WBOn mariin nagaa Tanzaaniyaatti jalqabamuuf jedhu tarkaanfii murteessaa ta’uu hime

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasaa
Jilli waraanni Bilisummaa Oromoo (ABO-WBO) marii nageenyaa mootummaa Itoophiyaa waliin Tanzaaniyaatti gaggeefamuuf imalaa jiraachuu ajajaa waliigalaa ABO-WBO Marroo Dirribaa BBCtti himan.
Mariin kun Tanzaaniyaa odola Zaanzibaar irratti akka gaggeeffamu kan himan ajajaan olaanaan WBO, marichi hanga xumura ji'a kanaatti kan itti fufu taha jedhan.
MM Abiy Dilbata Ebla 23, 2023 “ABO-Shanee” waliin Taanzaaniyaatti marii eegaluuf kan jiran ta’uu dubbachuu isaanii hordofee ibsas kan baase WBOn, tarkaanfiin kun nagaa buusuuf murteessaa ta'uu himeera.
Qaamoleen sadaffaa gaafataa turan maricha irratti ni argamus jedhan ajajaan waliigalaa WBO Marroo [Kumsaa] Dirribaa.
Marii kana ammatti adda-durummaan eenyutu qabata kan jedhu ibsuun hin barbaachisu kan jedhan Marroon, gorsaan ajajaa waliigalaa ABO-WBO Obbo Jireenyaa Guddataa kana dura Noorwey, Iswiidinii, Keeniyaafi Ameerikaan maricha irratti hirmaachuuf warra fedha guddaa qaban tahuu himaniiru.
Walitti bu’insa waggootaaf tureen booda MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed WBO waliin wal dhabdee jiru marii nagaan xumuruuf qophii tahuu himanii, qaamni ilallatu hunduu nageenya uummataaf jecha gahee isarraa eegamu bahuu qaba jedhan.
MM Abiy sagantaa ‘Waraanni Yaa Dhaabbatu, Nageenya Yaa Waaressinu’ jedhuun qaamolee waraanni kaabaa dhaabbatee nagaan akka bu'u gumaachan galateeffachuufi beekamtii kennuuf Finfinnee Paarkii Michuummaatti qophaa’erratti nageenya dhimmanii barbaaduufi irratti hojjechuun barbaachisaa ta'uu cimsanii dubbataniiru.
''Nageenyii akkasumaan kan dhufu miti, dhamaatiifi gootummaadhaan dhufa,'' jedhan Dr. Abiy.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Marrooon marii kana irraa maal eegdu gaaffii jedhu BBCn gaafateef, ‘’karaa gaaffii siyaasa Oromoo deebisuu danda’uun’’ waliigaltee nagaa irra gahuuf qophii tahuu himan.
Kana dura marii wal fakkaatuuf Keeniyaatti jila isaanii erganii mootummaan Itoophiyaa irraa hafuu kan himan Marroon, gaaffiin siyaasaa Oromiyaa keessaafi Tigiraay keessaa waan wal hin fakkaanneef akka kan Tigiraay sanatti yeroo gabaabaatti dhumata jennee garuu hin eegnu jedhan.
‘’Nagaa buusuuf waan sharafan jiraachuu mala, garuu gaaffii bu’uuraa sana miti.
"Gaaffii uummata Oromoo namni lamaafi sadii taa'ee kan murteessee biraa deemu miti. Wal bira teenyee mari’annee furmaata arganna yoo tahe akka sabaatti Oromoonis keessaa qooda qaba,’’ jedhan Marroon.
Gama tokkoon abdii akka qaban himanii, gama biraan ammoo waan bara 1991 fi 2018 irraa ka’uun ‘’ija shakkinis ilaalla’’ jedhu ajajaan waliigalaa WBO kun.
ABO-WBO ibsa baaseen, mootummaan Itoophiyaa gaaffii bakka qaamni 3ffaa walaba ta’e jirutti iftoominaan mari’nna jenne fudhateera jedhe.
Dabalataan murtoo kanarra ga’amuun isaa adeemsa Oromiyaatti nagaa waaraa buusuuf yaadameef tarkaanfii murteessaadhas jedheera.
Haata’u malee, mootummaan jecha “Shanee” jedhuun isa waamuun sirrii akka hin taaneefi fudhatama kan hin qabne ta’uu kan ibse Waraanni Bilisummaa Oromoo, dhimma sirrachuu qabu ta’uu hubachiiseera.
“Maqaan dhaaba keenyaa Waraana Bilisummaa Oromoo kan jedhudha. Kanaaf, maqaaa biraa kamiiniyyuu waamuun sirrii kan hin taaneefi eenyummaafi kaayyoowwan keenya akka hin taanetti ilaaluuf yaaludha,” jechuun mootummaan maqaa ‘Shanee’ jechuun waamuu akka dhaabuuf gaafateera.
MM Abiy haasaa sagantaa magaala Finfinnee Paarkii Michummaa keessatti Dilbata taasisan kanaan, ummanni Wallaggaa rakkoo keessa ture irraa akka boqatuuf qaamni hunduu waan isarraa eegamu akka bahatuuf gaafataniiru.
Dr. Abiy Ebla 19, 2023 Oromiyaa Lixaa, magaalaa Naqamteetti imalanii uummata godinaalee Wallaggaa waliin wayita mariyatanitti gaaffiiwwan nageenyaafi misoomaa uummanni dhiyeessuu deebee kennaniiru.
Gaaffiiwwan misoomaa uummanni gaafatu milkeessuudhaaf angafti nagaa waan ta'eef uummannis, qaamni yaada adda ta'e qabus yaada isaa kara nagaa ta'een ooffachuu qaba malee hojii misoomaafi nageenya uummataaf gufuu ta'uu hin qabu jedhan Dr. Abiy.
"Tokkoffaa, namoonni yaanni keessan ykn yaanni jaraa nurraa adda ta'e nagaan galuu danda'u.
Lammaffaa, nagaan galanii tarsiimoosaanii, kaayyoosaanii uummatasaanitti ibsachuu danda'u," jedhan MM Abiy.
Filannoo waggoota muraasa booda gaggeeffamu irrattis hirmaachuu akka danda'an dubbatan.
MM Abiy, haasaa Naqamtetti taasisan kanaan "har'aa kaasanii nagaan galuu danda'u" jedhanii ture.
Ji'a Bitootessaa bara 2023 gara dhumaa haasaa paarlaamaa irratti taasisaniinis hidhattoota Oromiyaa keessa socho'an waliin mari’achuuf koreen hundaa'ee hojjetamaa jirachuu himanii ture Ministirri Muummee Abiy (PhD).
Koreen nageenyaa sadarkaa pirezidantii itti-aanaa Paartii Badhaadhinaatiin durfamu hundeeffamuufi hojiin hojjetamaa jiraachuus eeruun, waan jiru mootummaan isaanii akka ifa godhu himanii ture MM Abiy.
ABO-WBO erga Addi Bilisummaa Oromoo Ertiraa irraa gara biyyatti galee gara qabsoo nagaatti deebi'uuf 'mootummaa irraa amantaa hin arganne' jechuun paartii duraan jalatti beekamu ABO irraa adda bahuun bosonatti hafee mootummaa Itoophiyaa waliin wal waraanaa turedha.
Waggaa afur dura irra caalaa Kibbaa fi Lixa Oromiyaa keessa socho'aa kan ture humni WBO kun, dhiyeenya gara godinaalee Oromiyaa kaaniittis babal'achuun mootummaa waliin wal waraanaa ture.
Mootummaan Itoophiyaa waraana Kaaba biyyattii keessatti TPLF waliin waggoota lamaaf ture karaa nagaa erga xumuree WBO waliinis tarkaanfii wal fakkaataan fudhatamuu akka qabu namoonni siyaasaa, miseensonni parlaamaafi kutaaleen hawaasaa gara garaa gaafataa turaniiru.
Ameerikaa dabalatee hawwasni idil-adunyaas rakkoon nageenyaa Oromiyaa keessaas karaa nagaa akka xumuramuuf gaafataa turan.












