Joo Baayidan Itoophiyaan dhaabbiin fayyadamummaa 'AGOA' keessaa akka haqamtu murteessan

Madda suuraa, AFP
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Amajjii 1 irraa eegalee Itoophiyaan tarree biyyoota fayyadamtoota carraa daldala qaraxarraa bilisaa African Growth and Opportunity Act' (AGOA) keessaa dhaabbiin akka haqamtu murteessan.
Giinii fi Maaliinis sababa fonqolcha mootummaa humnooti waraanaa isaanii raawwataniin 'AGOA' keessaa dhaabbiin haqamu ibsi Waayit Haawus baase ni mul'isa.
Jalqaba Sadaasa darbe Ameerikaan biyyootni sadan carraa daldala qaraxarraa bilisaa kana argachuuf ulaagaa barbaachisu hin guutne jechuun guyyoota 60 keessatti akka fooyyessaniif akeekkachiistee yeroof faayidaa 'AGOA' akka hin arganne haqxee turte.
Itoophiyaan faayidaa kana akka hin arganne kan haqamte waraana Kaaba Itoophiyaatti adeemaa jiruun wal qabatee sarbamoota mirgoota namoomaa raawwatamaniin ta'uu labsiin pireezidant Baayidan raggaasisan ni mul'isa.
Biyyoonni 'AGOA' irraa fayyadamoo ta'an ulaagaalee carraa qaraxarraa bilisaa kana argachuuf guutamuu qaban- olaantummaa seeraa, mirgoota hojjettootaa fi mirgoota namoomaa- kabajuu qabu jedha seerri daldalaa Ameerikaa.
Kun yoo ta'uu baate pireezidantiin biyyattii aangoo fyyadamummaa biyyoota kanaa haquu akka qabus hima.
Sadaasa darbee as miseensota koongirasii dabalatee namoonni hedduun Ameerikaan murtee Itoophiyaa 'AGOA' keessaa haquu irra deebiin akka ilaaltu gaafataa turan.
Mootummaan Itoophiyaas murtee US sagantaa AGOA keessaa Itoophiyaa haquuf fudhatte kanaan baay'ee gadduu ibsuun, murtee kana akka kaastuu fi carraaqqii Itoophiyaan nagaa buusuu fi seera kabachiisuuf taasistu akka deeggartu gaafatee ture.
Itoophiyaan carraa daldala qaraxarraa bilisaa kanatti fayyadamuun omishaalee gara gabaa Ameerikaatti ergituun sharafa alaa waggaatti hanga doolaara miliyoona 100 argachaa akka turte ragaaleen ni mul'isu.
Dabalataan 'AGOA'n Itoophiyaa keessatti namoota 100,000 oliif carraa hojii uumee akka tures ni himama.
Carraa daldalaa Ameerikaan uumte AGOA'n maali?
African Growth and Opportunity Act' (AGOA) sagantaa Yunaayitiid Isteets daldala biyyoota Afrikaa Saharaa gadii jajjeebeessuuf jecha bara 2000 koongireesii Ameerikaan fudhatama argateedha.
Carraan daldalaa US Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa biroofis bante biyyootni kun omishaalee isaanii qaraxa malee gabaa Yunaatid Isteetisiif akka dhiyeessan hayyama.

Madda suuraa, EYERUSALEM JIREGNA
Carraan kun biyyootni kaanis danqaa daldala Ameerikaaf biyya isaanii keessa jiru akka hambisaniifi ilaalcha heddummina siyaasaa jajjabeessuu akka qaban akka ulaagaatti qabateera.
Ibsa kana dura Waajjirri Daldalaa Ameerikaa baaseen ''Sarbamni mirgoota namoomaa idila addunyaa beekamoon Kaaba Itoophiyaatti waraanaa fi gaaga'ama namoomaa dhalateen walqabatee mudate hin furamu taanaan ulaagaa Itoophiyaan fayyadamtuu sagantaa AGOA taatee itti fufuu miidhuu mala'' jedhee ture.
US qaamoleen waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru keessatti hirmaatan akka waliigaluun dhukaasa dhaaban irra deddeebitee gaafachaa kan turte yoo ta'u, namoota lola kana keessatti gahee qabu jetturras uggura viizaa kaa'uun ishee ni yaadatama.
Kana malees, waraanni Kaaba Itoophiyaa kun dhaabbatee kara marii siyaasaa hunda hirmaachiseetti hin dhufamu taanaan, qoqqobbiin dinagdee akka kaa'amu Joo Baayidan ajajanii turan.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa itti fufee humnooti mootummaa torbanoota darban naannolee Amaaraa fi Affaar finciltootaan to'atamee ture guutummaatti deebisanii qabachuu beeksisaniiru.
TPLF naannolee kanneen kan gadi dhiisee bahe 'nagaaf carraa kennuuf akka ta'e' himeera.















