US-Itoophiyaa: US carraa daldala qaraxa irraa bilisaa — AGOA keessaa Itoophiyaa haquuf guyyaa murteessite

Waajjira Daldalaa Ameerikaa

Madda suuraa, Waajjira Daldalaa Ameerikaa

Ibsa waa'ee suuraa, Waajjira Daldalaa Ameerikaa

Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden carraa daldala qaraxa irraa bilisa African Growth and Opportunity Act' (AGOA) jedhamuun beekamu biyyi isaanii biyyoota Sahaaraa gadiif uumte Itoophiyaan irraa fayyadamaa turte addaan kutuuf murteessan.

Pirezidaanti Ameerikaa Joo Baayiden xalayaa Kongirensii Ameerikaaf barreessaniin biyyi isaanii daldala qaraxa irraa bilisaa Itoophiyaa Maaliifi Giinii waliin gootu addaan kutuuf akka jiran himan.

Bakka Buutuun Waajira Daldalaa US Kaatiriin Taay har'a akka ibsanitti haalli siyaasaafi rakkoo namoomaa Maalii, Itoophiyaafi Giinii bulchiinsa Joo Baayidan hedduu waan yaaddesseef tarkaanfiin kun fudhatameera.

Akka ibsa bakka buutuu kanaatti, ulaagaa ittiin carraa AGOA kana keessa turuuf isaan barbaachisu guutuudhaaf mootummoonni biyyoota kanneeniin tarkaanfii saffisaa yoo hin fudhanne guyyoota 60 keessatti ni haqamu.

Rooyitarsi akka gabaasetti, Baayiden murtoo kana kan fudhatan sababa sarbama mirga namoomaa biyyoota sadeen murtoon irratti fudhatame keessatti gaggeeffama jiru irraa kan ka'edha.

Ameerikaan waraana Kaaba Itoophiyaa ilaalchisee irra dedeebiin qaamoleen lameen waraana dhaabuun gara mariitti akka dhufan gaafataa turte.

Waraana naannoo Tigraayitti Sadaasa 2020 humnoota TPLF fi mootummaa Federaalaa gidduutti dhalateen walqabatee seeronni mirga namoomaa idil-addunyaa sarbamuun Itoophiyaan carraa daldalaa US biyyoota Sahaaraa gadiif uumte, AGOA keessa akka baatu gochuu akka dandeessu akeekkachiisaa turte.

US qaamoleen waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru keessatti hirmaatan akka waliigaluun dhukaasa dhaaban irra deddeebitee gaafachaa kan turte yoo ta'u, namoota lola kana keessatti gahee qabu jetturras uggura viizaa kaa'uun ishee ni yaadatama.

Kana malees, waraanni Kaaba Itoophiyaa kun dhaabbatee kara marii siyaasaa hunda hirmaachiseetti hin dhufamu taanaan, qoqqobbiin dinagdee akka itti-aanuuf Joo Baayidan Ajaja Pireziaantummaa kana raawwachiisuu dabarsanii turan.

Amma Itoophiyaan carraa AGOA kana keessaa akka baatu gochuun kunis qaama qoqqobbii dinagdee US akka keessa dhaadataa turteeti.

Qondaalonni Itoophiyaa murtoo Ameerikaan carraa daldala qaraxa irraa bilisaa (AGOA) keessaa Itoophiyaa baasuuf karoorfatte irra deebiin akka ilaaltuuf gaafataa turan.

Deeggarsa kallattiin humna waraanaafi dinagdee biyyattiif taasisaa turtes dhaabdetti. Deeggarsa namoomaa qofa biyyattiif kennaa akka jirtu dubbatte US.

Carraa daldalaa Ameerikaan uumte AGOA'n maali?

African Growth and Opportunity Act' (AGOA) sagantaa Yunaayitiid Isteets daldala biyyoota Afrikaa Saharaa gadii jajjeebeessuuf jecha bara 2000 koongireesii Ameerikaan fudhatama argateedha.

Carraan daldalaa US Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa biroofis bante biyyootni kun omishaalee isaanii qaraxa malee gabaa Yunaatid Isteetisiif akka dhiyeessan hayyama.

Carraan kun biyyootni kaanis danqaa daldala Ameerikaaf biyya isaanii keessa jiru akka hambisaniifi ilaalcha heddummina siyaasaa jajjabeessuu akka qaban akka ulaagaatti qabateera.

Ibsa kana dura Waajjirri Daldalaa Ameerikaa baaseen ''Sarbamni mirgoota namoomaa idila addunyaa beekamoon Kaaba Itoophiyaatti waraanaa fi gaaga'ama namoomaa dhalateen walqabatee mudate hin furamu taanaan ulaagaa Itoophiyaan fayyadamtuu sagantaa AGOA taatee itti fufuu miidhuu mala'' jedhee ture.

Humnootni TPLF gidduu kana naannoo Amaaraa keessatti magaalota akka Dassee fi Kombolchaa qabachuu himan.

Mootummaan Itoophiyaa uummatni biyyattii waan qabu hundaan lola kana irratti akka hirmaachuu qabu dhaame.

Naannoon Amaaraa labsii yeroo muddamaa labsuun baajataa fi humni naannichaa gara waraana kanaatti akka naanna'u labse.