‘Rakkoolee Afrikaatiif furmaata Afrikaa’ ejjennoo jedhuuf Itoophiyaan fakkeenya – AU

Jaarsolii Gamtaa afrikaa mootummaa Itoophiyaaf TPLF walitti araarsan

Madda suuraa, OBN

Rakkoolee Afrikaatiif furmaata Afrikaa ejjennoo jedhuuf Itoophiyaan fakkeenya gaariidha jedhan Dura- ta’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Mahaamat Faakii.

Sagantaa ‘Waraanni Yaa Dhaabbatu, Nageenya Yaa Waaressinu’ jedhuun qaamolee nagaa buusuu keessatti gumaachan galateeffachuu fi beekamtii kennuuf qophaa’erratti haasaa kan taasisan Muusaa Faakii, karaan Itoophiyaan nagaa buusuuf keessa darbiteefi muuxannoo biyyattiin qabdu babbal'achuun rakkoolee Afrikaa furuuf agarsiisuudha jedhan.

“Ejjennoofi murannoon Itoophiyaan nagaaf qabdu biyyattiirra darbee bakka kaanitti ‘Rakkoolee Afrikaaf furmaata Afrikaa jennuuf’ karaa sirriidha,” jechuun dinqisiifatan Muusaa Faakii.

‘‘Rakkoolee Afriikaaf furmaata Afriikaa’ ejjennoon jedhu waanuma jedhamuuf qabu kan jedhamu osoo hin taane,haala qabatamaa Afriikaa keessa jirudhas'' jedhan Muusaa Faakii.

Dura-ta’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii murannoo nagaa buusuuf bulchiinsi MM Abiy Ahimad agarsiiseefi ogummaa isaan qaban dinqisiifataniiru.

Ergamaa Addaa AU kan ta’an pirezidantiin duraanii Naajeeriyaa Oliseeguun Obasaanjoo qaamoleen akka nagana Itoophiyaatti deebiyuuf gumaachan galteeffachuun, nageenya kana akka waara’u gochuudhaaf ammas wantota waliigalteerra jiran qamatamaan hojiitti hiikuu feesisa jedhan.

''Kutannoo olaanaa Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad nagaan akka biyyasaaniitti bu’uuf agarsiisaa turaniif nan dinqisiifadha,’' kan jedhan ammoo Oliiseeguun Obaasaanjooti.

Pirezidantii duraanii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa gama saanitiin: “Biyyoonni Afriikaa yeroo ammaa rakkoo keessa jirru Itoophiyaarraa muuxannoo nagaa buusuu fudhachuu qabna,” jedhan.

Karaa dheeraa deemnee nagaa kanarra geenye. Milkaa’ina kanaaf hedduu gammadeera, uummanni Itoophiyaa martis baga gammaddan.”

“Gamtaan Afriikaa, IGAD fi qaamoleen nageenya hawwitan martuu baga gammaddanis,” jedhan Uhuruun.

Itti dabaluunis, hojii nagaa buusuu kana keessatti carraaqqiin gamtaa Afriikaallee olaanaa akka ture eeraniiru.

“Ollaa biyya koo, biyya ani baayyee jaalladhuufi harmee Afriikaa taatee Itoophiyaatti nagaa gaaddisa Gamtaa Afriikaa jalatti dhufeen hooggansi Itiyoophiyaafi gareen TPLF mirkaneessaa jiraachuun biyyoota Afriikaa kaaniif fakkeenya guddaa ta’a.”

Qaamooleen waraana Kaaba Itoophiyaatti ture karaa nagaatiin dhuma itti gochuu keessatti gahee olaanaa bahaniif beekkamtiin kennameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sirn qaamoole wal dhabdeen mootummaa Itoophiyaafi TPLF jidduu ture karaa nagaatiin akka xumuramuuf gahee olaanaa bahaniif beekamti kennuuf Paarkii Michummaatti qophaa’ee kanarratti, Sirna qaamoolee nagaa buusuu keessatti hirmaataniif beekamtii kanarratti qondaaltoonni mootummaatiin alatti dippilomaatoonni argamaniiru.

Haaluma kanaanis MM Itoophiyaa Abiy Ahimad, Komishiniin Gamtaa Afriikaa Musaa Faakii, Ittaanaa MM fi Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Damaqaa Makoniin dabalatee, pirezidantiiwwan naannoolee, jaarsooliin biyyaa, dippilomaatoonniifi keessumoonni biraas sirna kanarratti argamanniiru.

Waraanaa kaabaa Itoophiyaatti waggoota lamaaf gaggeeffamuun badii qabeenyaafi namoomaa cimaa qaqqabsiisee ture karaa nagaatiin furmaata waaraa barbaaduuf mootummaa Federaalaafi TPLF jidduutti waliigalteen nagaa jalqaba baatii Sadaasa bara 2022 Afriikaa Kibbaa Piritiroyiyaatti mallattaa’unsaa ni yaadatama.

Haaluma waliigaltee nagaa mallattaa'eetiinis qaamoolee lamaaninu hojiiwwan garaagaraa raawwatamaa jiraachuun gabaafameera.

Hirmaattoota sirna kenniinsa beekamtii

Madda suuraa, OBN