffachuudhan mariin nagaa marsaa jaqabaa Taanzaaniyaa, Zaanzibaar keessatti Ebla 25, 2023 eegaluunsaa ni yaadatama.
WBO gama isaan ibsa xumuramuu marii kanaa ilaalchisuun baaseen, dhimmoota jajjaboo tahan irratti mootummaa waliin waliigalteerra gahamullee, marsaa kanaan dhimmoota siyaasaa ijoo ta'an irratti waliigaltee irra gahuun akka hin danda'amne hime.
WBOn ibsa isaan, ''rakkoo jiru haala waaraan karaa nagaa furmaata siiyaasaa waaraa itti guchuuf marii itti fufuuf kutannoo qabaachuu carraan kanaan irra deebiin ibsuu barbaanna'' jedheera.
Mootummaa bakka bu'uun namoota maricharratti hirmaatan keessaa tokko kan ta'an, Ambasaaddar Reedwaan Huseen fuula Tiwitarsaanirratti akka barreessanitti marsaa kanaan dhimmoota tokko tokkorratti waligalteerra hin gahamne jedhan.
''Walumaagalatti mariin ture harki caalu kan ijaarudha. Akka carraa garuu marii marsaa kanaatiin dhimmoota tokko tokko irratti waliigalteerra gahamuu hin dandeenye.”
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Ibsi tajaajila kominikeeshinii mootummaa kun mootummaan walitti bu'iinsa jiru bu'uura heera mootummaatiin furamuu akka qabu ejjannoo mootummaa akka ta'e ibsa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaafi WBO jidduutti Tanzaaniyaatti akka gaggeeffamu MM Itoophiyaa Abiy Ahmad yeroo jalqabaatif ifatti Ebla 23, 2033 beeksisuunsanii ni yaadatama.
Marichis Tanzaaniyaa, Zaanzibaritti gaggeeffamaa erga tureen booda har’a marsaan jalqabaa xumurameera.
Sababa waraana humnota mootummaafi hidhattoota WBO gidduutti deemaa jiruun naannoo Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti gaaga’mni lubbuu namaafi qabeenyarra gahaa ture.
Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaa fi TPLF jidduutti taasifamuu hordofee naannoo Ormiyaattis nagaan akka bu’uuf biyya keessaafi biyya alaa dhiibban gaggeeffamaa turun gabaafamaa ture.
Waldhabdee Oromiyaa keessaa karaa dhaabbataa taheen furuuf qaamolee lamaan mariin itti fufinsaa gaggeefamuun barbaachisaa tahuu himaniiru.
WBO marii Zaanzibaar kana ilaalchisee baaseen, rakkoo Oromiyaa keessaa karaa marii siyaasaa furuuf ammas qophii tahuu hime.
Kana malees ibsa xumura marii marsaa jalqabaa kana booda mootummaa fi WBO mataa mataasaaniitti baasaniin, qaamoolee maricha qindeessanii fi keessummeessan galateeffataniiru.
Wantoota ibsa bal'aa barbaadan

Madda suuraa, Emrald Resort and Spa
Mariin nagaa kun Taanzaaniyaa odola Zaanzibaar, riizoortii Eemiraaldi jedhamu keessatti guyyoota sagal darbaniif gaggeeffamaa ture.
Qaamolee lamaan mariin dabalataa akka barbaachisu eeranis yoomiifi eessatti gaggeeffama kan jedhu ammaatti hin ibsine.
Kan lammataa ammoo lamaan isaanii gidduu wal hubannaan jiraachuutu ibsame. Garuu ammoo dhimmoota kamtu waliigalteerra akka hin geenye danqaa akka uume hin ibsamne.
Dhimmoota kam irratti wal tahuun kam irratti ammoo wal dhaban kan jedhu ibsa dabalataa barbaada.
Mootummaan qajeelfama heera biyyattii eeguun marii nagaa kanaaf qophii tahuu himus, ABO-WBO rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessaaf furmaata waaraa kennuuf furmaatni siyaasaa argamuu akka qabu ibse.
Marii nagaa itti aanuufis qophii tahuu himeera. Mootummaa Itoophiyaa irraa namootni jaha bakka bu’uun maricha irratti kan hirmaatan yoo tahu, Ambaasadar Reedwaan Huseenii fi ministerri Haqaa Geediyoon Ximootiyoos kanneen maricha irratti argaman keessati.
Gama WBO ‘n jalqaba bakka bu’oota jaha, isaan keessaa hayyuu seenaa Ameerikaa yuunvarsiitii Joorjiyaatii barsiisan pirofeser Mhaammad Hasan, gorsaa olaanaa ajajaa waliigalaa ABO-WBO, Jireenyaa Guddataa keessatti argamu.
Boodarra waraana Bilisummaa Oromoo zoonii Kibbaa irraa loltootni lama bakka bu’uun maricha irratti argamuu isaanii BBC’n bakkichaa odeeffateera.












