Lola Tigraay Itoophiyaa: Baatii tokko dura Maayikaadiraatti wanti ta'e maali?

Magaalaa Maayikaadiraatti siree reeffa namoota dua'nii deddeebisuuf itti fayyadamaa turan, Sadaasa 21 kan kaafame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Maayikaadiraatti siree reeffa namootaa deddeebisuuf itti fayyadamaa turanii fi iddoo awwaalchaatti gatame

Magaalaa Kaaba-Dhiha Itoophiyaa Maayikaadiraatti ajjeechaan jumlaa lubbuu namoota 600 olii galaafate kan raawwate ji'a tokko har'aa ture. Gartuuleen mirgoota namoomaa namoonni haleellaa irra gaheen ajjeefaman 600 ol ta'uu akka malu ibsaa turan.

Ajjeechaan kun raawwatee hanga ji'a guutuutti BBCn jiraattota magaalattii qunnamee waan mudate hubachuu hin dandeenye.

Amma malooti qunnamti akka telefoonaa fi intarneetii gariin deebi'ee jennaan jiraattota dubbisuu dandeenyeerra.

Haleellaan lubbuu namoota dhibbaan lakkaa'amanii galaafate kun kan eegale A.L.I Onkoloolessa 30 waaree booda sa'aatii 9 irratti yoo ta'u hanga ganama guyyaa itti aanuutti itti fufe.

***

Tirfaay Girmaay dhalattuu Tigraay yoo taatu nama sabaan Amaara ta'etti heerumtee waggoota 12f Maayikaadiraa keessa jiraatte. Ilmoo tokko waliin qabu.

Abbaan warraa isii kan hojii qonnaa hojjetu harmee isii dabalatee maatii kan jiraachisu isa.

Waggaa 12 achi jiraatte keessatti taatee akka gaafasii takkaahuu argitee akka hin beekne dubbatti.

Abbaan warraa isii fi maatii isii jiraachisaa ture gara jabinaan mana isaa fuula duratti ajjeefame. "Abbaan warraa koo nama tokko hin ajjeesne, waanuma Amaara ta'eef na duraa ajjeesan jedheen yaada" jetti.

Ofiin rakkoo fayyaa akka qabdu ka himtu Tirfaay, duuti abbaa warraa isii jireenya isii akka gogoleesse himti. Haadhaa fi daa'ima isii jiraachisuuf maal gootu wallaaluu isii dubbatti.

***

Jiraattuun Maayikaadiraa biroo haleellaadhuma wal-fakkaataan abbaa warraa isii dhabuu himti. "Jalqaba akka balbala keenya cufannu nutti himamee ture, ta'us dhufanii nu bansiisanii warraa dhiiraa baasanii ajjeesan" jechuun gaddaan dubbatti.

"Waaree booda sa'aatii 11 irratti dargaggoonni gareen dhufanii abbaa warraa koo fi obboleessa isaa ajjeesan" jetti Yashiin.

"Ana osoo hin taane abbaa warraa koo akka barbaadan natti himan. Wayita isaan abbaa warraa koo ajjeessan anis ijoolleen koos ilaalaa turre," jetti.

"Yeroos boo'aan ture, akka malee rifadhee waanan tureef nan boo'e. Gariin isaanii anas "ajjeesi" waliin jechaa turan, kaan lubbuu na oolchan," jetti.

Dargaggoonni kunneen qabeenya mana keessa ture tokko tokko fudhachuullee himti.

Yashiin abbaa warraa ishee Ayyenew Mulaatuu waliin ganna 10 oliif waliin jiraatan. Ijoollee lamas horataniiru. "Ishiin xiqqoon naaf gamsiifte, halkan qixxee kaatee 'meerre abbaan koo?' naan jetti" jetti Yashiin.

"Erga abbaa warraa koo ajjeesaniin duuba, waa'ee jireenya kooti yaaduuf humnan dhabe. Gadda hamaan qalbiin na cabde. Waan raawwate jechaan ibsuun rakkisaadha."

***

Xilaahun Attaalaay Maayikaadiraa keessaa ollaa Gimb Sefer jedhamu jiraata. "Gaafas mishingaa calleessuuf qophii gochaa osoo jirruu, guyyaa keessa naannoo sa'aatii 7 namoonni gareen gara mana keenyaa dhufanii waraqaa eenyummaa keenya nu gaafatani" jedha.

"Saba keenya mirkaneeffachuuf jedhaniiti natti fakkaata" jedha Xilaahun.

"Sa'aatii 8 irratti dargaggoonni magaalattii keessatti hiriira bahanii, achi booda sanumaan gara haleellaatti cehan."

Mana manarra deemuu gaafa eegalan, "Dubartootaa fi daa'imman akka hin miine dhageenye. Kanaaf anii fi obboleessi koo baaxii keessa dhokanne. Nu barbaadanii nu dhabnaan deeman," jedha.

Kaartaa Humaraa, Tigraay
Ibsa waa'ee suuraa, Maayikaadiraan magaalaa xiqqoo dhiyeenya magaalaa Humaraatti argamtudha, qonna babal'aan beekamti

Galgala sa'aatii 1 fi yeroo sadaffaaf 1:30 irratti deebi'anii mana isaa sakatta'uuf yoo dhufan daran rifachuu hima Xilaahun.

"Yeroo kanatti haadha warraa obboleessa kooti gadi baasanii albee itti baafatan. 'Abbaan warraa kee eessa akka jiru nutti hin himtu taanaan, daa'ima kee ajjeefna' jedhaniin. Daa'ima fuudhuuf yoo jedhan dura gortee "dura ana ajjeessaa" jetteen."

Yeroo kana Xilaahun baaxii manaa keessa dhkatee obboleessa isaa waliin dhageeffataa ture.

Obboleessi isaa daa'imaa isaa ajjeesuuf jennaan miira isaa to'achuu dadhabee iddoo dhokatee bahee dhaqe.

Hanga lubbuun isaa baatutti reebanii ajjeessan, haati warraa isaas miidhamteetti jedha Xilaahun.

"Gareen Samrii jedhamu mana manarraa naanna'aa ture dargaggootaa 150 ol turan. Milishaan hidhatee fi poolisiinis waliin turan," jedha.

Ajjeechaa qofa osoo hin taane qabeenya saamuunis akka ture hima Xilaahun. Ajjeefamuu isaan guyyaa muuraasa dura obboleessi isaa Saliixa gurguratee qarshii 90,000 manaa qaba ture.

Dargaggoonni wayita haleellaa sana raawwatan maallaqa sanas fudhataniiru jedha.***

Adde Hadaas achuma jiraattu ollaa Gimb sefer jedhamuuti. Abbaa warraa isii Birhaanuu waliin ganna 17 waliin jiraatan, ijoollee sadii qabu.

Abbaan warraa isii namoota 600 ol haleellaa kanaan ajjeefaman keessaa tokko.

"Guyyaa sa'aatii 6 irratti dhufanii SIM kaardii fi waraqaa eenyummaa isaanii adda baafatan. Ajjeechaan kan raawwate sa'aatii 9 irratti," jetti Hadaas.

Namoonni warra ajjeechaa kana raawwatanitti mana namaa itti agarsiisan waliin turan jetti.

"Abbaan warraa koo milishaa ture, hidhannoo irraa hiikanii ajjeesan" jetti. Maatii isii keessaa namni miidhaannirra gahe biraan magaalaa Gondar keessatti yaala argachaa akka jiru himte.

"Guyyaa itti aanu nus nu ajjeesuuf turan garuu humni waraanaa gahee lubbuu nu baraare. Warri ajjeefaman guyyaa lama booda Sadaasa 2 awwaalaman," jetti.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu
Sarara diimaa

***

Gabramasqal Mangistuu jiraataa Maayikaadiraa yoo ta'u invastimantii qonnaa irratti bobba'ee hojjeta. Yeroo haleellaan kun raawwatu achi akka turee fi waan ta'e jalqabaa hanga xumuraa arguu hima.

Ajjeechaa kana dura dargaggoonni 40 hanga 50 ta'an bakka tokkotti walitti qabamuu hima Gabramasqal.

Yeroos jiraattonni magaalatti maaltu akka ta'aa jiru quba hin qaban, booda wayita dargaggoonni kun nama ajjeesuu eegalan, jiraattonni maltu akka ta'aa jiru ilaaluuf gadi bahanii achumaan ajjeefaman jiru jedha.

Akka Gabramasqal jedhutti kanneen ajjeechaa kana raawwatan jalqaba hojjettoota hojii humnaa irratti xiyyeeffatan.

"Dura hojjettoota hojii humnaa haleelan, kunis booda wayita mana manarra deemanii ajjeesuu eegalan, hojjettoonni kun akka hin dirmanneefi" jedha.

"Hojjettoonni kunneen bakka tokko waan jiraataniif haleellaa kana booda reeffa 20 gahu mana tokko keessaa argameera," jedha.

Itti dabaluunis hanga yeroo dhiyootti reeffa awwaalaa akka turan hima.

"Durumas akkana hammaataa hin turre malee magaalattii keessa darbee darbee rakkoon ture," jedha Gabramasqal. "Kuni garuu balaa hamaa hin eegamnedha" jedha.

Haleellaan kun miira magaalattii jijjiireera jedha Gabramasqal. "Namoonni hedduun gara jabinaan ajjeefamuu dagachuun rakkisaa ta'a" jedhe.

***

Wal-dhibdeen yeroo dheeraaf mootummaa federaalaa fi TPLF jidduu ture Onkoloolessa 24 A.L.I haleellaa mooraa waraanaa ajaja Kaabaa irratti raawwatame hordofee gara waraanaatti cehe.

MM Abiy raayyaan ittisaa tarkaanfii waraanaa akka fudhatu ajajanii torbee tokko booda ajjeechaan Maayikaadiraa kan uumame.

Ajjeechaan kun uumamee guyyaa lama booda suuraa fi viidiyoowwan marsaalee hawaasaa irratti mul'achuu kan eegalan.

Dhaabbanni mirgoota namoomaaf falmu jiraattota magaalattii dubbisuun gabaasa baaseen ajjeechaan kun xiyyeeffannoo argachuu eegale.

Booda Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gabaasa baaseen namoonni ajjeefaman 600 akka ta'an hime. Haleellaan kun saba adda baasuun kan raawwate ta'uus akeeke.

Akka Komiishinichi jedhutti ajjeechaa kana kan raawwate garee dargaggootaa Saamrii jedhamu yoo ta'u milishaa fi poolisii Tigraay raayyaa ittisaa jalaa dheessaa jiruun deeggarameeti.

Haa ta'u malee dhalattoonni Tigraay gara Sudaan baqatani fi haleellaa kanaan miidhamuu himan, garee Faannoo jedhamuu fi milishaa naannoo Amaraan haleelamuu himatu.

Mootummaan federaalaa Itoophiyaa ajjeechaa Maayikaadiraa kanaaf TPLF yakke. Hogganaan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el garuu ajjeechaa kana raawwachuu haalanii, qaamni walaba ta'e akka qoratu gaafatan.

KOmiishinarri mirgoota namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Misheel Baachileet ajjeechaan kun akka qoratamu gaafatanii, "ajjeechaan kun kan mirkanaa'u yoo ta'e, yakka waraanaa ta'uu mala" jedhan.