Waraana Itoophiyaa: Kombolchaafi Laallibalaatti deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf balaliin xiyyaaraa hayyamame

Jeefrii Feltimaan, Dammaqaa Mokonnin fi Geetaa Paasii

Madda suuraa, Dammaqaa Mokonnin

Ibsa waa'ee suuraa, Jeefrii Feltimaan, Dammaqaa Mokonnin fi Geetaa Paasii

Mootummaan Itoophiyaa naannolee Amaaraa to'annoo hidhattoota Tigraay jala jiran Kombolchaafi Laalibalaatti deeggarsi namoomaa xiyyaaraan akka dhiyaatu hayyamni kennamuu beeksise.

Ministirri Haajaa Alaaa fi Itti aanaan Ministira Muummee obbo Dammaqaa Makoonniin ergamaa addaa Yunaayitid Isteets Jeefrii Feeltimaan waliin yeroo mariyatan Kombolchaafi Laallibalaatti deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf balaliin xiyyaaraa hayyamamuu ibsuu isaanii Ministeerri Tajaajila Kominikeeshinii mootummaa beeksise.

Waraana mootummaa Itoophiyaa fi hidhattoota Tigraay gidduutti godhamu karaa nagaa xumura itti gochuu ilaalchisee aanga'ootni lameen ejjennoo biyyoota isaanii ibsuun mariyataniiru.

Dabalataanis waraana naannolee Amaaraafi Affaarittis rakkoo namoomaa jabaa uumaa jiruuf fala uumuuf gara Kombolchaafi Laalibalaatti balaliin xiyyaaraa deeggarsa dhiyeessu akka godhamu hayyamni kennamuun ibsameera.

Naannoo Tigraayittis torbanoota dheeraa booda konkolaattotni deeggarsa fe'an 369 akka seenan hayyamameera.

Laalibalaafi Kombolchaan naannolee Amaaraa harka hidhattoota Tigraay jiran yoo ta'an, dhimma balalii deeggarsaa kana ilaalchisee hoogganoota TPLF irraa wanti jedhame hin jiru.

Obbo Dammaqaan hidhattootni Tigraay naannolee Amaarafi Affaar gadhiisanii akka bahan dhiibbaan akka godhamu gaafachuu isaaniis Ministeerri Tajaajila Kominikeeshinii mootummaa ibseera.

Ministirri Haajaa Alaa US Antonii Biliinkeen Naayiroobiitti dhimma waraana Itoophiyaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa yoo kennan ''Kanaaf qaamoleen hundi of duuba akka deebi'an, WBO fi TPLF imala gara Finfinnee godhan akka dhaaban barbaanna.

Qaamoleen hundi walitti dhufanii waraanaa dhabuuf mariin eegalamuu arguu feena'' jedhaniiru.

Ameerikaan qaamoleen hundi haalduree tokko malee gara marii dhukaasa dhaabuutti akka seenan gaafachaa jirti.

Mootummaan Itoophiyaa waraana kanaaf fala karaa nagaa soquuf fedha akka qabu ibsee kun ta'uuf garuu hidhattootni TPLF nnaannolee Affaariifi Amaaraa keessaa bahuu, haleellaa raawwchuu dhaabuufi mootummaa federaalaaf beekamtii akka kennuu qabu beeksiseera.

Gama kaaniin hoogganootni TPLF marii dhukaasa dhaabuu gochuuf haaldureewwan akka ulaa deeggarsa namoomaa banuu, danqaa deeggarsarratti kaahame kaasuu, tajaajila hawaasaa naannicha keessatti ugguraman deebisanii banuu fi kaanis akka haaldureetti kaahaniiru.