Yaaddoo carraan daldala AGOA gufachuu warshaaleefi hojjettootarratti uume

Madda suuraa, EYERUSALEM JIREGNA
Carraan African Growth and Opportunity Act (AGOA) sagantaa Yunaayitiid Isteets daldala biyyoota Afrikaa Saharaa gadii jajjabeessuuf jecha bara 2000 Koongireesii Ameerikaan fudhatama argateedha.
Carraan daldalaa US kun Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa biroofis bante biyyootni kun omishaalee isaanii qaraxa malee gabaa Yunaayitid Isteetisiif akka dhiyeessan hayyama.
Itoophiyaan carraa kanarraa fayyadamaa kan turte yoo ta'u, keessumaa omishawwan akka huccuufi uffata qaraxarraa bilisaan Ameerikaatti erguun irraa fayyadamaa turteetti.
Carraan kun uumamuu isaarraa kan ka'een ammoo invastimantiin babal'atee lammileen kuma hedduutti lakkaa'amaniif carraa hojii bal'aa uumaa tureera, sharafa alaa baayyee barbaadamaa ta'es biyyaaf argamsiisaa tureera.
Biyyoonni waliigaltee AGOA irraa fayyadaman sagantaa kana keessatti hammatamuuf ulaagaaleen barbaachisan hanga guutanii argamanitti omishtoonni biyya isaanii keessa jiran oomisha isaanii qaraxarraa bilisa akka Ameerikaatti ergan hayyama.
Amma garuu waraana Kaaba Itoophiyaa waliin walqabatee hanga Amajji 2022tti wanti foyya'u hin jiraatu taanaan Itoophiyaan carraa AGOA fayyadamaa turte kana keessaa ba'uuf jirti.
Kun taanaan ammoo biyyattii omishawwan qaraxarraa bilisaan gara Ameerikaatti erguu akka dhaabdu ni taasifama jechuudha.
Tarkaanfiin kun dhiibbaawwan Ameerikaan waraana Tigraay waggaa tokko dura jalqabame akka dhaabbatuuf Itoophiyaarratti taasisaa jirtu keessaa tokko yoo ta'u, dinagdee Itoophiyaa sababa waraanaatiin dadhabee jirurratti dhiibbaa dabalataa fiduu danda'a.
Warshaalee karaa AGOA carraa uumameen omisha huccuu ergan keessaa kudhanii ol kan ta'an magaalaa Hawaasaatti kan argaman yoo ta'u, hojjettoota hedduu qacaranii hojjechiisu.
Carraa karaa AGOA uumame kana kanneen fayyadaman keessaa tokko miseensa Hong Kong Epic Group kan ta'e Epic Apparels huccuu omishudha.
Waraana Kaaba Itoophiyaatti deemaa jiruun walqabatee sarbama mirgoota namoomaa raawwatamaniiru jechuun Ameerikaan akka Itoophiyaan carraa daldalaa qaraxarraa bilisaa kana fayyadamuu keessaa akka baatuuf murteessuun ishee warshicha baayyee yaaddesseera.
"Itoophiyaatti hojii kan jalqabne biyyattiin ykn biyyoonni gara garaa Afrikaa Sahaaraan gad jiran oomisha isaanii karaa qaraxarraa bilisa ta'een gara Ameerikaa akka seenfatan mirga argachuu isaanii hordofeeti. Kanaaf, dhimmichi nama yaaddessa," jedhan pirezidantiin Ittaanaa Kampaanichaa Raayit Naayir.
Murteen kun hojii isaanii gar-malee waan miidhuuf, "carraan AGOA yoo hin jiraanne gara biyya biraa deemuun nurra jiraata. Itoophiyaa keessa jiraachuun keenya kanaan booda nu hin fayyadu," jechuun itti dabaluun yaaddoo qaban ibsan.
Warshaaleen Epic Apparels fakkaatan dargaggoota kuma hedduutti lakkaa'aman qacaranii hojjechiisaa jiru.
Kanneen keessaa ammoo garri caalan dubartoota yoo ta'an, dhorkaan fayyadamummaa AGOA irratti taasifamu muka bultoo isaanii balaaf saaxiluu danda'a jedhanii yaaddoo keessa jiru.
Itoophiyaan biyyoota baay'ee waggoota dheeraaf walitti aansuudhaan guddina dinagdee saffisaa galmeessan keessaa adda dureedha.
Itoophiyaan paarkiiwwan Industirii kutaa biyyattii bakka gara garaa keessatti ijaaruudhaan guddina dinagdeeshee saffisiifataa wayita jirtutti waraanni uumamee carraa GOA keessaa dhorkamuurra geesseetti.
Waraanni naannoo Tigraay keessatti jalqabamee gara naannolee ollaatti babal'ate kun waggaa tokko darbe dhiiga dhangalaasaa turuu isaatiin alattis, dinagdee biyyattii gaaga'eera.
Hawaasni addunyaa qoqqobbii dabalatee Itoophiyaarratti dhiibbaa taasisuu itti fufullee dubbichi caalaa kan hammaatu ta'uu danda'a jechuun hedduun yaaddoo qaban ibsu.
Xuruwarq hojjetoota kuma lama Warshaa Huccuu Epic Apparels keessa hojjetan keessaa ishee tokkodha.
Haadha ijoollee lamaa yoo taatu, waggoota afran darban keessa maatiishee kan jiraachisaa turte galii warshaa kana keessatti qacaramtee argattuunidha.
"[Warshichi] kan cufamu taanaan manatti deebiyee nama hojii hiiken ta'a. ... Yeroo tokko tokko osoo warshaan kun hin jiraannee dargaggoonni kunneen hunduu maal ta'uu danda'u jedheen of gaafadha," jechuun carraa hojii Warshichi isheefi dargaggoota biroof uume ibsiti.
"Hundumtuu gara haadhaafi abbootii isaaniitti deebi'uutu isaanirra jiraata. Deebiyanii haadhaafi abbaa isaaniitti ba'aa ta'u," jetti Xuruwarq.
Murtee Ameerikaan akka Itoophiyaan carraa AGOA fayyadamuu keessaa baatu taasifte, "gaddisiisaadha" jechuun kan ibsitu Xuruwarq, tarkaanfiin kun osoo hojiitti hin jijjiiramiin dhimmicha irra deebitee akka ilaaltuuf Ameerikaa gaafatti.
AGOAn waggaa waggaadhaan dinagdee Itoophiyaatiif dolaara miliyoona 100 ol kan argamsiisu yoo ta'u, namoota 100,000 ta'an keessattii dubartootaafi dargaggoota warshaalee huccuufi uffata keessa hojjetaniif kallattiin carraa hojii uumeera.
Yeroo ammaa kana waraanichi akkuma itti fufetti ta'us, namoonni baayyeen ammallee furmaanni nagaa akka argamuufi biyyattii gara AGOA fayyadamuutti deebitee hojiifi muka bultoo isaanii oolfachuu akka danda'an abdachaa jiru.
Carraan daldala qaraxarraa bilisaa, AGOA, Ameerikaan biyyoota Afrikaa Sahaaraan gadiif kennite kun jalqaba bara 2000 hanga 2008 kan turu jedhamee jalqabame.
Booda akkuma waliigalteen waggaa saddeetii jalqabaa xumurameen ammoo pirezidantiin duraanii Ameerikaa Joorj Buush AGOAn akka hanga bara 2015tti akka dheeratuuf mallatteessan.
Itti aansuudhaan ammoo hanga bara 2025tti akka dheeratuuf Pirezidant Baaraak Obaamaa kan hayyaman yoo ta'u, waggaa afurii booda keessa deebiyamee kan ilaalamu ta'a.
Odeeffannoo kana waliin deeman biroof:














