Tigraayitti manneen barnootaa waggoota sadi booda banamuufi

Madda suuraa, Getty Images
Manneen barnootaa waraana Tigraay hordofuun waggoota sadiif cufamanii turan akka deebi'anii banamuuf jiran ibsameera.
Manneen barnootaa hedduun waraana dhiiga dhangalaase waggaa lamaa oliif ture kanaan saamamanii, barbadaa’aniiru.
Tibba waraanni deemaa ture manneen barnoota naannoo Tigraay keessa jiran keessaa tokko afraffaan barbaada'aniiru jedha gabaasi Human Rights Watch bara 2021 baase.
Barsiisonni waggoota lamaa oliif mindaa hin argatin turan.
Manneen barnootaa kunneen Ebla dhufu keessa eegalsiisuuf karoorri akka qabame dhaabbata UNICEF'tti hoogganaan damee barnootaa Chaansi Biriigsi BBC Sagantaa Raadiyoo Focus on Africa jedhamutti himan.
''Tigraayitti sirni barnootaa guutummaatti diigameera. Adoolessa darberraa kaasee daa'imman umriinsaanii barnootaaf ga'e miiliyoona 2.3 ta'an carraa barnootaa malee hafuu odeeffannoo qabna,'' jedhan.
Ijoollee afurii fi haadha manaasaanii waliin magaalaa Maqalee kan jiraatan Obbo Mangist Gabramadhin BBCtti akka himanitti, wayita waraanni kun eegalame ijoolleensaanii lameen barnoota sadarkaa lammaffaa hordofaa turan.
Barnoonni erga adda citee boodas,''ijoollee koo barsiisuu yaaleen ture. Garuu tasgabbaa'anii, xiyyeeffannaasaanii barnootaaf kennuu hin dandeenye. Sagaleen meeshaa waraanaa fi dirooniiwwanii akkaan nama jeeqa ture. Ijoolleen loltoota meeshaa waraanaa baatanii yaa'an guyyuu argu,'' jedhan.
Yuuniversitii Maqaleetti pirofeesara gargaaraa kan ta'an Obbo Mangist, ji'oota hedduuf mindaasaanii hin arganne.
''Mindaan nuuf kaffalamaa waan hin turreef ijoollee keenya maal nyaachifna kan jedhu baayyee nu dhiphisa. Isaan barsiisuun qormaata cimaa ture. Haata'u malee an kaleessa yeroo jalqabaaf mindaa kiyya fudheera. Amma ijoollee koof uffataa fi nyaata bituu danda'eera,'' jedhan.
Waraana Tigraay waggaa lamaan dura banameen lubbuun namoota kuma dhibbaan lakkaa'amanii darbeera.
Miiliyoonaan kan lakkaa'aman dararaa dhala namaarratti hin raawwatamne arganiiru.
Waraana dhiiga lammiilee hedduu dhangalaase kana karaa nagaan furuuf mootummaan federaalaa fi humnoonni Tigraay bara kana waliigalteerra ga'aniiru.












