Lola Tigraay: Waldhibdeen Itoophiyaa keessaa to'annoon ala ta'aa jiraa?

Hidhataa baadiyyaa naannoo magaalaa Gondar

Madda suuraa, AFP

Waraanni humnoota mootummaa federaalaa MM Abiy Ahmadiin hogganamuufi kanneen TPLF amanamoo ta’an gidduutti gaggeeffamaa jiru hanga ammaatti lubbuu namoota dhibbaan lakka’aamanii galaafatee, biyyatti addaan qooduuf adeemaa jira jechuun Aleex Di Waal barreessa.

Waraanni lafaratti akkumaa adeemaa jiru, gami lachuu ololas walirratti banaa jiru.

Lamaanuu ummata kakaasuufi ofii akka sirrii ta’an addunyaa amansiisuuf yaalaa jiru.

Mootummaan Finfinnee jiruu fi TPLF kan dubbi jalqaba eegalee eenyu isa jedhu irratti wal himatu. MM Abiy qondaaltonni waraanaa hammeenyaan ajjeefamaniiru jedhaniiru.

Hogganaan naannoo Tigiraay Debretsiyoon Gebremikaa’eel humnoota adda Itoophiyaa fi loltoota Eertiraan haleellaan qindaa’ee gaggeefameera jechuun himu.

Hanga qorannoon qaama of danda’en gaggeeffamuti, oduun gama lamaaniin dhufu himannaa ragaa hin qabne kan ta’ee fi dubbii hokkora kaasuuf ooluu maludha.

‘Waggootii dukkanaa’

Gamni lamaanuu seenaa Itoophiyaa akka addaatti ilaalu.

Mootiin Itoophiyaa Haayile Silaasee bara 1974 warraaqsa gaggeeffameen aangorra ka’an. Humni waraanaa Dargi jedhamu aangoo qabate.

Yeroo bulchiinsi waraanaa kun dargaggoota kumaataman lakka’amanitti ‘Gooliin Diimaa’ uumamee gartuulee warraaqsaa biyyatti keessa jiran hedduu irrattis waraanni banamee ture.

Warri Tigiraay yeroo sana akka waggootii dukkanaatti yaadatu, sababiin isaa halleellaan qilleensaa guyyaa guyyaan boombii irratti roobsuu halkaniin qofa akka socho’an isaan taasise.

Haleellaa 1988tti magaalaa Hawuzeen gaggeeffameen namootni gabaa deemaan 1,800 ajjeefamanii arriifi dhukkeen dhohinsichaarra ka’a guyyaa ifaa dukkaneesse halkanitti geeddare.

Bara 1991tti TPLF fi ADWUI waliin ta’uun mootummaa waraanaa kana injifatani. Guyyaa aangoo fudhatanitti hogganaan ADWUI Mallas Zeenawii, karoorri isaa inni tokkoffaa lammileen Itoophiyaa guyyaatti nyaata si'a sadii akka nyaatan gochu akka ta’e dubbatee ture.

Bulchiinsa ADWUI waggoota 27 keessatti lakkoofsi da’imman du’anii shan keessa tokkorraa gara 20 keessaa tokkotti xiqqaateera. Beelli bade, waraanni wal waliini guguddaanis dhaabbateera.

Ta’us garuu Itoophiyaan dimokraasii hin agarre. MM Abiy fi Hordoftoonni isaa isa kana “waggooti dukkanaa 27” jedhu

Dhaalootni dargaggoota hirmaannaa siyaasaa irraa kan dhorkamniifi sagaleen isaani akka gadi qabameetti itti dhaga’ame.

Gartuleen Tigirootaa murtaa’oon siyaasaa, waraana fi dinaagdee biyyatti fedhii isaaniif to’atanii turani jedhu.

Saba Oromoo irraa kan ta’e Abiy Ahimad sababa mormii guddaa gaggeeffamaa tureen angootti ba’e. ADWUI akka hogganaa paartiitti isa filatanii bara 2018tti ministira muummee ta’uun filatame.

Ariitiiin siiyaasaaf walabummaa kenne. Paartii waliini ADWUI diiguun paartii haaraa-Paartii Badhaadhinaa hundeesse.

Sochiin kun jajamuun beekkamtii kenneefi. Qeeqtoonni isaa ammo “diiguun ijaaruu miti” jedhu.

Abiy Eertiraa waliin nagaa busuun, sochii isaa kanaaf bara darbee badhaasa Noobelii Nagaa argatee ture.

Pirezdaanti Isaayyas Afewerqii wagga dheeraaf humna waraanaa irraa eegalee Itoophiyaa diiguuf yeroo dheeraaf karoora qabatus Abiy hogganaa kanaa waliin hariiroo cimsatera.

Abiy amantaa Penxeekoosxaal kan hordofu yoo ta’u, takka takka aangoon isaa akka Waaqarra ta’etti dubbata.

Barreeffamooti isaa, waraqaa qorannoo doktireetii isaa dabalatee, barreeffamoota gargaarsa barnoota biiznasiif qophaa'an fakkaatu. Hooggansi cimaafi amansiisaa tahe, guddoo milkaa'a jechuun amana.

Miseensota poolisii Tigraay

Madda suuraa, AFP

Shakkii malee saboota amaaraa Finfinnee keessa jiraanii fi naannoo Amaaraa keessa jiran biraa deeggarsa guddaa qaba.

Ta’us garuu innis ta’e paartiin isaa isa haaraa filannoon hin qoramne.

‘Heera gatuu’

Mootummaan feederaalaa filannoo naannoon Tigraay gaggeesse kana hin eeyyamne. Paartiin Badhaadhinaas hin hirmaanne.

TPLF ammoo filannoon biyyaalessa jalqaba waggaa kanaatti karoorfamee ture, gariin sababa Covid-19, irra deddeebiin kan dabarfameefi turtiin aangoo mootummaa darbuu hima.

Isaan naannolee keessaa mootummaa sagalee filattootaan filameefi aangoo qabu akka ta'e himu.

Bakki waraanaa heera mootummaa Itoophiyaadha.

Itoophiyaan sirna federaalaa hordofti. Sirnichi saboonni gurguddoon naannoo isaanii akka bulchan hiree kennaaf.

Seerri kun bara 1994'tti ADWUI'n angoo fudhatee yeroo muraasa booda bahe. Abiy kan balleessuu barbaada.

Bulchiinsoti naannoo Itoophiyaa mirga ofiin murteeffachuu qabu.

Karoorri seera kanaa yoo giddugaleessa biyyatti keessatti dimokiraasiin kufe nannooleen ofiin adda of baasuu akka danda’an gochuuf kan qophaa’eedha.

Kan gaaffii Tigiraayoota qofa hin turre, seena keessatti hoggantoonni saboota dararri irra ga’ee kan akka Oromoo gaaffii kana ni kaasu.

TPLF gaaffii addaan cituu hin kaafne. Garuu waldhabdeen amma adeemaa jiru gara sanatti isaan geessa jira.

Olaantummaa TPLF siyaasa irratti qabachaa ture Oromoo fi saboota kibba biyyatti keessa jiraniin ni mormama ture. Ta’us hundisaani keeyyata hiree ofii ofiin murteessu heeraa biyyatti keessa jiru simataniiru.

Dhiheenyayyuu sabootni Sidaamaa bulchiinsa naannoo ofii isaanii tolchuuf filannoo gaggeessaniiru.

“Bulchuu ykn Balleessuu”

Bara kana Abiy sochii dargaggoota Oromoo aangotti isa fiderraa garagaleera.

Ajjeechaa weellisaa Hacaaluu Hundeessaa booda hiriira mormii irratti namootni 150 ol ajjeefamanii, Abiy namoota 10,000 ol hidhaa buuseera.

Kamisa darbe namoonni dhibbaan lakkaa'aman Finfinnee keessa hiriiruun loltoota Tigraayitti lolaa jiraniif dhiiga arjoomaniiru

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Kamisa darbe namoonni dhibbaan lakkaa'aman Finfinnee keessa hiriiruun loltoota Tigraayitti lolaa jiraniif dhiiga arjoomaniiru

Isaan keessa hogganaan miidiyaa OMN Jawaar Mohammad tokkodha, innis himannaan shororkeessummaa irratti dhiyaateera. Inni biraan Lidatuu Ayyaalew manni murti akka hikamuuf wabii eeyyamus ammayyuu mana hidhaa jira.

Hidhattoonni Waraana Bilissummaa Oromoo ofiin jedhan torban lama dura Wallaga keessatti jiraattota saba Amaaraa 50 ol ajjeesaniiru.

Ajjechaa kanaaf Abiy ‘diinota Itoophiyaa biyyatti bulchuu ykn balleessuu barbaadan’ jedhe himate. Jechi kuni jecha TPLF ibsuuf ittin fayyadamedha.

Abiy gameessota siyaasaa Amaaraa seeraa federaalaa diiguun sirna mootummaa tokkomee ijaaruu barbaadan biratti fudhatama guddaa qaba.

Federaalizimii sabummaa irratti hundaa’e qeequuf sababooti gaarii hedduu jiru, ta’us garuu sabootni Itoophiyaa keessa jiran hedduun – kan hidhataniifi siyaasa beekan- fedhii isaanii malee akka bulchamuu hin dandeenye ifa taasisaniiru.

Gabaasni bakka waraanaa irraa ba’u akka namootni nagaa Amaaraa ajjeefaman hima. Gabaasni Finfinnee fi magaalota bitaa irraa ba’u ammo Tigirooti hedduuminaan hidhamaa akka jiranidha.

Humnooti mootummaa Tiigraayirraa odeeffannoon akka hin argamne taasisaniiru. Dabalataanis naannichaa meeshaleen gargaarsa namoomaallee akka hin seenneef dhorkanii jiru.

TPLF looltota Eertiraa Tigraayiin weeraran booji’uu isaa hima. Abiy waraanaa kan labse karoora Tigraayiin feederalaa jalatti to’achuuf jedhuuni.

Namni waa’ee Itoophiyaa hordofu kamuu kun ni milkaa’a jedhee hin amanu. Pirezdantin Eertiraa kan hedduun weerara Tiigraay irratti baname karoorsu keessa harka qaba jechuun amanan, hanga ammatti homaa hin dubbanne.

Waldhabdeen Itoophiyaa keessa jiru guyya guyyaan to’annoo jalaa ba’aa jira.

Kun lubbuu namoota kuma hedduu galaafachuu mala. Akkuma qaamni tika biyyaaleessa mootumichaa bara 2002tti tilmaametti ammoo “ carraan diigamu kan hin mudannedha jechuun hin danda’amu” jedha.

Alekis Di Waal Muummee Seeraafi Dippilomaasii Yunivarsiitii Taftis ('Tusfts') US argamutti Daarektara Oolaanaa Faawundeeshinii Nagaa Addunyaati.