MM Abiy Ahimad Obbo Getaachoo Radaa pirezidantii yeroo Tigraay gochuun muudan

Obbo Getaachoo Radaa

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Muummee Abiy Ahimad Obbo Getaachoo Radaan Pirezidantii bulchinsa yeroo mootummaa Naannoo Tigraay gochuun muudan.

Torban darbe ture koreen giddugaleessaa dhaaba TPLF Obbo Getaachoo Radaa pirezidantii bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay akka ta’anif kan filate.

Haa ta'u malee, akkaataa waliigaltee nagaa mootummaafi TPLF'n mootummaan federaalaa nama TPLF irraa filame raggaasisuu qaba.

Waajjirri Ministira Muummee ibsa gaafa Kamisaa baasen Ministirri Muummee Abiy Ahimad Obbo Getaachoof imaanaa kennaniiru.

‘’Bulchiinsa bakka bu’uumsa humnoota siyaasaa naannicha keessa sosso’an mirkaneessuufi hunda galeessa ijaaruun, qaama hojii raawwachiistuu naannichaa hogganuufi qindeessuuf,’’ itti gaafatamani akka kennameef ibsa.

Bulchiinsi yeroo hanga naannichatti filannoo mana maree naannoofi paarlaamaa federaalaa Boordii Filannoo Biyyaalessaan hoogganamu taasifamutti aangorra tura.

Guyyaan kuni taasifamu garuu adda hin baane.

Akkaataa waliigaltee nagaa mootummaafi TPLF’n sadaasa darbe irra gahameen bulchiinsi mootummaa yeroo Naannoo Tigraayitti hundaa’a.

Sababa mootummaan yeroo saffisaan hundaa’uu dhabeef Tigraayitti bajata dabalatee hawaasi tajaajila mootummaa akka hin arganne ta’ee ture.

Paartileen mormituu naannicha keessa sosso'anis moggaatti dhiibamne, koreen sanada bulchiinsa yeroo qopheessuuf hundaa'es TPLF'n dhuunfatame jedhanii komataa turan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ibsa Waajjirri Ministira Muummee har'a baasen akka ibsetti danbiin ''bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay hunda hammate'' ALI Bitootessa 09, 2015 raggaasiseera.

Kunis, Obbo Getaachoon filamanii bulee isaati. Garuu ummataaf ifa hin taane ture.

MM Abiy Obbo Getaachoo muuduu isaanii dura guyyaa Roobii paarlaamaan Itoophiyaa TPLF tarree shororkeessaa jalaa baaseera.

Torban darbe Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan Itoophiyaa yeroo daawwatanitti ajandaan isaanii ijoo hojiirra oolmaa waliigaltee kanaa gamaaggamuudha.

Biliinkan qaamolee waliigaltee nagaa mallatteessan lamaan jechuunis mootummaafi TPLF waliin addatti marii taasisaniiru.

Biliinkan hojiirra oolmaa waliigaltee nagaarratti tarkaanfiiwwan fudhataman jajaniiru.

Haa ta'u malee, ammallee waliigaltee kana hojiirra oolchuuf ‘’tarkaanfiin dabalataa’’ akka barbaachisu ibsan.

Qaamoleen mallatteessan lamaan ''waliigaltee nagaa guutummaan hojiirra oolchuufi nagaa waaraa buusuuf hojiiwwan hedduutu hafa,'' jedheera ibsi waajjirri alaa Ameerikaa baase.

Eega bakka buutonni mootummaafi TPLF Biliinkan erga dubbisan booda tarkaanfiiwwan saffisaa mul'ataniiru.

Obbo Getaachoo Radaan eenyu?

Waraana Tigraay waggoota lamaaf gaggeeffame keessatti namoota maqaan adda dureen ka’u keessaa tokko Obbo Getaachoo Raddaati.

Yeroo waraanaa sana miidiyaalee idila-addunyaarratti yeroo heddu dhiyaachun yaada kennuun beekamu.

Paartii TPLF keessatti, mootummaa naannichaa akkasumas kan federaalaa keessatti gulantaawwan siyaasaa olaanoo keessatti tajaajilaniiru.

Miseensa koree giddu galeessaa TPLF, gargaaraa pirezidaantii naannichaafi dubbii himaa paartii TPLF ta’uun tajaajilaniiru.

Mootummaa federaalaa keeessatti ammoo biiroo Muummicha Ministeerafi Ministeera Dhimma Alaatti gorsaa olaanaa ta’anii tajaajilaniiru.

Minsitira Dhimmoota Komunikeeshinii mootummaas ta’uun alatti sadarkaa garaa garaatti tajaajilaniiru.

Yuunivarsiitii Finfinneerraa seeraan digirii jalqabaa qabu, Ameerikaatti Yuunivarsiitii Alabaamaa irraa digrii lammaffaa fudhataniiru.

Yuunivarsiitii Maqaleetti barsiisaa ta’uun tajaajilaa turan.

Marii araaraa mootummaa federaalaafi TPLF gidduu adeemaa turerratti hirmaataa turan. TPLF bakka bu’uun kanneen hirmaataniifi waliigalticha mallatteessan keessayi.