Daawwannaan Antoonii Biliinkan hariiroo US fi Itoophiyaa laaffateef maal fidee dhufa?

Madda suuraa, Getty Images
Torban kana Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan gara Itoophiyaa imaluun daawwannaa ni taasisu.
Daawwannaan kuni eega waraanni Itoophiyaa gaaga’e waliigalteen xumura argateetii daawwannaa jalqabaa aangawaa olaanaa Ameerikaan taasifamudha.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti waggootii lamaaf adeeme hariiroo biyyoota waliin michuu turan lamaan balaarra buuseera.
Waliigalteen nagaa kan Ameerikaanillee keessatti qooda qabdu eega milkaa’e garuu Itoophiyaan suutuma hariiroo biyyoota lixaa waliin qabdu fooyyessaa jirti.
Taatullee hariiroon biyyoota lameenii lafa duraatti akka hin deebine qondaalli olaantuu Ameerikaa ibsaniiru.
Itoophiyaan kan waraanaan miidhamte Ameerikaarraa maal eegdi?
Gama hedduun yeroo ilaalamu daawwannaan Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan gara Itoophiyaa taasisan waan gaarii akeeka.
Daawwannaan isaanii waraanichi dhaabatee biyyattii deebisanii ijaaruufi badiiwwan raawwataniif itti gaafatamani akka jiraatu yeroo gaafatamaa jirutti raawwatama.
Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ibsa baasen, Biliinkan Finfinneetti aangawoota olaanoo mootummaa Itoophiyaafi Gamtaa Afrikaa ni dubbisu.
Dhimmi isaanii ijoo hojiirra oolmaa waliigaltee nagaa irratti akkasumas dhimma haqa yeroo ce’umsaa akka ta'e waajjirri isaanii ibseera.
Waraana hariiroo hammeesse
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itoophiyaa fi US hariiroo waggaa 100 caaluufi murteessaadha jedhame qabu. Hariiroon kuni bara Dargiin ala cimee kan itti fufe ture.
Keessumaa bara ADWUI Itoophiyaan sochii shororkeessitoota Somaaliyaa keessaa adamsuun Ameerikaa waliin michummaa ishee cimsatteetti.
Ta'us, waraanni Tigraayitti adeemaa ture hariiroo cimaa biyyoota lamaanii qoreera.
Sarbamni mirga namoomaa jabaan raawwatuufi waraanichi mariin akka furmaata argatu gaafachuun Ameerikaan irra-deddeebiin yaaddoo himataa turte.
Gama kaaniin Itoophiyaan Ameerikaa dabalatee biyyoota lixaa gidduu seentummaan himachaa, birmadummaa ishee kan dhiiban ta’u ibsaa turte.
Waraanichi yeroo hammaatetti Pirezidantiin Ameerikaa Itoophiyaa adabuufi tarkaanfii fudhachuuf Fulbaana 2021 ajaja dabarsani.
US hoggantoonni Itoophiyaa Ameerikaa akka hin seenne dhorkuun alatti deeggarsa diinagdeefi nageenyaa Itoophiyaaf taasistu dhaabdeetti.
Sirna gabaarraa bilisaa AGOA irraa akka haqamtu gochuun lammiileen 200,000 ol ta’aniifi keessumaa paarkiilee indastirii keessa dalagan hojii akka dhaban ta’eera.

Madda suuraa, Getty Images
Waraanichi hariiroo Itoophiyaan Ameerikaa waliin qabdu qofa osoo hin taane hariiroo biyyoota lixaa waliin qabdu rakkoo keessa kan buuse ture.
Ameerikaan sababa ammatti ifa hin taaneen Embasii ishee Finfinnee jirutti Ambaasaaddara kaasuun Dhimma Raawwachiistuun bakka buusteetti.
Waraanichi dhaabatee mariin akka furamu ergamoota addaa erguun ala, waliigalteerras akka gahamu gumaachi Ameerikaa guddaa ta’u mootummaan Itoophiyaa kana dura ifatti ibseera.
Itoophiyaan maal eegdi?
Eega waliigalteen nagaa baatii Sadaasaa keessa raawwatame as hariiroon Itoophiyaafi biyyoota lixaa suutuma fooyya’aa jira.
Yeroo waraanichaa dhimma Itoophiyaa Ameerikaan aangawoota Keeniyaa waliin mari’ataa turte. Kunimmoo Itoophiyaa muufachiiseera.
Adeemsa hariiroo tolfachuu fakkaatuun Mudde darbe yaa’ii hoggantoota US-Afrikaa irratti Ministirri Muummee Abiy affeeramanii turan.
Saganticha irrattis, eegasiis bilbilaan akkaataa hojiirra oolmaa waliigaltee nagaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduu raawwate irratti Antoonii Biliinkan MM Abiy waliin mari’ataniiru.
Haa ta’u malee, hariiroon laaffate bakka duriitti deebi’eera jechuu akka hin danda’amne, akkasumas baay’ee akka hafu Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaatti I/Aantuun Hooggantuu dhimmoota Afrikaa kan ta'an Moolii Fii torban darbe ibsaniiru.
Qondaalli kuni dhageettii itoophiyaa naannicha keessatti qabduufi gahee gumaachituun yeroo ilaalamu biyyattii waliin hariiroo cimsachuu US fedhii akka qabdu ibsaniiru.
Barruun Ameerikaa Foreign Policy akka gabaasetti, aangawoonni olaanoo waajjira dhimma Alaa Ameerikaa keessa jiran US Itoophiyaa waliin hariiroo ishee akka cimsitu dhiibbaa gochaa jiru.
Raashiyaafi Chaayinaan dhiibbaafi dhageettiin isaanii Ardii Afrikaa keessatti akka dabalu socho’aa jiranitti, Ameerikaan gahee ishee akka hin dhabne falmu.
Barruun Foreign Policy akka jedhutti Biliinkan daawwannaa isaanii Finfinnee irratti waan hariiroo biyyoota lamaanii fooyyessu maluu ifa gochuu danda’u.
Itoophiyaan eega waliigalteen nagaa mallattaa’e asiis carraa AGOA kan biyyoonni qaraxa malee oomisha isaanii Ameerikaatti galchanitti hin deebine.

Madda suuraa, Getty Images
Liqiin dhaabbilee maallaqaa addunyaa kan Ameerikaan keessatti dhageettii olaanaa qabdu irraas hin eeyyamamneef.
Sababa waraanaan deeggarsa diinagdeefi nageenyaa Ameerikaa irraa akkuma dhabde jirti.
Kunneen wantoota Itoophiyaan Ameerikaa biraa eegdu ta’uu malu.
Waliigaltee nagaa booda dhimmoota Itoophiyaafi biyyoota lixaa walitti buusuu malan keessaa tokko waa’ee sarbama mirga namoomaa yeroo waraanaa dhaqqabanidha.
Mootummaan Itoophiyaa badiiwwan raawwataman ‘haqa yeroo ce’umsaan’ furmaata akka argatan fedha.
Gareen ekispartoota UN’n hundaa’e garuu biyya keessa seenuun qoratee itti-gaafatamni akka jiraatu barbaada, dhiibbaas gochaa jira.
Biliinkan MM Abiy Ahimad waliin marii taasisan irratti dhimma mirga namoomaafi itti gaafatama yakkaa irratti akka xiyyeeffatan Aminastii Intarnaashinaal gaafateera.
Qaamoleen waraana keessa qooda fudhatan marti badii garagaraan akka himataman qorannoon kana dura taasifame ibsuun isa ani yaadatama.












