Lola Tigraay Itoophiyaa: Hoogganaan TPLF Dabratsiyoon GabraMikaa'eel eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Lola waraanaa mootummaa federaalaa fi Naannoo Tigraayi gidduutti gaggeeffamaa jiruun, naannichaa fi paartii naannicha bulchu kan dursan pireezidantiin naannichaa Dabratsiyoon Gabramikaa'eel (PhD), lola kana keessatti maqaawwan guddoo kahan keessaa isaan tokko.
Dabratsiyoon GabraMikaa'el eenyu?

Bara Dargii riphee lolaa TPLF wayita turanitti, Dabratsiyoon sirna qunnamtii loltoota Dargii jaam gochuu (butuun) beekamu.
Haadha warraa isaanii waliin daa'ima tokko kan godhatan Dabratsiyoon, umrii isaanii harka hedduu miseensa TPLF ta'uun dabarsan.
Barnoota isaanii Yunivarsiitii Finfinnee bara 1970'oota keessa adda kutuun waraana waggoota 17 sirna Dargii ilaalcha Maarksiin (Marxist) biyya bulchu kan hoogganan Koloneel Mangistuu Haayilamaariyaam lolaa turan.
Hiriyyaafi jaala qabsoo Dabratsiyoon kan ta'an obbo Alamaayyoo Gazzaahenyi, gaarreen walxaxoo Tigraay irratti leenjii loltummaa isaanii erga xumuranii booda, dandeettii teeknikaa jaala isaanii waan beekaniif, ajajootni TPLF Dabratsiyoniin garee teeknikaatti akka ramadan yaada dhiyeessan.
Akka Obbo Alamaayyoon jedhanitti gareen sun nama of qusataa garuummoo qaroo fi ''mucaa magaalaa'' kan magaalaa Shiree amma humnootni mootummaa federaalaa to'atanitti guddate Dabratsiyooniif bakka maluudha.
Maatii Ortodoksiirraa kan dhalatan hogganaan naannoo Tigraay kun, hiikni maqaa isaanii ''Gaara Tsiyoon'' jechuu yoo ta'u, maqaan abbaa isaanii GabraMikaa'eel jechuun ammoo ''tajaajilaa ergamaa Mikaa'eel'' akka jechuuti.
''Yeroo sadarkaa tokkoffaa barachaa ture, dhagaa baatirii, raadiyoofi meeshaalee elektirikaa walitti qabee supha ture.
Yeroo magaalaa keenya keessatti namni tokkollee ifa elektiriikii hin qabnetti, sibilootuma gaggatamanirraa ibsaa ofii hojjeteera,'' jedhu hiriyyaan isaa obbo Alamaayyoon.
Dabratsiyoon ''garee teeknikaa'' TPLF keessatti gahumsi isaanii cimee, dhaabni isaanii humna waranaa Itoophiyaa yeroo sanii jalaa odeeffannoo hatuuf dandeettii basaasaa haasaa raadiyoo isaanii 'jaam' godhuu akka horatu gahee guddaa bahan.
''Kun bilisa baastootni TPLF odeeffannoo sochii diinaa dursanii akka qabaatan gochuun, akkasumas 'jaam' waan godhamaniif, yeroo haleelamanittis waliin haasa'uu waan hin dandeenyeef akka injifannu gargaareera,'' jedhu obbo Alamaayyoon.
Ogummaa isaanii kana gabbisuuf Dabratsiyoon paaspoortii sobaan gara Xaaliyaanitti imalanii kan turan yoo ta'u, yeroo deebi'anittis sagalee qabsoo TPLF kan ta'e Dimitsi Wayyaanee (hiika ''sagalee warraaqsaa'' jedhu qabu) hundeessan.
Dimitsi Wayyaaneen yeroo duraatiif Afaan Tigriffaan tamsaasa yeroo eegalu saba Tigraayiif madda ofiin boonuu isaanii ture.


Riphee lolaa TPLF kan biroon Me'ishoo Gabrakidaan, galgala erga dukkanaa'ee yeroo basaastotni sirnichaa nama adda baasuuf rakkatanitti, Dabratsiyoon waliin gaarrenitti bahanii anteenaa fannisaa akka turan yaadatu.
''Galgala tokko gaara tokkorraa sigigaate. Anaafi jaalakoo biraa tokkotu isa baraare. Yeroo hunda osoo baraaramuu baatee, raadiyoon kun ni ijaarama turee? jedheen yaada'' jedhu obbo Me'ishoon.
Amma Dimitsi Wayyaaneen sabaa-himaa afaan hedduun akkasumas waltajjiiwwan garaagaraan magaalaa guddoo naannichaa Maqaleetti waajira muummee qaburraa ejjennoo TPLF lola mootummaa federaalaa waliin gaggeessurratti qabu tamsaasa.
Sabaa-himaan kun qeeqa hamaa MM Abiyyirratti dhiyaatu tamsaasa. Mootummaa Federaalaan ugguramus (jaam), guyyaa itti aanu qilleensarratti deebi'eera.

Gara jalqabaa Dabratsiyoniifi Abiy kan hiriyooman fakkaatu ture. Gaheessi ganna 42 Abiy Ahimad, Ministira Muummee Afrikaatti isa umrii xiqqaa ta'uun bara 2018'tti aangoo yeroo qabatu, hoogganaan Tigraay Dabratsiyoon magaalaa guddoo naannichaa Maqaleetti simannaa ho'a qopheessaniif.
''Tigraay bakka seenaan biyya kanaa itti tolfameedha, naannoo weerartootni alaa (Xaaliyaaniifi Masrii dabalatee) mo'amanii itti qaana'aniidha. Itoophiyaa ammayyaa keessattis gadameessa Itoophiyaati,'' jedhan MM Abiy Maqaleetti haasaa taasisaniin.
Dabratsiyonis gama isaaniin waraana daangaa Ertiraafi Itoophiyaatti bara 1998-2000 lolameefi biyyoota lamaan gidduu haala miiraa waraanaa qabu sana booda ture, nagaan xumuruuf duula araaraa Abiy, Pireezidant Isaayyaas Afawarqii waliin eegalan dinqisiifataniiru.
''(Abiy) Eertiraatti imalee Isaayyaas waliin wal arge. Kuni waggoota hedduuf waan yaalamu hin turre. Waan guddaadha sababni isaas biyyoota lamaaniifuu carraa akkaan guddaa kenna,'' jedhan Dabratsiyoon yeroo sanitti.
Haalli jaala walii ta'uu isaanii agarsiisu sun garuu muddama lamaan isaanii gidduutti lafa qabachaa jiru haguugee ture.
'Ati bilchina hin qabdu. Kaadhimamaa sirrii miti jedhee itti himeera'
ADWUI keessatti filannoo MM bara 2018'tti gaggeeffameen Dabratsiyoon kaadhimamanii kan turan ta'us Abiyyin injifataman.
'''Ati bilchina hin qabdu. Kaadhimamaa sirrii miti' jedhee itti himeera,'' jechuun Abiyyitti dubbachuu, Dabratsiyoon bara 2019'tti barruu biyya UK Financial Times jedhamutti himaniiru.
Haata'uutii dhaaba erga Dargiin kufee waggoota 27 Itoophiyaa bulche keessatti, TPLF fakkeenya cunqursaafi malaammaltummaa waan tureef Dabratsiyoniin filachuu dhiisuun raajii hin turre.
Mootummaa keessatti ilaalchi Dabratsiyoon irratti jiru walmakaadha.
Warri isaan qeeqan bara 1990'oota keessa wayita hoogganaa itti aanaa waajira Tikaa turan, hoogganoota dhaaba mormituu basaasuun, kanneen morman cabsuuf gargaaraa turan jedhu.
Kanneen isaan jajan ammoo bara Ministira Kominikeeshiniifi Teeknoolojii Odeeffannoo turan, bu'uuraalee telekominikeeshinii Itoophiyaa hammayyeessuuf hojiilee hojjetan irratti xiyyeeffatu.
Doolaara biiliyoona hedduutti piroojektii shallagamuun Itoophiyaa keessatti fayyadama bilbila moobaayilaa babal'isaniiru.
Haa ta'uutii mootummaatu olaantummaan to'ata. Dhaabbatni teelekoomii Itoophiyaas yeroo hedduu mormii mootummaa balaaleffatu qabbaneessuuf intarneeta cufuun komatama.
''Pirojeektiiwwan bu'uuraalee humna ibsaa fi telekomii isaan hoogganamaa turan. Paarkiin IT magaalaa Finfinnee keessa jiru yaada inni kaaseen hundaa'e.
Gidduugala saayinsii Hawaa isatu jalqabsiise. Piroojektoota mootummaan hoogganu hedduu keessaa gahee qaba,'' jedhu Gidduu gala Imaammata hawaasaa Ameerikaa keessatti argamutti ogeessa kan ta'an obbo Daadee Destaa.
'Nuti misooma malee, waraana hin barbaannu'
TPLF fi Abiy daandiin isaanii gargar kan bahe yeroo MM Abiy dhaaba Adda Dimookraatawaa Warraaqsa Uummatoota Itoophiyaa (EPRDF) kan dhaabbileen sabummaan gurmaa'an walitti dhufanii ijaaran diiguun, bara 2019'tti dhaaba Badhaadhinaa ijaaraniidha.
Aangoo mootummaa Federaalaa dhiisanii gara naannoo Tigraay akka nama jijjiramaatti isaan fudhatutti erga deebi'aniis, Qaammee darbe dhaabbilee nannicha keessatti socho'an afur waliin yaada mootummaa federaalaa diduun filannoo gaggeesaniiru.
''Balballi koo nama kamiifuu banaadha,'' jedhu yeroo hedduu.
''Nuti misooma malee, waraana hin barbaannu'' jechi jedhus jecha yeroo hedduu Dabratsiyoon itti fayyadamaniidha.
Haata'uutii amma lola lubbuu namoota dhibbaan lakkaawamanii gaaga'eefi 30,000 ol biyya ollaa Sudaatti godaansise gidduu jiru.
Akka ragaan UN jedhutti naannolee Itoophiyaa kamuu caala naannoo hiyyummaan itti jabaate kanatti, lola kanaan gamoofi daandii dabalatee bu'uraaleen misoomaa barbaachisoon miidhamaniiru.
''Dabratsiyoon waraana kana akka abaarsaatti ilaalu'' jedhan obbo Daadeen.
Ta'us garuu TPLF ''yaalii Abiy Tigraay keessatti bulchiinsa haaraa ijaaruuf gochu jabaatanii ofirraa qolatu'' abdii jedhu qabu Daadeen.
''Waraana Eertiraa akkasumas kan Dargii kuffisuuf godhame keessa turan. Kanaaf muuxannoo qabu.
Uumama isaatiin waraanni fedha uummata hirmaatuu barbaada, Kunimmoo Tigraay keessa jira,'' jechuun obbo Daadeen lolli kun yeroo dheeraaf itti fufuu akka malu akeekan.
MM Abiy garuu waraana kana akka injifataniifi hoogganoota TPLF fi waraanaa seera dura akka dhaaban amantaa qabu.















