Sababa Itoophiyaan AGOA irraa haqamteef dubartoota miidhamaniif 'ni gaddina' jedhan Biliinken

Madda suuraa, Secretary Antony Blinken
Waraanni Itoophiyaa karaa dippiloomaasii furmaata akka argatu dhiibbaa gochaa jiraachuu kan himan Miinistirri Haajaa Alaa Ameerikaa Antonii Biliinken, waraanni yoo kan itti fufu ta'e Itoophiyaan ''diigamuu malti'' yaaddoo jedhu akka qaban himan.
Afrikaatti yeroo jalqabaaf daawwannaa kan taasisaa jiran Biliinken gaaffiifi deebii addatti BBC waliin taasisaniin dhimmoota waraana Itoophiyaa, hokkora Sudaan fi imaammata Ameerikaan Afrikaa irratti qabdu dubbataniiru.
''Qaamoleen wal waraanaa jiran waraanaan furmaata argachuuf amantiin qaban yoo itti fufe jeequmsi ni hammaata, Itoophiyaanis diigamuu malti yaaddoo jedhu qabna'' jedhan.
Kun ammoo US'tti qofa osoo hin taane biyyoota addunyaa biroofis yaaddoo ta'uu himaniiru.
Yaaliin dippiloomasii kan milkaahu ta'u gaafatamaniis,''duulli waraanaa dhaabatee, dhaaboliin kun ta'aanii mariyachuun waliigaltee waraana dhaabuu irra gahuun dhiyeessii deeggarsa namoomaa cimsuun nagaa waaraaf ni hojjetu abdiin jedhu jira'' jedhan.
Ameerikaan Itoophiyaa carraa gabaa qaraxa irraa bilisaa, AGOA, keessaa kan haqxe, waraanni kaaba biyyattii mariin akka furamu dhiibbaa gochuufi jedhan Biliinkeen.
Murteen US dhiibbaa siyaasaa qabuun caalatti dubartoonni Itoophiyaa kumoota dhibbaan lakkaawwaman carraa hojii akka dhaban sababa akka ta'u mootummaa Itoophiyaa dabalatee qaamoleen hedduun qeeqaa turan.
Qoqqobbiin kun hojjettoota kumoota hedduu keessumaa dubartoota hiyyeeyyii hojjetanii of jiraachisan yaaddoo keeessa buusuu bu'uureffachuun qoqqobbiin kun qaama hin malle irratti hin xiyyeeffanne jedhamanii gaafatamaniiru.
Biliinken namoota murtee kanaaf kallattiin miidhamaniif itti gaafatamtoonni hogganoota siyaasaa biyyattiiti jedhan.
“Waa’ee namoota murtee kanaan kallattiin miidhamanii, dhugumatti isaaniif gaddi nutti dhagaahama.
''Gargaarsi namoomaa dhaqqabuu qaba jennee kan watwaannuuf ummataaf waan gaddinuufi. Mirga isaaniifis dhaabbachaa jirra. Murteen kun waa’ee uummataa osoo hin taane waa’ee hogganoota isaaniiti.
''Hogganooti kallattii maraan jiran walitti dhufanii garaagarummaa biyyattii keessatti uumameef furmaata siyaasa akka barbaadanidha. Kanaaf dhugumatti uummata isaaniif itti gaafatamoon isaanidha.”
AGOA jalatti, biyyi sarbamni mirgoota namoomaa hamaan keessatti raawwatamaa jiru AGOA irraa fayyadamuu akka hin dandeenye tumamee jiras jedhaniiru.
''Bu’uura kanaan wanti amma Itoophiyaa keessatti ta’aa jiru hanga Amajjii 1 yoo kan itti fufu ta’e akkaatuma seerri jedhuun faayidaa Itoophiyaan AGOA irraa argattu kan silaa hanga bara 2025 itti fufuu malu dhaabbiin haquu qabna.''
'MM Sudaan nama beekamtii seeraa qabudha jedheen yaada'
Dhimma Sudaan irrattis yaada kan kennan Biliinken tibba kana ajjeechaa waraanni biyyattii lammilee nagaa bulchiinsa siiviilii deggaruun hiriira bahan irratti raawwate balaaleffataniiru.
MM Abdallaa Hamdook kan torbanoota dura waraanaan aangoorraa kaafaman bakkatti deebi'uu qabu jedhan.
“Akkan yaadutti jeneraalonni Sudaan hawaasa idil-addunyaa qofa osoo hin taane, duraan dursee uummata isaaniis dhagahuu qabu.
''Uummatni Sudaan cehuumsi bulchiinsa siiviiliin hoogganamu akka bakkatti deebi’u akka barbaadan ifa godhaniiru. Adeemsi seena qabeessi, Sudaan gara diimokiraasii fi badhaadhinaa ceesisuu danda’u, waraanni aangoo fudhachuu isaatiin gufateeera.''

Madda suuraa, Tiwiterii Antoonii Biliinken
Amma wanti murteessaan hogganoonni waraanaa Sudaan ummata isaaniirraa akkasumas hawaasa idil-addunyaarraa dhagahuu qaban, cehuumsa bulchiinsa siiviiliin hogganamu bakkatti deebisuudha jedhaniiru.
''MM Sudaan nama beekamtii seeraa qabudha jedheen yaada'' kan jedhan Biliinken, kanaaf isaan aangoo isaaniitti deebifamuu qabu jedhaniiru.
''Dabalataan namoonni hidhaman gadi dhiifamuu qabu, hunda dura ammoo hokkorri adeemaa jiru dhaabbachuu qaba.
''Kaleessuma cehuumsa gara diimokiraasii deeggaruun sababa sagalee isaanii dhageesisaniif qofa namootni hedduun ajjeefamuun gonkumaa, gonkumaa fudhatama hin qabu.”
'Imaammatni nuti Afrikaa irratti qabnu waa’ee Chaayinaa miti'
Bara bulchiinsa Donaald Tiraamp imaammati Ameerikaan Afrikaa irratti qabdu dhiibbaa Chaayina dura dhaabbachuu ta'uun himamaa ture. Imaammati bulchiinsi Baayidan Afrikaa irratti qabu maali gaaffii jedhuufis deebii kennaniiru.
“Imaammatni nuti Afrikaa irratti qabnu waa’ee Afrikaati malee waa’ee Chaayinaa miti. Waa’ee hariiroo Ameerikaa fi biyyoota Ardittii hunda waliin qabnuuti.
''Kunis dhugaa bu’uuraa tokko irratti kan hundaa’edha. Gaarummaa uummata keenyaaf jecha wanti addunyaa irratti hojjechuu feenu marti isaa Afrikaa malee milkaa’uu hin danda’u. ''
Waa’ee jijjiirama qilleensaa fi weerara dhukkuba akka Covid19 yoo kaasne Afrikaan qaama furmaataa ta’uu qabdi jedhan.
''Dhimmoota kana lamaan irrattuu michooma tolfachaa jirra. Waa’ee diinagdee hirmaachisaa yoo haasofnu, ummata dargaggeeyyii fi lakkoofsa uummata biliyoona tokkoo ol kan qabdu Afrikaan dirqama qaama furmaataa ta’uu qabdi.''
Gama diimokiraasii fi mirgoota namoomaas Afrikaan qaama furmaataa ta’uu qabdi kanaafis dargaggoota irratti xiyyeeffannee hojjenna jedhan.















