Dhimmoota ijoo shan Antoonii Biliinkan daawwannaa isaanii Itoophiyaan dubbatan

Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan waliigalteen nagaa mallattaa'e hojiirra hin oolle akka jiru ibsaniiru

Madda suuraa, Antony Blinken/Twitter

Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan waliigalteen nagaa mallattaa'e hojiirra hin oolle akka jiru ibsaniiru

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan hojiirra oolmaa waliigaltee nagaarratti tarkaanfiiwwan fudhataman jajaniiru.

Haa ta’u malee, qondaaltota Itoophiyaafi TPLF waliin marii taasisaniin ammallee waliigaltee kana hojiirra oolchuuf ‘’tarkaanfiin dabalataa’’ akka barbaachisu ibsan.

Ameerikaan carraa daldalaa Itoophiyaa sababa waraanaan keessaa hanqifamte, AGOA’ tti, osoo hin deebisiin hafteetti.

Guyyoota lamaaf Itoophiyaa kan daawwatan Biliinkan Ministira Muummee Abiy Ahimad dabalatee aangawoota olaanoo Itoophiyaa waliin mari’ataniru.

Eega waraanni kaaba biyyattiitti balaa buuse qondaalli olaanaa Ameerikaa Itoophiyaa yoo daawwatu kuni kan duraati.

Dhimmi ijoo mari’atan waa’ee waliigaltee nagaa waraana dhiiga hedduu dhangalaase dandamachiisuun danda’amu irrattiidha.

Dhimmoota ijoo aangawaan olaanaan US Itoophiyaa yeroo daawwatan dubbatan akka asiin gadiitti qixeessineerra.

Waliigalteen nagaa hangam raawwate?

Biliinkan qaamolee waliigaltee nagaa mallatteessan lamaan jechuunis mootummaafi TPLF waliin addatti marii taasisaniiru.

Gorsaan nageenya biyyaalessaa MM Abiy Ahimad Ambaasaaddar Reediwaan Huseeniifi Dubbii Himaan TPLF Getaachaw Raddaa sadarkaa hojiirra oolmaa waliigaltichaa isaaniif dhiheessuu ibsaniiru.

Kanneen raawwataman jedhaman ''dhukaasa dhaabuu, dhiheessii deeggarsaa, tajaajiloonni bu’uuraa eegaluu, humnoonni Tigraay meeshaa jajjaboo hiikkachuufi waraanni Ertiraa bal’inaan [Tigraay keessaa] bahuudha.''

Haa ta’u malee, ammallee wanti hafu akka jiru ibsameera.

Qaamoleen mallatteessan lamaan ''waliigaltee nagaa guutummaan hojiirra oolchuufi nagaa waaraa buusuuf hojiiwwan hedduutu hafa,'' jedheera ibsi waajjirri alaa Ameerikaa baase.

Hojiin sagantaa waraana hiikkachiisuufi hawaasatti makuu guutummaatti akka hojiirra oolu akkasumas bulchiinsi yeroo Tigraay akka hundaa’u qaamoleen lamaan mari’atuu ibsameera.

Kana dura bulchiinsa yeroo Tigraay hundeessuuf deebiin mootummaa akka eegamu TPLF ibseera

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Kana dura bulchiinsa yeroo Tigraay hundeessuuf deebiin mootummaa akka eegamu TPLF ibseera

Eega waliigalteen nagaa Tigraayitti mallattaa’ee baatii afur ta’us ammallee mootummaan Tigraay keessa hundaa’e hin jiru.

Osoo mootummaan hin hundaa’in immoo mootummaan federaalaa bajata akka hin gadhiifne kana dura ibsameera.

Sanadi bulchiinsi yeroo itti hundaa’u qophaa’un alatti sababi harkifateef ammallee ifa miti.

Adeemsa mootummaa bulchiinsa yeroo hundeessuu paartileen mormituu gaaffii irratti kaasaa turuun ni yaadatama.

Dhimma AGOA

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hariiroo biyyoota lamaanii sababa waraanaan rakkoo godhate fooyyessuuf Itoophiyaa kan daawwatan Biliinkan, waa’ee dhimma AGOA gaafatamanii turan.

Carraa daldalaa AGOA kan biyyoonni qaraxa malee oomisha isaanii gabaatti dhiheessan keessaa Itoophiyaan kan haqamte sarbama mirgaa yeroo waraanaan walqabateeti.

Sababa kanaan lammiileen keessumaa dubartoonni 200,000 ol hojii malee hafaniiru.

Dhaabbileen carraa kana fayyadamaa turanis mufii ibsaa turan.

Eega waliigalteen nagaa mootummaa fi TPLF gidduu mallattaa’e asiis wanti jijjiirame hin jiru.

Itoophiyaan carraa kanatti akka deebituuf ulaagaan guutuu qabdu taa’u kan ibsan Biliinkan, kana galmaan ga’uf mootummaa Itoophiyaa waliin akka dalagan himan.

‘’Fedhii Itoophiyaa AGOA’tti deebi’uu ni qooddanna,’’ jechuunis ibsan qondaalli Ameerikaa kuni.

‘’Waliigaltee nagaa hojiirra oolchuu yoo itti fufte [Itoophiyaa], ifatti karaa sirriirra imalaa jirti jechuudha,’’ jechuun gaazexeessitootaaf ibsan.

'Itti gaafatamummaa'

Itoophiyaafi Ameerikaan hariiroo waggoota 100 ol ture qabaatanis waraanni Kaaba Itoophiyaatti adeemaa ture hariiroo isaanii rakkoorra buuseera.

Sababi ijoo walitti bu’iinsa kanaa yeroo waraanaa sarbami mirga namoomaa jajjaboo raawwataniiru kan jedhudha.

Marii Biliinkan Ministira Muummee Abiy Ahimad waliin taasisaniin dhimmi irratti mari’atan keessaa tokkos dhimma kana ture.

‘’Mammaarto hookkara siyaasaafi sabaa kaabas ta’e Oromiyaa keessaa boqonnaa itti tolchuuf karaan tokkichi haaloo summaawaa hamaafi qoodinsa sabaa keessaa bahuudha,’’ jedhan Biliinkan.

Lammiileen Itoophiyaa hundi haqa yeroo ce’umsaa ‘’araaraafi itti-gaafatamummaa’’ hammate keessa dammaqinaan akka hirmaatanis waamicha taasisan.

Waraanni waan dhaabateef sarbami mirgaa xiqqaachuu kan kaasan Biliinkan, waraanni Ertiraafi humnoonni Amaaraa Naannoo Tigraay keessaa bahaa jiraachuu himan.

Haa ta’u malee, waan xumurame miti jedhan. ‘’Adeemsadha,’’ jechuunis ibsaniiru.

Eeguma waliigaltee nagaa badiiwwan adda addaa haleellaa saalaa dabalatee akka raawwataman gabaafameera.

Turtii gaazexeessitoota waliin taasisaniin kana kan gaafataman Biliinkan, Naannoo Tigraay keessa eega waliigaltee waraanaa ‘’sarbamiinsi mirga namoomaa haalaan xiqqaatu,’’ himan.

Haa ta’u malee, dhaabate kan jedhamu akka hin taane himuun qaamoleen hunduu akka dhaabatu gahee ofii akka gumaachan gaafatan.

Nagaa waaraa fiduuf rakkoon dinagdee rakkoo biraa akka ta’es ibsameera. Diinagdeen Itoophiyaa yeroo ammaa walitti bu’iinsa, hongee, akkasumas qaala’iinsa gatiin hubameera.

MM Abiy Ahimad marii Biliinkan walin taasisaniin hariiroo biyyoota lamaa cimsuuf waliigaluu isaanii ibsaniiru.

Biliinkan badiiwwan qaamolee hundaan raawwatamaniif ‘’itti-gaafatamummaa, haqi yeroo cee’umsaa hunda hammate akka barbaachisu,’’ akka mari’atan waajjirri isaanii ibseera.

Itoophiyaan liqaa dhaabbilee maallaqaa irraa barbaaddu sababa waraana Tigaay keessaan duubatti akka harkifate ministeerri maallaqaa Ahimad Shidee kana dura ibsuun ni yaadatama.

'Haalli Oromiyaa yaaddessaadha'

Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan dhimmoota Ministira Muummee Abiy Ahimad waliin kaasan keessaa tokko dhimma Oromiyaati.

Sochii hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhuufi tarree shororkeessummaa jala kaa’en waggoota muraasa darbaniif rakkoon nageenyaa hammaateera.

Rakkoon kuni keessumaa gama Lixaafi Kibba Oromiyaa hammaate.

Mootummaan yeroo adda addaatti oppireeshinii waraanaa gaggeessus furmaanni waaraa hin argamne.

Eega humnoota TPLF waliin araarri taasifame booda humnoota WBO waliinis mariin akka ta’amu kanneen abdatan turan.

''Haala Oromiyaa keessaa irratti yaaddoo isaanii ibsaniiru. Karaa mariin furmaata akka argatu,'' gaafatuu isaanii waajjirri isaanii ibseera.

Baatii tokko dura mootummaan Naannoo Oromiyaa hidhattoota naannicha keessa sosso'aniif ''waamicha araaraa'' dhiheesseera.

Hidhattoonnis waamicha fudhachuu ibsuun ala wanti haaraa eegasii eegale yoo jiraate hin beekamu.

Deeggarsa namoomaa

Daawwannaa isaaniin deeggarsa namoomaa dolaara miiliyoona 331 [birrii biiliyoona 18 ol] Itoophiyaaf akka kennamu ibsaniiru.

Maallaqi kuni kanneen walitti bu’iinsaafi hongeen buqqa’an gargaaruuf oola.

Itoophiyaan hongee waggoota 40 keessatti hamaadha jedhameen hubamteetti.

Keessumaa bakkeewwan kibbaafi kibba bahaa biyyattii jiranitu hongee kanaan hubame.

Hongee waqtiin roobaa shan osoo hin roobiin hafeef dhaqqabe kanaan horiin miiliyoona 4 ol dhumuu kana dura UN beeksiseera.