BBC Africa Eye: Itoophiyaatti ajjeechaa jumlaa kana eenyutu raawwate?

Ibsa waa'ee viidiyoo, Qorannoon viidiyoo ajjeechaa jumlaa Tigraayitti raawwatame irratti gaggeeffame maal agarsiisa?

BBC Africa Eye qorannoo taasiseen naannoo Tigraayiitti ajjeechaa jumlaa bakka tokkotti raawwatame keessatti miseensonni raayyaa ittisa biyyaa duuba jiraachusaanii ragaalee muli'san argate. Qorannoo kanaanis bakka tokkotti yoo xinnaate dhiiroonni 15 ta'an ajjeefamuu adda baasuu danda'eera.