Waraana Tigraay: Akkamiin humnootiin TPLF waraana Itoophiyaan mo'atamu dadhabame

Madda suuraa, AFP
- Barreessaa, Faaruk Chootiyaatiin
- Gahee, BBC News
Waraanni Itoophiyaa yeroo tokko akkaan jabaafi kabajaa US argatee ture dirree waraanaatti waan injifatameef mootummaan lammiileen waraana finciltoota Tigraay waliin taasifamu akka seenan murteesse.
Dirree waraanaatti kuni jijjiirama guddaadha.
Waggaa tokko dura waraanni Itoophiyaa paartii Naannoo Tigraay bulchaa ture Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABBUT/TPLF) aangoo irraa kaase. Amma loltoonni TPLF magaalota gara Finfinnee geessu to'ataa jiru.
''Loltoonni TPLF jalqaba Tigraay keessatti karaa riphee loltummaan haleellaa rukutanii baqachuu fayyadamuun waraana Itoophiyaa huban,'' jechuun xiinxalaan Gaanfa Afrikaa US jiraatan Fayisal Roblee ibsu.
''Amma lola kana xumuruuf lola seenan.''
Haa ta'u malee, ogeessi diinagdeefi dhimma Itoophiyaarratti barreessan Achaammellah Taammiruu fulduratti qajeeluun TPLF ''yeroofidha'' jechuun ibsu.
''Lammileen Itoophiyaa hundi Itoophiyaa oolchuuf ka'aniiru,'' jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Tooftaan TPLF kunis gulaalaa duraanii BBC Tigrinyaa Saamu'el Gabrahiywat waa'ee yeroo dargaggummaa isaatti riphee loltummaan Ertiraaf lole isa akka yaadachiisu hima.
Finciltoonni Ertiraa humnoota Tigraay waliin loluun hanga 1991 mootummaan Mangistu H/Maariyaam aangoorraa ka'utti lolaa turan.
''Meeshaa waraanaa baay'ee hin hidhanne, saffisoodha, nyaata gahaa malee kaka'umsaafi kutannoo agarsiisaa turan,'' jechuun hima.
Lolli erga xumurame booda Ertiraan walabummaa ishee yoo labsitu TPLF immoo aangoo mootummaa Itoophiyaa to'ate. Ta'us olaantummaan siyaasaa isaa bara 2018 mormii ummataan xumura argate.
Ergasii hoggantoonni TPLF Maqaleetti galanii Sadaasa waggaa darbe kanneen waraana keessa isaaniif amanamaniifi ganan - komaandarootaafi loltoota dabalatee - waliin ta'un buufata waraanaa Itoophiyaa irratti haleellaa raawwatan.
Meeshaalee waraanaa gurguddoo qofatu fudhatame miti, garuu qondaaltonni olaanoofi waraanni Itoophiyaa didan ajjeefamaniiru yookiin kumaan to'atamaniiru.
''Haleellaan galgala sana raawwate Itoophiyaa waraana federaalaa malee hambiseera,'' jechuun Achaammellah hima.
Haa ta'u malee, milishaan - deeggarsa waraana Ertiraa irraa argameeniifi milishaan Naannoo Amaaraa irraa haleellaa baname qolatan.
Haleellaa qilleensaafi lafoon lola banuun ji'a tokko gaditti TPLF aangoorraa buusan.
Ta'us akka Saamu'el jedhutti, badii lammiilee nagaarratti raawwataniin - gudeeddii, ajjeechaa fi midhaan gubuu dabalatee - Tigroonni ''hawaasa hundarraa kabaja ofii tikfachuuf TPLF'tti goran.''
''Maatiin ijoollee isaaniin: 'Manatti du'uurraa dhaqaa lolaa.' Eegasii waraanni waraana Itoophiyaafi TPLF qofa gidduu miti ummata Tigraayiifi waraana gidduutti ta'e.''


Madda suuraa, Getty Images
Akka Robleen jedhanitti, janaraalonni kana dura soorama bahan yookiin ganan gaarreeniifi holqa Tigraayitti seenuun akka damee waraanaa TPLF'tti Humna Ittisaa Tigraay (TDF) hundeessan.
Kanaanis namoonni kuma kurnaan lakkaa'aman akka qindoominaan socho'an taasisan.
''Janaraalonni kunneen lammilee Tigraay tiksuun dirqama keenya jedhanii yaadan. Beekumsa waraana keessa jiru itti dhimma bahuun kufaatii isaarratti dalagan,'' jedhu Robleen.
Humnoonni Tigraay magaalaa Finfinneerraa 300km gadirraa fagaatanii argamu. Yeroo ammaa ifatti waraana Itoophiyaa yeroo tokko Afrikaarraa cimaa ta'erra olaantummaa qabu jechuun himu.
''Itoophiyaan Gaanfa Afrikaatti waraana shororkeessummaa qolachuuf keessumaa Somaaliyaatti taasifameetti, michuu Ameerikaa tokkoffaadha. Somaaliyaatti Mana Murtii Islaamummaa kan al-Shabaab dura ture fonqolchaniiru.
''Ameerikaan waraana Itoophiyaa qarshiin gargaaruun, meeshaan itti kennun alatti nyaata qophaa'e qopheessiteettif,'' jechuun Robleen dubbatu.
''Gamtaan Afrikaa nagaa kabachiisuuf isaanirratti hirkate. Amma garuu Itoophiyaan mataan ishii nagaa hin qabdu.''
Ganuu fi hamilee dhabuu
Muddamni TPLF kan eegale wayita MM Abiy Ahimad Ebla 2018 gara aangootti dhufan ture. Lammiileen saboota biyyattii keessatti lakkoofsa gurguddaa qaban lamaan Oromoofi Amaaraa hedduun, bulchiinsa biyyattii TPLF'n waggoota 27f hoogganamaa ture cimsanii morman.
Gaafas MM Abiy jijjiiramoota hedduu hojiirra oolchan, kanaanis TPLF wajjiin mufii cimaa keessa galan.

''Uummata Itoophiyaa keessaa sabni Tigraay %6 qofa kan tahan oggaa tahu, gaafa TPLF aangoorra ture, sirna federaalizimii hojiirra oolche. Kunis [sabaafi sablammoonni] naannoo ofiisaanii akka hundeessan kan aangoo kennuuf ture,'' jedhu Aabba Robleen.
''TPLF Minisitirri Muummee [dhalataa Oromoo tahan] aangoo hunda gara mootummaa jiddu-galeessaatti fida jechuun sodaatan. Kanaanis muddamni hamaan dhalatee, boodarras gara waraanaatti cehe.''
Daarektara Faawundeeshinii Nagaa Addunyaa kan tahan Alex de Waal ammoo, MM Abiy caasaa waraanaa: kanneen isaaniif amanamoo tahanitti akkasumas komii dhalattoonni Tigraay waraana keessa iddoo hedduu qabatan jedhu tasgabbeessuuf jijjiirama taasisan jedhu.
''Dhalattoonni Tigraay waraana guutuu keessaa %18 turan. Kanneen aangoorra turanis dachaa lakkoofsa kanaa turan. Lakkoofsa uummataa wajjin walbira yoo qabamu, kan walmadaalu hinturre.
MM Abiy [waraana keessaa] dhalattoota Tigraay dhiibee baasuun, loltoota Rippablikaan Gaard UAEn leenji'aniifi isaaf amanamoo tahan ijaare,'' jedhan Prof De Waal.
''Jijjiiramni kun loltoota hamilee cabse - tokkummaan isaaniis ni hafe. MM Abiy waraanni jalqabamuu dura akka haaraatti ijaaruuf yeroo hin arganne.''
Akka Prof De Waal jedhutti divizhinii waraanaa 20 keessaa 10 ni mo'amuun, yoo xiqqaate loltoonni 10,000 tahan ajjeefaman. Kanneen lakkoofsa walfakkaatu qabanis booji'aman - divizhiniin tokko loltoota 5,000 kan of keessaa qabudha.
Dhimma kanarratti BBCn dubbi-himaa waraana biyyattii dubbisuuf yaaliin taasise hin milkoofne.
Haleellaa dambalii yookaan baay'ina namaan
Waxabajjii dabre keessa TPLF bakka hedduu naannoo Tigraay deebisee erga to'ate booda, gama naannoolee ollaa Amaaraafi Affaariin lola bane. Wayituma sanattis MM Abiy finciltoota kana loluuf, lammiileen humna qaban hunduu waraana biyyattiitti akka makaman waamicha dhiyeessan.

Madda suuraa, Getty Images
''Imala gara fuulduraa humnoonni Tigraay taasisan qolachuuf, waraanni [naannoo Amaaraatti] lola baay'ina namootaa qindeesse. Kunis qonnaan bulaa, barattootaafi dargaggoota magaalaa keessaa kan hammate ture.
Jarri kun lafasaanii eeguuf haalaan si'aawoo turan, garuu leenjii bu'uuraa torbanoota muraasaa qofa qabu turan,'' jedhu Alex De Waal.
''Garii garii haleellaan baay'ina namootaa marroon lammaffaa qawweeyyuu kan hinqabne turan. Kumaatamatti kan lakkaa'aman, tarii kuma kudhanitti kan lakkaa'aman humnoota Tigraayiin ajjeefamaniiru.''
Kunis dhimma mirga namoomaa walxaxaa tahe fida jedhu Prof De Waal. Akkamiin jennaan: ''Garaagarummaa loltootaa fi lammiilee nagaa gidduu jiru balleessa. Kana malees uummata Amaaraafi Tigraay gidduutti diinummaa uuma. Nagaafi araara buusuufis rakkisaa taasisa.''
Aabba Achaamiyallah garuu malli kun hojiirra hinoolle jedhu. Dargaggooni wayita loltoonni naannicha hin turretti, hawaasa isaanii balaa dhufu jalaa eeguun isaaniirra ture jedhu.
''Gaafa TPLF manaa manarra deemuun dhalattoota Amaaraa adamsu, haadholii ajjeesu fi ijoollee isaanii gudeedu, callisaanii mana cufatanii hin teenye.''
Dhiyeenya kana ammoo mootummaan federaalaa kaka'umsa haara horachuuf jecha labsii yeroo hatattamaa labseera. Kanaanis kanneen umuriin isaanii gaheefi meeshaa waraanaa qaban waraanatti galchuuf aangoo qabaata. Kana malees loltoota tajaajilanii soorama bahaniifis waamicha taasiseera.
Mootummaan naannoolees tarkaanfii ofii hojiirra oolchaa jiru. Naannoon Amaaraa waajiraaleen mootummaa hundi xiyyeeffannoo isaanii gara waraanichaa akka taasisaniifi jiraattonnis konkolaataan isaanii lola kanaaf yoo barbaachise akka hojiirra oolu akeekeera.
Prof De Waal tarkaanfiiwwan kun bu'a qabeessa miti jedha.
''Namoota hedduu argachuu danda'u, garuu caasaan ajajaa fi to'annoo raayyaa diigameera. Waraanni jaarmiyaa adeemsa waggoota hedduu keessatti, kaayyoo waloofi qajeelfama waloof kan ijaaramudha.''
Haa tahu malee ogeettiin nageenyaa teessoon ishee Kaanaadaa tahe Ann Fitz-Gerald, loltoonni TPLF miidhaan caalu irra gaheera jetti.
Inumaawuu finciltoota kanatu wayita ulaa barbaachisaa to'achuufi humna ittiin mari'atan dabaluuf jecha ''dambalii namaa'' jedhamu kanatti dhimma bahe jetti.
Akka Prof Fitz-Gerald jettutti Raayyaan Ittisa Biyyaa bakkasaa qabatee kan jiru oggaa tahu, gabaasa miidiyaalee biyya keessaan, waraanni Itoophiyaa yaalii 12 finciltoonni TPLF magaalaa Miillee qabachuuf taasisan qolatan jetti.
Magaalaan Miillee ulaa haalaan barbaachisaa taate wayita taatu, daandiin guddichi gara Jabuutii geessu achi keessaan fulla'a.
Imala gara Finfinnee
Finciltoonni TPLF magaalaa guddoo biyyattii uummata miiliyoona shanii ol qabdu to'achuuf fedhii akka qabanis himaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
''TPLF mootummaarra dhiibbaa uumuun mari'achuu barbaada. Finfinnee galu jedhee hin yaadu. Achitti fudhatama hinqaban,'' jedha Aabba Saamu'el.
Prof De Waal akka jedhutti mootummaan ''gama waraanaan injifatamus, TPLF injifadheera jechuuf ni rakkata. Maaliif jennaan, mo'ichi kan siyaasaa waan taheef.
''Qaamolee siyaasaa kaanirraa deeggarsaafi tumsi isaan barbaachisa, kanammoo hinqaban.
''Kanaaf mariin taa'amuunsaa hinoolu. San booda xiyyeeffannoo TPLF kan tahu egeree Tigraay irratti.''




















