Obbo Geetaachoo Raddaa Pireezidantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay ta'uun filaman

Madda suuraa, ANADOLU AGENCY
Koreen Giddu-galeessaa TPLF filannoo Jimaata kaleessaa (Bitootessa 17, 2023) gaggeesseen, Obbo Geetaachoo Raddaa Pireezidantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay gochuun filachuu TVn naannochaa gabaase.
Waliigalteewwan nagaa waraana waggoota lamaaf ture karaa nagaan furuuf irra ga'ame keessaa tokko naannoo Tigraayitti bulchiinsa yeroo hundeessuu ture.
Obbo Geetaachoo Raddaa filatamuusaanii ilaalchisee haga ammaatti mootummaan federaalaa waan jedhe hin qabu.
Akkaataa waliigaltee Piriitooriyaatiin garuu muudama kana mootummaan federaalaa mirkaneessuu qaba.
Tibbana Itoophiyaa daawwatanii kan turan Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan qondaaltota gam-lachuurraa marii nagaa irratti hirmaatanii turan Finfinneetti dubbisaniiru.
Gama mootummaa federaalaan Gorsaa Nageenyaa Biyyaalessaa Ministira Muummee Abiy Ahmad Ambaasaaddar Reedwaan Huseen fi gama humnoota Tigraayiin ammoo Obbo Geetaachoo Raddaa wayita dubbisanitti, bulchiinsa yeroo hundeessuun dhimma ijoo ta'ee irratti mari'atameera.
Mariisaanii kanaan waraana kana waaraan furuuf hojiin hojjetamaa jiru qoratameera.
Waliigaltee irra ga'ame guutummaatti hojiirra oolchuuf ammallee hojii baayyeen akka hafutu eerame.
Obbo Geetaachoo Raddaa turtii Antoonii Bilinkan waliin taasisan wayita ibsan, ''Ejjennoo nageenyarratti qabnu, kan hin daddaaqamne ta'uu mirkaneesseera,'' jedhan.
''Humnoota adeemsa nageenyaa kana booressuuf ka'an dabalatee dararawwan uummata keenyarraa ga'aa jiru dhaabsisuuf bulchiinsa yeroo hundeessuu dabalatee waan nurraa eegamu mara raawwachuuf qophiidha,'' jechuun tiwiitarii isaaniirratti barreessan.
Koreen qindoominaa huundeeffama bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay kana raawwachuuf hundaa'e paartii mormitootaa naannochaan mormamaa ture.
Paartileen akka Salsai Wayane, Baytona fi Walabummaa Tigray koreen kun walaba ta'uu isaa fi hirmaachisummaa isaa irratti gaaffii kaasuudhaan adeemsa kana keessaa bahuu isaanii beeksisaniiru.
Korichi ajajaa humnoota Tigraay kan ta’an Jeneraal Taaddasaa Warradaa, Obbo Muluwarq Kidaanamariyam dabalatee miseensota sagal kan qabu yoo ta’u namoonni sadi humnoota Tigraay irra, sadi TPLF, kan biraa sadi ammoo hawaasa siivilii irraa kan walitti dhufan ta’uu yeroo sana ibsamee ture.
Mootummaa yeroo cehuumsaa hundeessuf adeemsi hunda hirmaachisuu akka tureefi paartilee mormituu, hawaasa siviliifi hawaasa kan hirmaachise akkasumas giddu seentummaa siyaasaa malee gaggeessuf akka yaalame ibsameera.
Haa ta’u garuu koreewwan kun paartii TPLF qofa kan hirmaachiseedha jechuun qeeqa cimaa kan dhiyeessan paartilee mormitootaa marii uummataa bulchiinsa yeroo irratti taasifamerratti hin hirmaatin hafan.
Obbo Getaachoo Raddaa eenyudha?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraana Tigraay waggoota lamaaf gaggeeffame keessatti namoota maqaan adda dureen ka’u keessaa tokko Obbo Getaachoo Raddaati. Yeroo waraanaa sana miidiyaalee idila-addunyaarratti yeroo heddu dhiyaachun yaada kennuun beekamu.
Paartii TPLF keessatti, mootummaa naannichaa akkasumas kan federaalaa keessatti gulantaawwan siyaasaa olaanoo keessatti tajaajilaniiru.
Miseensa koree giddu galeessaa TPLF, gargaaraa pirezidaantii naannichaafi odu himaa paartii TPLF ta’uun tajaajilaniiru.
Mootummaa federaalaa keeessatti ammoo biro Muummicha Ministeerafi Ministeera Dhimma Alaatti gorsaa olaanaa ta’anii tajaajilaniiru. Minsitiira Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaas ta’uun alatti sadarkaa garaa garaatti tajaajilaniiru.
Yuunivarsiitii Finfinneerraa Seeran digrii jalqabaa qabu, Ameerikaatti Yuunivarsiitii Alabaamaa irraa digrii lammaffaa fudhataniiru. Yuunivarsiitii Maqaleetti barsiisaa ta’uun tajaajilaniiru.
Marii araaraa mootummaa federaalafi TPLF gidduutti gaggeeffamaa tureefi walii galtee araaraa mallatteeffame Tigraa bakka bu’uun kanneen hirmaataniifi waliigalticha mallatteessan keessayi.












