Obbo Getaachoo Raddaa Dabratsiyoon (PhD) harkaa baallii fuudhan, kaabinee haaraa muudan

Madda suuraa, Tigray Television
Pirezidantiin bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaa kaabinee miseensota paartii mormitootaa of keessatti hirmaachise guyyaa har'aa ifa godhaniiru.
Ajajoonni waraanaa humnoota Tigraay hoogganaa turan L/J Taaddasee Warradee fi Janaraal Tsaadiqaan Gabratinsaay kanneen muudaman keessaati.
Sirna Roobii har'aa Ebla 05, 2023 Maqaleetti gaggeeffame kanarratti bulchiinsi naannichaa Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin durfamaa ture aangoo gara Obbo Geetaachoo Raddaattti dabarseera.
Mootummaan bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay bu'uura waliigaltee rakkoo mudate marii nagaan furuuf mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay gidduutti irra ga'ameen ture kan hundaa'e.
Hanga filannoon gaggeeffamee bulchiinsi naannichaa haaraan filatamutti yeroodhaaf naannicha kan bulchu akka hundeeffamu waliigaluun isaanii ni yaadatama.
Obbo Getaachoon waliigaltee nagaa Piritoriyaa bu’uura gochuun torban lama dura ture Pirezidantii Yeroo Naannoo Tigraay ta’un kan muudaman.
Imaanaa itti kenname keessaa tokko kaabinee naannicha bulchu hundeessuudha.
Akkaatuma kanaan kaabinee miseensota 27 qabu ifa godhaniiru.
Miseensonni kaabinee eenyu fa'i?
Leetinaant Jeneraal Taaddasaa Warradaa- Pirezidaantii ittaanaafi itti gaafatamaa sekiretaariyaatii nageenyafi tasgabbii ta'an.
Leetinaant Jeneraal Tsaadiqaan Gabra Tinsaa’ee- Sadarkaa ittaanaa pirezidaantiitti itti gaafatamaa kaabinee sekiretaariyaatii bulchiinsaafi dimokirataayizeeshinii ta'an.
Pirofeesar Kindiyyaa Gabra Hiwoot- Itti gaafatamaa sekiretaariyaatii kaabinee misoomaa hawaasaa.
Obbo Bayyanaa Mikiruu- Itti gaafatamaa sekiretaariyaatii kaabinee misooma diinagdee.
Hagoos Godafaayi (Dr.) - Itti gaafatamaa sekiretaariyaatii kaabinee bulchiinsa karoora, galiifi qabeenyaa.
Obbo Hadish Tasfaa- Itti gaafatamaa biiroo haqaafi
Leetinaant Jeneraal Fissahaa Kidaanu Faantaa- Itti gaafatamaa biiroo nageenyaafi tasgabbii ta'un muudamaniiru.












