Lola Tigraay: Magaalaa Maqaleetti haleellaan xiyyaaraa raawwate

haleellaa xiyyaaraa magaalaa Maqalee

Har'a ganama, Wiixata, keessa naannoo sa'aatii 5:00 xiyyaarri waraanaa dhihoo magaalaa Maqaleetti haleellaa raawwate.

Gaazexeessaan BBC ijaan argee, viidiyoos waraabe akka ibsetti, miidhaan lammiilee nagaarra gahe hin jiru.

Televijiniin naannichaa naannoo sa'aatii 4:45 irratti haleellaan raawwachuu ibsuun bakki haleellaan raawwates magaalaa Maqalee kutaa magaalaa Qadaamaay Wayyaane, bakka Indaa Giyoorgis ta'u ibse.

Xiyyaaronni Itoophiyaa haleellaa akkanaa yoo raawwatan kun kan jalqabaa miti.

Mootummaa federaalaafi buchiinsa mootummaa naannoo Tigraay gidduu muddamni yeroo dheeraaf ture, torban darbe waraanatti erga ce'e tarkaanfiin akkanaa itti fufeera.

Viidiyoon maal agarsiisa?

Viidiyoo waraabame keessatti jettiin waraanaa saffisaan qilleensa magaalattii yeroo qaxxaamuru agarsiisa. Jiraattonnimmoo yeroo manatti baqatan mul'isa.

Qondaaltonni Itoophiyaa erga humnoota dhaaba TPLF'tti hidhata qaban irratti qiyyaafachuun haleellaa xiyyaaraa gochuu erga ibsan bubbuleera.

Dabalataan, haleellaan xiyyaaraa kuni kuufama meeshaa waraanaa ajajaa Kaabaa kan Raayyaa Ittisa Biyyaa jalaa saamame jedhameerratti kan xiyyeeffate akka ta'e ibsameera.

Kana keessa garuu, irra - deddeebiin akka ibsametti haleellaan kuni lammiilee nagaa haala hin miinen akka raawwatamu ibsame.

Kana dura pirezidantiin naannichaa Dabratsiyoon G/Mikaa'el lammiilee nagaa rukute jedhanii himatanis ragaa dhiheessan hin qabani.

Dabalataanis qondaaltonni naannichaa, waraanni Itoophiyaa Hidha aannisaa Takkazeefi Warshaa Shukkaaraa Wolqaayit samiirraa haleeleera jechuun komii kaasaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa garuu dubbiin kun sobadha jedha.

Magaalaa Maqalee

Xumura torban darbe humnoonni naannichaa buufata xiyyaaraa Gondariifi Baahirdaar argamanitti rokkeettii darbatanii ture.

Dabalataan, magaalaa Asmaraatti rookkeettiin furguggifamee ture. Ammattii miidhaan dhaqqabsiise ifatti hin ibsamne.

Haleellaan rokkeetii tibbanaa kun qeeqameera.

Ministeera Dhimma Alaa US'tti hogganaa Itti - aanaa kan ta'an Tibor Naagii, haleellaa Asmaraatti raawwate balaaleeffatani tiwiitara gubbaa barreessaniiru.

Lolli mootummaa federaalaa 'yakkamtoota seeratti dhiheessuu' eegale jedhe erga eegale torban lamaaf deema.

Faallaan qondaaltonni Tigraay 'weeraramne' jechuun himatu.

Dhaabbileeniifi qaamoleen garaa garaa rakkoon kuni nagaan akka furamu waamicha dhiheessutti jiru.

Lolli akkamiin eegale?

Paartiin TPLF kan siyaasa Itoophiyaa keessatti waggoota 27 darbaniif olaantummaa qabaachaa ture, battaluma MM Abiy 2018 keessaa gara aangootti dhufanii kaasee komii eegale.

MM Abiy qondaaltoota TPLF mootummaa duraanii keessatti aangoo olanaa qabaachaa turan malaammaltummaa fi sarbama mirgoota namoomaatiin himachuun kaan yoo hidhan kaan aangoo mootummaa irraa ari'an.

TPLF hogganooti hidhamanii fi hojiirraa ari'aman kunneen dhalattoota Tigraay waan ta'aniif addatti irratti fuulleffatame jechuun komata.

MM Abiy bara darbe paartilee miseensota ADWUI saba bu'urreeffatani ijaaraman walitti baqsuun Paartii Badhaadhiina (PP) hundeessuun tarkaanfii biraa wal-diddaa qaamolee lamaanii hammeessedha.

TPLF adeemsa MM Abiy mormuun paartii haaraa kanatti makamuu dide.

Jalqaa bara kanaa erga mootummaan federaalaa sababa weerara koronaavaayirasiin filannoo biyyaaleessaa marroo 6ffaa dheeressee ammoo wal diddaan caalaa guddate.

Naannoon Tigraay Fulbaana keessaa qofaatti filannoo gaggeeffatus, paarlaamaan federaalaa filannichi ''seeraan alaa fi kan akka raawwatameetti hin lakka'amnee'' jechuun murte dabarse.

Ergasiin booda, mootummoonni lamaan wal waliin ''seeraan alaa fi beekamtii heera kan hin qabne'' waliin jechuutti fufan.

Jalqaba baatii Onkolooleessaa mootummaan federaalaa kaabinee naannoo Tigraay waliin waliitti dhufeenya akka dhaabu akkasumas deeggarsa bajata naannichaa akka adda kutu manni maree federeeshinii murteesse.

Sana duras ta'e sana booda mootummoonni lamaan agarsiisa humna waraanaa gara garaa taasisaa turan.

Sadaasa 03, 2020 halkan humni addaa naannoo Tigraay buufata waraanaa raayyaa ittisaa achi jiru haleele jechuun MM Abiy tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu kan ajajan.